MADDA WALAABUU

ARGAMA MAQAA MADDA WALAABUU

Oromonni bar-dhibbee 7ffaa keessa Dharrayyoo Odaa qubatan,
yeroo ummanni heddumataa deemu rakkoon bishaanii
ummataa fi loowwan isaa gahaa ta'ee dhabuun uumame.

Guyyaa tokko, 'Wagaan' beekkamaan Tumsaasaa Waaqayyoo
jedhamu abjuu arge. Abjuu arge kanas Abbaa Gadaa Roobalee
Walaabuu Guyyootti akka armaan gadiitti hime;
"Abbaa na guddisi!" jechuun dubbachuuf Abbaa Gadaa
haayyama gaafate. Abbaan Gadaatis "Bulii gaamari!
Dubbadhu!" jechuun akka Wagaan dubbatu haayyame. Qaallun
Dharraayyoo Odaa, muka qaraarutin bakka madda lafaa waraananii, bishaan sa'aaf nama gahu burqaa isaa abjuun
arguu itti hime. 

Abbaan Gadaa Walaabuu Guyyootis, rakkoo ummanni keessa jiru waan beekuf, fala rakkoo bishaanii hiikuu
irratti Qaalluu Boruu Dooyyoo wajjin hiika abjuu Wagaa kanaa irratti walii galanii, Raaba Doorii, Abbootii Seeraa, Hayyoota fi
Maanguddoota waamsise, irrattis mari'achiise. Wanti guuttamuu qabanis guuttamee, Hoolonni 7 kitimaaf
qophaawanii, guyyaa sanatti ummanni akka argamu seeraan labsame. 

Ummanni Odaa Dharraayyoo jalatti wal gahee eebba Abbaa Gadaatin hoolonni 7 qalamanii, ummanni haalan erga
Waaqa kadhatee booda Qaalluun muka Qaraaruu qarameen
bakka madda xiqqoo dur turte fade. Itti aananii, jaarsoleen Gadaamoojjii muka Qaraaruu qarameen lafa waraanan.

Osoo xiqqoollee hin turin bishaan humna cimaa qabu, kan sagaleen dhoohicha isaa lafa deemsa guyyoota lamaa olitti
dhagahame ol madde. Bishaan madda ol burqee, ummata achitti wal gahe bittinneessee laga ta'ee yaa'e jedhan.
Jaarsoliin Oromoos bishaan guddaa burqe kana akka armaan gadiitti eebbifatan:
Garbi bishaan lafa jalaa dhoohe, qananii dhala Oromooti jedhi!
Waan nu jenne, Waaqatu jedhe jedhi!
Facaatin bishaanii ol faca'ee, dammaqee ol ka'uu dhala
Oromooti jedhi!
Kana waaqatu jedhe jedhi!
Argamni bishaan mul'ataa fi dhokataa jalaa bahuu dhala
Oromooti jedhi!
Waan nu jenne, Waaqatu jedhe jedhi!
Kuni murtii Waaqa tokkichaati jedhi!
Murtii dachii fi samiiti jedhi!
Murtii Oromooti jedhi!
Sagaleen bishaan lafa jalaa dhoohee fagootti dhageessise,
dhagahama keenya jedhi!
Wal waamuu dhala Oromoo bakka hundaati jedhi!
Dhagahama waaqni nuuf dhagaheefi nullee dhageessisi jedhi!
Barri kan dhala Oromooti jedhi!
Kan dhalli Oromoo biyya abbaa isaa irratti abbaa mirgaa, abbaa
gaachanaa ta'ee sa'aa fi nama isaatin irra jiraatu, irratti
misoomee dagaagu jedhi!
Waaqatu jedhe jedhi!
Gadaatu jedhe jedhi!
Lafaaf Samiitu jedhe jedhi!
Waan jenne hunda Waaqatu murteesse jedhi!
Oromoonnillee murteesse jedhi!
Kan jedhaniif kkf jedhamee ture jechuun Maanguddoonni
himan. Haala kanaan guyyaa sana irraa eegalee maqaan
Dharraayyoo Odaa geeddaramee; yaadannoo Abbaa Gadaa
Roobalee Walaabuu Guyyootif, maqaa Madda Walaabuu
jedhamee akka moggaafamtu murtaa'e. Sana booda maqaan
Dharraayyoo Odaa jedhu hafee, naannoon sun maqaa Madda
Walaabuu jedhamuun beekkame.
Haala kanaan naannoon sun yeroo 3 irraa jalaan eebbaa fi
wayyooma argatte.

1. Bar-dhibbee 7ffaa keessa Miiloon lafa qabattee Oromoon
achi qubatan.
2. Bar-dhibbee 11ffaa keessa Dharraayyoo Odaa giddu
galeessa Gadaa Oromoo taate.
3. Bar-dhibbee 14ffaa keessa Madda Walaabuu
moggaafamtee, akka armaan gadiitti Gadaadhan eebbifamte:
Odaan Madda Walaabuu Wayyuu jedhi!
Odaan galma Oromootati jedhi!
Teesson Abbaa Gadaa, kan hooggansa olaanaa Mootummaati
jedhi!
Odaan Madda Walaabuu Wayyuu jedhi!
Odaan murtii hangafa jedhi!
Lallabaan hangafoomte jedhi!
Madda Walaabuu Wayyitti jedhi!
Seeratu irratti tumama malee, adabni seeraa irratti hin
raawwatamu jedhi!
Kormi irratti hin kolaafamu jedhi!
Bineensi irratti hin adamsamu jedhi!
Abbaa Qaalluu Wayyuu jedhi!
Qaalluun Madda Walaabuu hangafa jedhi!
Lallabaan hangafoomte jedhi!
Maddi Walaabuu leemmo (holy) jedhi!
Oromtichatu leemmomse jedhi!
Oromoon hun bakka jiruu, waggaa waggaan jila ofii ergee
Qaalluu Madda Walaabuu irraa qumbii akka fudhatu jedhi!
Madda Walaabuu Ayyaana olkaatu irratti kabajama jedhi!
Ayyaanni olkaa, Ayyaana mootummaati jedhi!
Ayyaanni Mootummaa Oromoo Ayyaana Oromootati jedhi!
Ayyaanni Olkaa ayyaana wantee, waraanaa, ayyaana
gooyotaati jedhi!
Gooyummaan mallattoo Oromooti jedhi!
Gootonni Oromoo kabaja qabdi jedhi!
Jechuun wayyoomni lallabameefi. Ayyaanni Olkaa Garbii jalatti
malee, Odaa jalatti hin kabajamu. Oromoon Odaa kamiiyyuu
jalatti waraana hin boqachiiftu, hiriira waraanaa hin
argamsiiftu, marii duulaa jalatti hin mari'achiiftu dhorkaadha.
Haasawa ayyaana Olkaa irratti Abbaan Gadaa godhu, alagaan
(nyaaphi) akka dhagahu hin haayyamamu.
Ayyaana Olkaa irratti gogaa korma qalamuu, shanan Gadaa
qooddatanii meedhacha hidhatan. 

Foon korma saniis, akkuma
meedhichaa murtii qaba. Murtiin qabus haala kanaan
waamudhaani:
Dalluu goota Roobalee
Dalluu goota Birmajjii
Dalluu goota Melbaa
Dalluu goota Muudanaa
Dalluu goota Dulloo jechuuni.
Namni kamiiyyuu jagnas yoo ta'e ani jagna jedhee ummata
kumaatamaa keessa ka'ee dalluu jagnaa fudhachuuf hin
aggaamu. Kanaaf, biyyatu namoota jagnoota ol aanaa ta'an,
harka qabanii olkaasudhaan luba(Gadaa) isaanii bakka
buusudhaan dalluu jagnaa akka fudhatan hodha. Achumaanis
jagnoonnii ciccimoon ummata duratti beekkamtii argatu!

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU