OROMUMMAAN MAALI!, MAALIN IBSAMAA?



Piroofeesar Asafaa Jaalataa, qorannoo mata- duree ‘Oromuummaa: Oromoo Culture, Identity and Nationalism’ jedhuun bara 2007 maxxansiisan irratti, Oromummaan ilaalcha sabboonummaa, karaa bilisummaa Oromoo ta’uu ibsan.

“Oromummaan akka ilaalcha seenaa, aadaa, siyaasa fi sabboonummaa Oromootti daandii bilisummaa saaqa. Daandiin bilisummaa kun wanta Oromoon marti wal wajjin qaban irratti ijaarama” jechuun ibsan.

Kana malees Oromummaan ilaalcha ittiin mootummaa fi dhaabbattoota koloneeffattootaa Oromiyaa keessaa ittiin buqqisuun danda’amu ta’uus eeran Piroofeesar Asafaan qorannoo isaanii kanarratti.

Giddugalaga aadaa Oromootti qorataa aadaa fi seenaa kan tahan Obbo Alamaayyoo Hayilee ammoo Oromummaan aadaa, eenyummaa, duudhaa Oromoo beekuu fi ittiin jiraachudha jedhanii ibsu.

“Oromummaan aadaa Oromoo, seera Gadaa, jireenya Oromoo fi afaan Oromoo beekuudha. Aadaa uummatichaa kan mul’atu fi kiliyaa ta’an tokko tokkoon beekanii bifa sanaan ittiin jiraachudha” jedhan.

Akka Obbo Alamaayyoon jedhanitti, Oromummaan dhiigaan Oromoo ta’anii dhalachuu qofaan hin ibsamu.

“Namni tokko fakkeenyaaf Oromoo irraa dhalatee daa’imummaadhaan yoo biyya biraatti guddate namni kun hamma aadaa fi duudhaa Oromootti hin guddannetti Oromoodha garuu Oromummaa hin qabu. sababnisaas namni sun waa’ee Oromoo waan hin beekneefi” jechuun ibsan.

Faallaa kanaatiinn ammoo namni saba biraa yookan biyya biraa irraa dhalatee hawaasa Oromoo keessa jiraatee, aadaa fi eenyummaa Oromoo beekee ittiin jiraate dhiigaan Oromoo ta’uu baatuus Oromummaa ni qabaata jedhan Obbo Alamaayyoon.

“Namni tokko dhiigaan Oromoos haa ta’u kan biraa, aadaa Oromoo sana jibbee, baruu dhiisee yoo qollifatee namni sun Oromummaa hin qabu jedhama. Oromoo meeqatu aadaa hawaasa biraa qabatee Oromummaa isaa kan gate baayyeedha” jedhan.

Magaalota Oromiyaa keessatti dhaloonni hedduun Afaan Oromoo osoo hin beekiin, duudhaa fi eenyummaa saba biraa barachaa guddatanis Oromummaa isaanii dhabaa jiru jechuunis dubbatu Obbo Alamaayyoon.

Fedhii qabaatanii, aadaa fi eenyummaa isaanii baranii itti boonu taanaan deebi’anii Oromummaa isaanii gonfachuu akka danda’amus himu.

Oromoon aadaa ittiin nama saba biraa ta’e ittiin Oromeessu waan qabuufis karaan ittiin Oromummaa gonfatan hedduun jiraachuus dubbatan.

“Dhiigaan namni Oromoo irraa dhalate ilmi gudeedaa ni jira. Akkasumas ilmi Boojuus ni jira. Kun nama lolarratti booji’ame aadaa fi eenyummaa Oromoo barsiistee Oromummaa kan gonfachiistu jechuudha.

”Ilmi Mixii kan jedhamus jira. Kunimmoo daa’ima dhalatee gatamee argame mixii irraa haxaa’anii Oromeessanii guddisuudha. Kana malee ammoo moggaasnii fi kaanis karaa ittiin Oromummaan argamu” jechuun ibsu.

Hayyuun Gadaa Tuulamaa Bayyanaa Sanbatoo ammoo Oromummaan dhiigaan ibsama yaada jedhu qabu.

“Namni tokko dhalootaan abbaa fi haadhaan Oromoo irraa yoo dhalate Oromummaa qabaata. Oromummaan sanyii isaatiin kan ibsamu. Ta’us ammoo haalli ilaalamu kan biraas jira. Innis waan namni sun Oromoodhaaf hojjetes keessatti ilaalama. Dhiiga qofaan Oromummaansaa hin ibsamu” jedhan.

Hayyuun Gadaa kun garuu yaada namni dhiigaan Oromoo hintaane Oromummaa qabaachuu dandaha jedhurratti waliingalan.

Qorataan Aadaa fi Seenaa Obbo Alamaayyo Hayilee, ”Oromummaan iccitii gadi fagoo bu’uura cimaa qaba waan ta’eef, hanga Oromoon dachiirra jirutti cabuus ta’ee, baduu waan hin dandeenyee fi hundee tokkummaa Oromoo ta’ee itti fufa” jechuun dubbatan.

Maddi:BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU