GUMAA

Aadaa Oromoo: Gumaan, sirna namni lubbuu baase namaa fi Waaqa ittiin araarfatu.

Abbaa Gadaa fi Haadha Siiqqee

Hariiroo waliin jireenya namootaa keessatti namni tokko itti yaadees haa ta’u tasa lubbuu nama kan biraa balleessuu dandaha.

Firri yookan maatiin namni jalaa miidhame sanaammoo haaloo bahuuf gartuu kan biraa irraan miidhaa akka hin geessifnee fi badiin lubbuu dabalataa akka hin geenyeef Oromoon aadaa Gumaa qaba.

Gumaan maali?

Maloota araaraa sirna Gadaa keessatti rakkoo namoota yookan gosa gidduutti dhalatu ittiin furuuf hammataman keessaa mala waldhibdee hiikuu isa tokkodha Gumaan.

Giddu gala aadaa Oromootti qorataa seenaa kan tahan Obbo Alamaayyoo Hayilee Gumaan lubbuu namaa badeef gatii kanfalamee araarri ittiin bu’udha jedhan.

“Gumaa jechuun gabaabumatti gatii Lubbuu jechuudha. Gumaan araara lubbuu namaa bade sanaaf namaa fi Waaqa wajjin godhamu jechuudha.”
“Cubbuu oofirraa dhiquu jechuudha.

Cubbuun akka maatii isaanitirra hin geenye, namni isaaniitis bifa Kanaan akka hin duune harka baafachuudha” jedhan.

Gumaan erga baafameen booda gartuun lamaan akka diinaatti wal hin barbaadan, araara fulla’aatu ta’e jechuudha.

Gumaan gatii lubbuu namaa badee malee miidhaa qaamaatu gahe yoo ta’e araaratu jaarsan taasifama malee gumaan hin baafamu.

Namni Lubbuu namaa balleesse akkamiin Gumaa baasa?
Godina Shawaa kaabaa aanaa Waacaaleetti lafti Gumaan itti bahu ‘Boolla Dhiigaa’ jedhamu jira.

Wiirtuu Gumaan itti bahu kanatti waggoota 13 darban namoota lubbuu namaa balleessan jaarsa tahanii Gumaa baasisaa kan jiran Obbo Mokonnin Magarsaa, adeemsa Gumaan ittii baafamu akkanatti himu.

“Namni tokko itti yaadees haa ta’u tasa yoo lubbuu namaa balleesse gosti nama sanii dafanii kallacha baasisee, Ulfaa baasee jaarsa biyyaa kadhata. Elemtuu qabatanii, gaadii harkatti qabatanii farda luugamanii, qotiyyoo camadanii dhugaa lubbuu saniitiif guyyaa sadii kadhatu?” jedhan.

Gosti kuni warra namni isaanii jalaa du’e kana yoo kadhatanis waan jedhanii kadhatantu jira.

“Isin warri namni isin jalaa miidhame nuuf qabbanaa’aa, dhugaa lubbuu bade kanaa olqabnaafi dhugaa kana nurraa fudhaa jedhanii gosa miidhamaa sanii kadhatu.”

Saniin booda Maanguddoonni biyyaa gidduu seenanii hamma Gumaan bahutti balaan dabalataa gidduu isaaniitti hin dabalamne tumaa tumu jedhan Obbo Mokonnin.

“Erga lubbuun nama keessanii isaan harkatti badee isaanis isin kadhatani, adaraa caffee Tumaa, adaraa Odaa Nabee, Waaqaa lafaan isin kadhanna kan aartan aara qabbaneefadha, immimmaan haqadhaa, dhugaa lubbuu kanaa olqabna jedhanii dhugaa fudhadhaa” jedhuuni jaarsoliin.

Namni lubbuu baase suni yoo too’annaa seeraa jala oole yeroo adabbii seeraa fixate bahutti namni waan kana hordofee gumaa baasisu ni ramadama.

Adeemsi seeraa fi gumaa baasuu kuni garuu amma fooyya’uus himan Obbo Mokonnin.

“Duraan namni lubbuu baase suni adabbii seeraa hanga fixate bahutti eegameeti waggaa dheeraan booda Gumaan kan bahu. Amma garuu mootummaan fooyyesseera. Namni lubbuu baase suni mana adabaatii dhufee Gumaa baasee adabbii seeraa isaatti deebi’a” jedhan.

Lafa gumaan itti bahutti wanti ta’u maali?

Namni lubbuu baase suni yookan Gosti isaa yeroo Gumaa baasuuf jedhu birrii Gumaadhaaf barbaachisu qabeenya isaatirraa baasee miti kan kanfalu.

“Namni lubbuu baase suni qabeenya waan qabuuf Gumaa manasaatii hin kanfalu. Cancala Harkatti hidhatee ‘Lubbuu namaatu na harkatti bade gumaan baasaa nagargaaraa’ jedhee Gabaa sagalirratti kadhata” jedhan Obbo Mokonnin.

Hanga Gumaan bahutti gosti gartuu lamaanii karaa tokkorra hin deeman, fuulaa fuulatti wal hin argan, Gabaa tokkos hin deemani.

Gabaa namni Gumaa baasu irraa kadhatu sanatti akka wal hin argineefis Gabaa kamitti akka kadhachuu qabu jaarsotatu murteessa. Gosa Namni jalaa du’e sunis Gabaa sana akka hin deemnetu itti himama.

Birrii Gabaa sagalirraa kadhatame Kanaan birrii Gumaaf kanfalamuu fi Hoolaa Faloo ittiin bitu.

“Gaafa Gumaan bahu sana gosti nama nama ajjeese sanii Hoolaa Faloo fi birrii Gumaa qabatee dhufa. Hoolaa sana qalanii namni nama ajjeese sunii fi warri namni jalaa du’e suni harka bitaa mar’imaan hoolaa san keessa dabarsanii harka walqabatu” jedhan.

Erga gumaan bahee araaramanii haaloo walitti hin qabatan, hamaa walitti hin yaadan, dhoksaadhaan nama walitti hin bitan jechuudha.
Waadaan gartuu lamaanii akka hin diigamneefis Jaarsoliin tumaa tumu.

“Yoo waan tumame kana dabartan rasaasni keessan dhahee hin ajjeesu, boombii yoo darbattan dhukkee taha, yoo dhalchitan hin guddatu, yoo facaastan isiniif hin margu, Horiin dhale dil’uu hin buusu jedhanii waadaa itti tumu” jedhan Obbo Mokonnin.

Gumaadhaan booda gosti lamaan kan walfuudhu yoo ta’e walirraa fuudha, firooma cima malee diinummaan hin yaadamu.

Duudhaan Gumaadhaan araara buusuu kuni hambaa aadaa Oromoon qabu kan akkuma ‘Guddifachaa’ naannolee biraattis babal’ataa jirudha jedhan qorataan seenaa Obbo Alamaayyoo Hayilee.

“Gumaan kuni aadaa miidhagaadha. Ummanni Oromoo kuni sodaa waaqaa qaba. Lubbuu inni uume ati yoo balleesite xuuriidha, Cubbuudha. Oromoonimmoo waan hundumarra cubbuu nisodaata,” jedhan.

Gumaan Guutuu Oromiyaatti kan hojiirra oolaa jiruu fi adeemsa Gumaa baasisuu irratti garuu bakka bakkatti garaagarummaa akka qabus himan Obbo Alamaayyoon.

” Garaagarummaan haala kennaati. Yeroo murteessan ‘Baalani moo Maalani’ jedhanii gaafatu. ‘Birriidhaanimoo Horiidhaani?’ jechuudha. Bakka Loonin Gumaa kanfaluu hin dandeenyetti Birriidhaan kanfalama” jedhan.

Maddi: BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU