Waldhabdee daangaa Itiyoo-Sudaan duuba seenaan jiru maali?


Itoophiyaa fi Sudaan dhimma daangaa gidduusaanii jiruuf furmaata waarawaa kennuufi sararuun haala danda'amurratti hardha Kibxata marii taasiisuuf jilli Ittaanaan Ministira Mummeefi Ministira Haajaa Alaa Itophiyaan Dammaqaa Makonniin hogganan Kaartuum galeera.

Torban dabre Sudaan qondaalonni ishee 'osoo eegumsa irra jiranii humnoota milishaafi waraanaa Itoophiyaan tarkaanfiin tasaa irratti baname' jechuun beeksistee turte.
Miidiyaan mootummaa Sudaan Suna jedhamu ammoo hidhattoonni gama Itoophiyaa haleellaa raawwataniin qondaala gameessa dabalatee, loltoonni afur ajjeefamuu gabaaseera.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftii ''Maasaa qonnaan bulaa keessa seenanii… babal'ifachuudhaaf wanta hin taane seeraan ala deddeemuun mul'atee waan tureef kana deebisuun waan barbaachisuuf kanatu rukutame,'' jedhan.

Daangaan Itoophiyaa fi Sudaan gidduu jiru yeroo hedduu bakka itti walitti bu'insi uumamudha. Lafa qonnaa gabbataa kana qonnaan bultoonni gama lamaanuu jiran kan keenya kan jedhan yogguu tahu, Sudaan lafti kun daangaa Sudaan keessa jira jetti.

Erga taateen kun dhagahamee booda, Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dhimma gama daangaa Itoophiyaafi Sudaan walitti bu'iinsa milishaa waliin dhaqqabe itti dhiheenyaan akka hordofaa jiran ibsan.

MM Abiy fuula tiwiitara isaanii gubbaatti ''rakkina furuuf yeroo hundaa mariidhaan waan dhimma baanuuf, mudannoon akkanaa walitti dhufeenya biyyoota lamaa addaan hin kutan,'' jechuun Kamisa galgala barreessan.

Seen-duubeen waldhabdee daangaa kanaa maali?

Anga'oonni Sudaan Al-Faashqaan lafa Sudaaniiti jechuun irra deddeebiin dubbatu
Akka ragaaleen agarsiisanitti, Itoophiyaa fi Sudaan daangaa km 745 ol dheeratu waliin qooddatu. Sudaan Kibbaa biyyattiirraa fottoquun biyya of-dandeesse osoo hin tahiin dura, daangaan biyyoota lamaan qooddatan km1600 ol ture.
Haga hardhaa garuu daangaan biyyoota lamaanii kun haala ifa taheen sararamee hinjiru.

Seenaa keessatti walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii durii qabee yeroo mara yaa'aa bishaanii laggeen Abbayyaa fi Atibaaraa irratti kan hundaa'efi haala gaariirra kan jiruudha.

Laggeen kunis daldalaa fi walitti hidhaminsa kaaniif carraa bananis, waraanaafillee kan madda turan tahuun ni himama.

Jaarraa 19ffaa keessa, humnoota kolooniin daangaan biyyoota Sudaan, Masriifi biyyoota Baha-Kibba Afrikaa karaa qabachaa dhufe.

Dhimma kanarratti qorannoo kan gaggeessan Dr. Wondwosan Tashooma, qorannoo isaanii keessatti, daangaan Itiyoo-Sudaan hardha jiru waliigalteen kan irra gahame, waliigalteewwan ALA baroota 1902 fi 1907 Itoophiyaa fi Biriteen gidduutti taasifameen akka tahe eeru.

Ragaan akka mul'isuttis, Sudaan bara kolonii Biriteen jala turte sanatti, namni daangaa biyyoota lamaanii jidduu jiru akka sararuuf hojiin itti kenname, abuuraa Ayerlaand Chaarles Gwynn jedhamudha.

Namni kunis daangaa biyyoota lamaan gidduu keessa yeroo dheeraaf naanna'uun, qorannoo erga gaggeesse booda, lafa kamtu biyya kamiif mala kan jedhu murteessuun aangawootatti dhiyeesse.

Bara 1908tti daangaan Itiyoo-Sudaan sararamee xumuramuun, haala guyyaa hardhaa qabu kan argate.
Baroota as dhiyoo keessa garuu biyyoonni lamaan walitti dhufeenya gaarii qabaatanis, darbee darbee daangaa irratti walitti bu'insi waraanaa ni dhagahama.

Pireezidantiin Sudaan duraanii Omaar al-Bashir bara 2001 keessa yeroo garagaraa Finfinnee kan daawwatan yoo tahu, MM Itoophiyaa duraanii Mallas Zenaawiis Kaartuum imalaniiru.

Dhiyeenyattis MM Abiy Ahimad fi gitni isaanii Abdallaa Hamdook yeroo garagaraatti walarguun marii taa'aniiru. Kibxata har'as dhimma kanarratti mari'achuuf jilli qondaaltoota olaannoo Itoophiyaa Magaalaa Kaartuun galeera.

Walumaagalattis walitti dhufeenyi ammaan tana biyyoota lamaan jidduu jiru gaarii waan ta'eef carraan waldhabdee kana mariin itti hiiku danda'an ballaadha.

Iddoo falmisiisaa Al-Fashqaa
Naannoon kutaa biyaa Gadaaref jalatti argamu Al-Fashqaa yookaan Al-Fashagaa jedhamuun waamamu, gabbataa fi qonnaaf kan mijatu tahuusaatiin beekama. Bakka kana Afaan Ingiliziin 'Al-Fashqa Triangle' jedhanii yaamu.

Iddoo kanatti saliixa, boqqolloo, jirbiifi kuduraaleefi fuduraalee kaanillee akka dassaa oomishan. Iddoo laggeeniin marfamuun rog-sadee tahe kana keessa; laggeen akka Atibaaraa, Satit fi Baslaam jedhaman keessa yaa'u.

Lafa qonnaaf mijataa tahe kana qonnaan bultoonni Itoophiyaafi Sudaan jiran lafa keenyadha kan jedhan yogguu tahu, waggoota darban keessa yeroo garagaraatti walitti bu'insi waraanaa mudachaa tureera.

Al-Fashagaan lafa kiloomeetira iskuweerii 250 wayita tahu, laggeen waan keessa yaa'aniif gabbinaan beekama.

Anga'oonni Sudaan Al-Faashqaan lafa Sudaaniiti jechuun irra deddeebiin kan himan yogguu tahu, waltahiinsa biyoota lamaaniin qonnaan bultoonni Itoophiyaa, laficha akka misoomsan heeyyamamef jedhu.

Marii Caamsaa bara darbee taasisaniin mootummoonni biyyoota lamaanii bakka kanatti daangaa irra deebiin sararuufi piroojektii hawaasa gama lamaanii fayyadu hojjechuuf waliigalanii turan.

Kana malees, biyyoonni lamaan koree dhimma kana qoratee walitti bu'insa kanaaf furmaata waarawaa kennu hundeessanii kan turan tahus, haga har'aatti furmaanni hin argamne.

2014tti, Ministirri Muummee duraanii Hayilamaariyaam Dassaalenyi fi Pireezidantiin Sudaan wayita sanaa Omaar Hasan al-Bashir, qondaaltota biyyasaaniif, guyyaa daangaan itti sararamu akka beeksisan ajaja kennanii turan.

Haga hardhaa garuu daangaan biyyoota lamaanii kun haala ifa taheen sararamee hinjiru.

Tarii mariin har'a Muddee 22 eegalamu kun waldhabdichaaf fala waaraan kaa'aa laata kan jedhuu kan adeemsa keessa ilaalamu ta'a.

Ji'ootaan dura maaltu mudate ture?
Bara kana baatii Caamsaa keessatti Sudaan haleellaa Itoophiyaan daangaa cehuun narratti taasifte jetteef mootummaa Itoophiyaa deebii gaafattee turte.

''Wanti daangaarratti ta'u yerooma hundaa wal harkisuun waanuma jiru,'' jedhu dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii.

Haleellaa yeroos kutaa biyyaa al-Qadarif (Gadaaref jedhamuunis ni waamama) keessa uumamen, loltoonni Sudaan torbaafi namoonni nagaa sadiis miidhamaniiru jedheera ministeerri dhimma alaa biyyattii.

Taatee kana hordofee dubbi-himaan waraana Sudaan Birigaader Amer Mohaammad al-Hassan wayita sanatti waan jedhan, milishoonni waraana Itoophiyaan deeggaraman, bishaan laga Atibaaraa keessaa fudhachuuf yaalii wayita godhanitti, walitti dhukaasuun eegalame.

Milishoonni kunneen gara daangaasaaniitti deebiyuun waraana Itoophiyaa keessaa loltoota fidanii deebiyan jedhan.

Kanaan boodas haleellaa ‘maashin gaan, isnaayipparaa fi RPG’n deeggarame nuurratti raawwate,’’ jedhan qondaalli waraanaa kun.

Ministeerri dhimma alaa Itoophiyaa yeroos ibsa baasen, maatii miidhamtootaa gama biyyoota lamaaniin jiraniif gadda itti dhagahame ibsuun rakkinicha furuuf walitti dhufanii dalagun akka barbaachisu hime.

Maddi: BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU