Posts

Fitawurarii Jiidhaa Tufaa

Jiidhaa Tufaa Ayyaantuudha. Ayyaantuu Jiidhaa Tufaa kan dhalatan abbaa isaanii Obbo Tufaa Barii fi haadhaa isaanii Aadde Simbirroo yoommuu ta'u; kan dhalatanis bara '' mashashaa '' jedhamuudha. Iddoon itti dhalatan immoo Godina Shawaa Dhihaa Aanaa Jalduu iddoo addaa Siibaa Garjii jedhamee waamamuttiidha.  Ayyaantuu Jiidhaa Tufaa osoo maqaa kabajaa kanaa fi Ayyaantummaa osoo hin argatin dura obbo ' Jiidhaa Tufaa ' jedhamanii waamamaa turan. Ayyaantuu Jiidhaa Tufaa yeroo ijoollummaa isaanitti jiruu baadiyyumaatin waan humni isaanii danda'een maatii isaanii gargaaraa guddatan. Maatii isaanii fi hawaasa naannichaa biratti naamusaa fi naatoo guddaa qaban ture.  Yeroo dargaggoomanii gaa'elaaf gahan durbee Warqinash jedhamtu waliin bultii hundeeffatanii waliin jiraachuu eegalan. Osuma Aadde Warqinash waliin jiraachaa jiranii weerara biyyarraa qolachuuf loltummaan Afe Nigus Xilaadhaf qacaramanii akka maqaa yeroo sanaatti kutaa biyya sidaamootti yeroo b...

WBO fi TDF Imala Gara Finfinnee Akka Dhaaban Gaafataman.

'WBO fi TDF imala gara Finfinnee godhan akka dhaaban barbaanna'-Biliinken Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkeen kan daawwannaa hojiif Keeniyaa jiran WBO fi TPLF imala gara Finfinnee godhan dhaabuun mariin dhukaasa dhaabuu akka eegalu gaafatan. Keeniyaa daawwachaa kan jiran Ministirri Haaja-alaa Ameerikaa Antonii Biliinken marii Pireezidant Uhuuruu Keeniyaattaa waliin taasisaniin booda Naayiroobiitti miidiyaaleef ibsa kennaniin waraanni Itoophiyaa babal'achaa jiraachuu isaatiin daran yaadda'uu himanii, humnooti WBO fi TPLF imala gara Finfinnee godhan akka dhaaban gaafataniiru. Ameerikaan Lammileen ishee hatattamaan Itoophiyaa keessaa akka bahan irra deebiin waamicha kan dhiyeessite yoo ta'u, kunis sababa waraanni hammaachaa jiruufi jedhan Anthony Blinken. ''Akkuma torbaniif gochaa turre, lammileen Ameerikaa Itoophiyaa keessa jiran hundi carraa jiru maratti fayyadamuun biyyattii gadi dhiisanii akka bahan hubachiifna. Waraanni hammaachaa fi kutaalee biyya...

HALEELLAA GAMOO LAKKUU AMEERIKAA FULBAANA 11/2009

Image
Haleellaa 9/11: Daqiiqaawwan 149 addunyaa jijjiiran akkamiin yaadatama. MADDA SUURAA, REUTERS Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa 9/11 kan dhiibaansaa hanga har'aatti mul'ataa jiru Waggoota 20 har'aa Fulbaana 11 barii bakka namoonni hundi jireenyasaanii idileetiif itti bahanitti garuu addunyaan itti geedaramte. Guyyaa sanatti xiyyaaroonni butaman afur gammoowwan lama kan akka mallattoo dinagdee, siyaasaafi aangoo waraanaa UStti ilaalaman jigsan. Haleellaan 9/11 kan namoota 2,996 galaafate kun US keessatti haleellaa isa cimaafi kan dhiibbaansaa hanga har'aattilleen mul'atudha. Haleellaa sanaan booda ture weerara Afgaanistaaniifi Iraaq, dabalatee US waraana ''shororkeessaa'' irratti gaggeeffamu jedhamuun kan eegalte. Sadarkaa dhuunfaatti ammoo, dhaloonni guutuun hanga ammaatti wayita taateen sun mudachuu wayita dhagahaniitti eessa akka turan ni yaadatu. Goolamniifi shororkeessummaan daqiiqaawwan 149 attamiin guyyaa sana ganama wal duraa duubaan itti muda...