EEBBA OROMOO

===== EEBBA TUULAMAA ======

Hayyee!, Hayyee! Hayyee!
Waaqa uumaa Waaqa uumamaa
Waaqa Burqaa Haroo Walaabuu
Waaqa sagaltama garbaa
Waaqa salgan Booranaa
Waaqa torban Baarentummaa
Waaqa Bokkuu Gurraachaa
Waaqa Ciicoo Gurraattii
Waaqa Caffee Tumaa
Waaqa shanan Gadaa Oromoo
Nagayaan nu olchitee nagayaan nu bulchi
Nagayaan nu bulchitee nagayaan nu olchii
Kan faantii lafaan lolte
kan sammuun Waqaan lolte nurraa qabi
Irraa-gora nu oolchi
Dogoggora nu oolchi,
Hamaa nurraa qabi
Tolaa nutti qabi,
Xiqqaa nuu guddisi
Guddaa nu muldhisii/bulchi
Waan qabnuun nu bulchi
Rooba nagayaa roobi
Baraa nagayaan nu basii
Gadaan roobaa nagayaa
Barri quufaa gabbina!
        

=====EEBBA BOORANAA======

Ardaan nag.....................................Nagee
Bobbaan nagaa....……..................Nagee
Barri nagaa………............................Nagee
Waareen nagaa.............................Nagee
Waariin nagaa………....................Nagee
Reerii nagaa…………….......….........Nagee
Dheedi nagaa…………....................Nagee
Yaa’iin nagaa……………..................Nagee
Kuubiin nagaa.................................Nagee
Raabi nagaa…………………................Nagee
Kuusaa goseen nagaa…..…….....Nagee
Ijoolleen Kuuchuu nagaa............Nagee
Dirreen nagaa…………….....................Nagee
Dirree dirri Liiban nagaa…..........Nagee
Liiban Golbaa Diidi nagaa…...….Nagee
Malbee Golboon nagaa.........…….Nagee
Saakuu waasoon nagaa…………….Nagee
Tulaa sallan nagaa………................Nagee
Baddaa sadeen nagaa…..…….......Nagee
Areeroo Gooroon nagaa……..........Nagee
Gooroon Oromoo teenna nagaa…...Nagee
Oromoon nagaa……………...........….….Nagee
Oromiyaan nagaa………..……...........Nagee
Handhuura Oromiyaa Finfinneen nagaa…....Nagee
Gadaan nagaa…..…......................Nagee
Gadaamojjii ta roobaa nagaati......Nagee
Bokkeenni roobe haraa danbalaa guutee….Nagee
Nageenni galee moonaa guutee......Nagee
Elelleen mirgitee hokolee guuttee................Nagee
Nagaa Waaqi guutee…............…...Nagee
Funnaan kormaa qajeele……......…Nagee
Funnaan dhalaa qajeele….…......….Nagee
Ilmat abbaa qajelee………….......…...Nagee
Angafat maandhaa qajeele….....….Nagee
Niitit dhirsaa qajeele…………….........Nagee
Qaro arraba qajeela…………...........Nagee
Beekaa yaada qajeela……...........Nagee
Barataa barruu qajeela…….....…....Nagee
Sabat-Sabaa qajeela…………....…….Nagee
Biyyat abbaa qajeela………............Nagee
Oromoot walii qajeela…………........Nagee
Horaa bulaa deebanaa mishaa,
lataa daraaraa, aadaa afaan keessan beekaa tokko ta’aa jiraadhaa!

=====EEBBA GUJII=======
Ee…… Ati Waaqi Ardaa
Waaqi Abbaa
Ka Me’ee Bokkoo
Ka Dibbee Dhugoo
Ka Garba Aannoo
Waaqi Gujii Gurraachaa ati nuu dhagayi
Dhageettu nuu Owwaadhu
Ta olii oliitti nu hanqisi
Ta gadii gaditti nu hanqisi
Ta dallaa lamaanii achumatti nu hanqisi
Barri nageya
Bariin nageya
Jaarsi nageya
Jaartiin negeya
Ilmi nageya
Intalti nageya
Ka fuudhu nageya
Ta heerumtu nageyaa
Uchumti nageya
Bobbaan nageya
Tissaa uleen nageyaa
Elemaa gaadin nageya
Ardaan yaa’aa nageya
Me’een Bokkoo nageya
Duddaa daawwaan nageya
Sabbaa Oddoon nageya
Gooroon Doolaa nageya
Gooroon Oromoo teennaa martinuu nageya
Handhurri Oromiyaa Finfinneen nagaya!

=========EEBBA MACCAA=======

A. Eebba Hangafa Maccaa

Na oofkalchaa………………............oofkalaa
Na oofkalchaa…………...……..........oofkalaa
Na oofkalchaa………...………...........oofkalaa
Waaq nagaan bullee,
nagaan nu oolchi.........................nu oolchi
Hamaan gargar nu oolchi............nu oolchi
Irraa gora nu oolchi...................…nu oolchi
Dogoggora nu oolchi...................nu oolchi
Citiin sadii citii sadan nu oolchi......nu oolchi
Citii waraanaa nu oolchi..............nu oolchi
Citii waraansaa nu oolchi.............nu oolchi
Kan caamee goggogsu nu oolchi.........nu oolchi
Kan roobee tortorsu nu oolchi........nu oolchi
Walbira oolchii nu bulchi............nu bulchi
Waliigaltee nuu kenni………..........nu kenni.
Waliigalii nuu toli.........................nuu toli
Sonii nuu roobi......................................nuu roobi
Waan rooba keessa jibban nu baasi..........nu baasi
Waan caama keessa jibban nu baasi........nu baasi
Egaa nagaya.................................nagaya
Barri quufa
Gadaan gabbina..................gabbisi Waaq!

***************************************

B. Eebba Quxusuu Maccaa

Kan ati jette tolaadhaa, tolaan nu haaga’u........haagahu
Bakkalchi bakkee haa ta’u..............haa ta’u
Bakkeen nagaa haa ta’u.................haa ta’u
Qorroon dibdibbee haa ta’u...........haa ta’u
Dhiigni dhallaadduu haa ta’u.........haa ta’u
Adamoon deettii haa ta’u..............haa ta’u
Duulli dannaba haa ta’u.................haa ta’u
Rimaan hapheehaa ta’u................haa ta’u
Kormi cirrii haa ta’u......................haa ta’u
Dhugee haa booressu.................haa booressu
Dheedee haa barbadeessu...........haa barbadeessu
Booruun gabbina haa ta’u.............haa ta’u
Barbadaan suga haa ta’u...........haa ta’u
Dhugaan tulluu haa ta’u..............haa ta’u
Dharri sulula haa ta’u...................haa ta’u
Anaaf isin hin maqin..................hin maqsin
Kan ormi maqe nu hin gahin........................hin ga’in
Bakka hir’ate Waaqni itti haaguutu..…..haa guutu.
Egaa nagaya........................................nagaya
Haleele………............................Diina haleeli!
Irreeffatee, dhibaafatee.................oofkalaa!
Irreeffatee, dhibaafatee.................oofkala!

======EEBBA KARRAYYUU=======

Miinya tahi!………………………..........ziz
Foduu tahi!………………………...........ziz
Alalaasi!…………………………….........ziz
Alaa gali!…………………………...........ziz
Oli reebi!……………………………........ziz
Maatii raaphu!…………...…..........ziz
Gadi reebi!…………………………...…ziz
Karra raaphu!………………………..ziz
Adaboon gooba!.…………………...ziz
Goobni geerarsa!………………....ziz
Hurrubni Mirga!………..………......ziz
Dirreen Dannaba!……...…….…..ziz
Simoo ta’i! ………………………….....ziz
Sin simin!……………………………......ziz
Dandoo ta'i! …………………….........ziz
Sin danda'in! ……….………………....ziz
Doobbii ta'i! …………………...……....ziz
Diina gubi !…………………………......ziz
Guchii ta'i !……………………….........ziz
Baalaan booni !….…….…………...ziz
Citaa ta'i! ………………………….......ziz
Gurmuu baasi! ……………………….ziz
Daddaraari! ……………..……………ziz
Dilboo ta'i! ………..…………………..ziz
Babbaroodi .………………………….ziz
Cibraa dhoosi ……..…………….…ziz
Gaara ta'i! ...................………………ziz
Itti jigi!……....................……………...ziz
Haladdaq ta'i.……..……………..……ziz
Bal'adhu!…………..………………….....ziz
Fantaallee ta'i!..…………………….ziz
Mul’adhu!......................………….......ziz
Qabadhu!...........................................qabadhu!
======EEBBA CIDHAA=======

Qabattanii aaga qabadhaa
Rafaa abjuu qabaadhaa
Adeemaa milkii qabaadhaa
Miillaan lafa qabadhaa
Harkaan Waaqa qabadhaa
Coqorsa lo’aa ta’aa
Gannaa fi Bona lalisaa
Odaa dagaagaa ta’aa
Gannaa fi Bona garbaabaa
Aannanii fi garaa ta’aa
Dhadhaa fi mataa ta’aa
Akka biiftuu aanga’aa
Akka qorsaa ifaa
Cirracha Abbayyaa ta’aa
Lakkaa’aan isin hin fixin
Madda Walaabuu ta’aa
Waraabaan isin hin fixin
Jalduu Biikkoo ta’aa
Qomaa fi dugdatti baadhaa
Goomattuu fi tolfattuun isin hin danda’in
Bona oongee baraaraamaa
Ganna balaqqee ofkalaa
Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu
Kumaatama horaa
Kan hortan wajjin bulaa
Walbira oolaa-bulaa
Safuu waliif qabaadhaa
Eebbi kun eebba gosaatii,
Qabatee isin biraa hin hafin
Hoofkalaa............................!!

====EEBBA ARSII====

Sun toltu
Faatee waaqni dhagahi
Lafti siidhagahi
Gadaan dhagayi
Gadaamoojjiin dhagayi
Dhibbi dhagayi
Dhibaayyuun dhagayi
Gadabitti nu galchi
Gadaa nu hulluussisi
Waraana qaqeessi
Oromoo qaqatti nuu bulchi
Doloolloo yaasi
Yaa’aa gabbisi
Jinfuu tuuli
Tuulaa diinaa diigi
Oromoo biifaa si godhi
Biiftuu ganamaa si godhi
Ejersa gaaraa si godhi
Korma nyaaraa si godhi
Bokkaa sii roobi
Bokkuu sii moosisi
Laftan ititi
Itittuu nu obaasi
============================
http://www.gaaddisaoromiyaa.blogspot.com

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU