Abiy Ahimad: ‘Yakki loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti raawwatan fudhatama hin qabu’



Humni waraanaa Eertiraa daangaa Itoophiyaa seenee yakka hojjete kamiyyuu hin fudhannu jedhan MM Abiy Ahimad.

Lola Tigraay mootummaan ‘tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu’ jedhee waamu irratti loltoonni Eertiraa hirmaachuufi sarbama mirga namoomaa gara garaa raawwachuu isaanii Ameerikaa dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa himachaa turan.

MM Abiy Ahimad dhimma loltoota Eertiraa irratti yaada yoo kennan kun yeroo duraatiifi.

Gaaffii mana maree bakka bu’oota uummataarraa dhiyaateef deebii yoo kennan, uummati fi mootummaan Eertiraa oolmaa nuuf oole hin dagannu jedhan.

Waraanni Itoophiyaa daangaarra ture gara jiddugaleessa Tigraayitti socho’uun wal qabatee, loltoonni Eertiraa gara naannoo daangaa duraan loltoonni Itoophiyaa turaniitti socho’uu himan.

Kanaaf akka sababaatti gama Eertiraa irraa kan dhiyaate ‘yaaddoo nageenya biyyaalessaa’ qabna kan jedhu ta’uu himanii, loltoonni Itoophiyaa bakka daangaatti wayita deebi’an loltoonni Eertiraa daangaa Itoophiyaa keessaa ni bahu jedhan.

Loltoonni Eertiraa gara jiddugaleessa Tigraay seenuu fi yakkoota ittiin himataman raawwachu ifatti hin dubbanne.

Haa ta’u malee loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti yakki raawwatan kamiyyuu fudhatama akka hin qabne dubbatan.

Dhimma kanarratti qondaalota Eertiraa waliin wal arganii mari’achuuf waltajjii mijeessaa akka jiran dubbataniiru.

Loltoota Eertiraa qofa osoo hin taane miseensonni raayyaa ittisa biyyaa dubartii gudeedan akkasumas qabeenya saaman seeraan itti gaafatamu jedhan.

Humni addaa naannoo Amaaraas lolichatti kan seene afeerameeti kan jedhan MM Abiy, humni kun Tigraay keessaa haa bahu jedhame kan biyyoonni akka Ameerikaa gaafatan fudhatama hin qabu jedhan.

“Bakka barbaannetti bobbaasuuf mirga qabna. Akka waan biyya biraarraa galeetti ilaalamuu hin qabu. Yoo yakka hojjete garuu seeraan ni gaafatama,” jedhan.

Sarbama mirgaa fi deeggarsa namoomaa

Naannoo Tigiraayitti yakki gudeeddii, saamichaa raawwachuu ragaaleen agarsiisan jiraachuu adda baasneerra kan jedhan MM Abiy Ahimad, kanneen yakka kana raawwatan seeraan ni gaafatamu jedhan.

Oppireeshinii seera kabachiisuun booda namoota deeggarsa barbaadan miliyoona 4.2 tahaniif deeggarsa dhiyeessaa turuu himan MM Abiy Ahimed.

Deeggarsa dhiyaate keessaa %70 mootummaan federaalaa akka dhiyeesses himan.

Dhaabbileen deeggarsa marsaalee hawaasaa irratti yaaddoo qaban ibsuun alatti qabatamaan uummata deeggaraa hin jiran jechuunis qeeqan.

Oppireeshinichaan booda suphaa bu’uuraalee misoomaa miidhamaniif birrii biliyoona 40 ol baasii taasisuu himan.

Dinagdee fi qaala’insa jireenyaa

MM Abiy Ahimed bara 2010 Itoophiyaan biyyoota liqaa guddaa qaban keessa galuun humna liqaa dabalataa argachuu hin dandeenye irra geesseetti jedhan.

Waggoota sadan darbanitti liqaa Itoophiyaa irra jiru xiqqeessuuf hojii guddaan hojjetamuus himan.

Qaala’insa jireenyaa mudachaa jiru to’achuufis mootummaan koree addaa hundeessuun daldaltoota seeraan ala gatii dabalanii fi oomisha dhoksan irratti tarkaanfii fudhataa jiraachuu himan.

Dabalataan qaala’insa jireenyaa furuuf galii guddisuuf hojjetamaa turuu himan.

Waggoota darban keessa walitti aansuun sharafa alaa kan argamsiisu al-ergiin kufaa ture jedhan. Bara darbe garuu fooyya’insa agarsiisee ture jedhan.

Haa tahu malee weerarri awwaannisaa, walitti bu’insi biyya keessaa fi weerarri koroonaa dhiibbaa guddaa uumuu himan.

Haa tahu malee kanuma keessaa diinagdeen Itoophiyaa bara kana keessa %6.1’n guddatteetti jedhan.

Galiin biyyattiin walitti qabdus waggoota sadan darban guddina agarsiisaa jiraachuu himan.

Itoophiyaan bara 2012 keessa galii Birrii biliyoona 228 galchuu himanii bara kana ammoo ji’a saddet keessatti qofa Birrii biliyoona 191 walitti qabuu himan.

Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa

Filannoo biyyaalessaa marroo jaahaaffaa ilaalchisee yaada kennaniin irra deebiin filannichi haqa qabeessa akka tahu hojjechaa jirra jedhan.

Paartileen mormituu filannoo kanarratti akka hirmaatan jajjabeessaa turu kan himan MM Abiy akka fakkeenyaatti KFOn akka filannoorratti hirmaatu ofiif dubbisanis akka hin milkoofne dubbatan.

Haa ta’u malee paartileen siyaasaa hedduun filannoo dabaaluu malee morkatanii injifachuu waan hin barreef filannoo keessaa of baasan jechuun qeeqan.

Paartileen booda kana filannoo irratti hirmaachuuf fedhi agarsiisan jiraachuu himanii, boordiin filannoo jara kanaaf akka haala mijeessu abdii qabaachuu himan.

Seera eerree paartiin akka filannoo irratti hin hirmaanne gochuurra seera banaa goonee akka hirmaatan gochuuttin amana jedhan.

Korri mana maree bakka bu’oota uummataa har’aa karoora diinagdee waggoota 10 itti aananii raggaasisuun xumurame.Dimokirasiin bu’aa filannoo tokko osoo hin taane kan adeemsaati. Tahus filannoon Isa bu’uuraati jedhan.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU