QEERROO

QEERROON MAALI ?
=================================
SeenaaGabaabduu fi CuunfaaAchii-As Dhufa(Chronology) Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bara 1992 Wayyaaneen Chaartera Mootummaa Cehumsaa keessaa ABO dhiibbatee baase
Bara 1997 ammas Wayyaanee humna waraanaa qabuu fi gargaarsa waahillan isaatiin humna WBO irra guddeessa Oromiyaa keessaa dhiibee biyya ollaa Somaaliyaatti baase.
           

Bara 1998 ABOn Kora Sabaa Hatattamaa
geggeeffate. Korri Sabaa Hatattamaa sun
adeemsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan hanga yeroo sanaatti ture, jabinaa fi laafina diinota isaa, jabinaa fi laafina ofii isaa, jijjiirama haala siyaasa naannoo fi Idil-Addunyaa taasisee tarsiimoo qabsoo kan jijjiirama haala yeroo wajjin Qabsoo
Bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf
dandeessisu qiyaasee hooggana haaraa filatetti dirqama kennee ka’e.

Hoogganni ABO 1998 Kora Sabaa
Hatattamaatiin filame Kaayyoo QBO galmaan gahuun kan danda’amu Qabsoo hidhannoo itti jiramuun maddiitti Ummaticha Abbaa Qabsoo
kanaa tahe diddaa sirna bittaa alagaa kanaaf qopheessuudhaan akka qabsichi hirmaannaa Ummata bal’aatiin caalaatti gabbatee jabaatu kan taasisan tooftaa fi imaammata yeroo yerootti qaramaa deemu baasee 2000 irraa kaasee hojiitti hiikuu eegale.

Akkanaan Bara 2000 irraa eegalee manneen barnootaa ol’aanoo Impaayera Itoophiyaa keessatti argaman keessatti maadheeleen dargaggoota barattoota Oromoo bifa sirnaa fi qindoomina iccitaawaa fi cimaa qabuun ijaaramanii socho’uu eegalan. Maadheen kun suuta suuta manneen barnootaa ol’aanoo irraa gara manneen barnootaa giddu-galeessaa fi sadarkaa duraattis gadi babal’ate.
2000 irraa kaasee hanga 2005 gidduutti
sababoota adda addaa (kanneen akka gubachuu Bosona Baalee, Jijjiiramuu Teessoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Cufamuu Waldaa Maccaa fi
Tuulamaa, Mana barnootaa irraa arihamuu barattoota Oromoo fi….kkf. mormuudhaan dargaggootni barattoota Oromoo hiriira nagaa bahuu fi mormii isaanii bifa adda addaan agarsiisuudhaan hirmaannaa qabsoo finiinsaa turan.
2005 baatii Sadaasaatti (Sadaasa 09, 2005) Labsa Fincila Diddaa Gabrummaa ABOn labse owwaachuudhaan guutuu Oromiyaa keessatti dargaggootni barattoota Oromoo fi murnootni
hawaasa Oromoo hundi ergaantakkaa mormii guddaa sirna bittaa alagaa kan
Wayyaaneedhaan durfamu irratti kaasuudhaan Qabsoo Bilisummaa Oromootti dhageeytii guddaa horan.

Mataan Wayyaanee yeroo sanaa
(Mallas Zeenaawwii) sochii seena qabeessa Ummatni Oromoo (keessattuu dargaggootni) yeroo sana maqaa Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) jedhuun geggeessan maqaa bubbee hamaa galaana irraa ka’ee yeroo tokkichatti
lafa bal’aa dhaqqabuudhaan balaa guddaa geessisu kan ‘Tsunami’ jedhamuutiin yaamuu fi irraa dubbachuuf hanga dirqamutti gahee ture.

Sochiin dargaggoota Oromoo kun takka
jabaachaa takka laaffachaa osoo addaan hin citin itti fufee bara 2011 dhaqqabe.
Bara 2011 sochiin dargaggoota Oromoo kun qindoominaa fi sirna irra ifaa tahe horatee maqaa beekamaa fi seera ittiin bulmaataa tolfachuudhaan unkaa jaarmayaa horate.

Maqaan isaatis (National Youth Movement for Freedom and Democracy) Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhame.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo erga hundeeffamee booda sochiin dargaggootni Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoof gahee
isaanii bahachuudhaaf Oromiyaa keessatti hiriira nagaa bahuu fi diddaa bifa gara garaa geggeessuudhaan taasisan caalaatti qindoominaa fi itti fufiinsa (Continuity) qabaachuu danda’e.
2014 ‘Master Plan’ maqaa jedhuun shira TPLF Oromoota Finfinnee fi naannoo isii qubatan dachii isaanii irraa buqqisuuf xaxee mormuudhaan fi mirga abbaa biyyummaa Oromoo kabajsiisuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo diddaa cimaa agarsiisan.

Sochiin diddaa kunis Oromiyaa guutuu kan wal gahe ture Bara 2015 baatii Sadaasaa (Sadaasa 12, 2015) Waggaa 10ffaa Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) sababeeffachuudhaan dargaggootni
Oromoo (Qeerroon Bilisummaa Oromoo) haala kan sana duraa hunda irra cimaa fi qindaawaa taheen sochii isaanii haaromsan. Boqonnaa sochii isaaniitis Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) irraa gara Fincila Xumura Gabrummaa
(FXG) maqaa jedhutti ceesisan.

Seenaan dhalootaa fi sochii Qeerroo akka
kanatti Kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromootiin hoogganamuu kan gootowwan ilmaan Oromoo kumootaan irratti wareegamaa turanii fi har’as wareegamaa jiran galmaan gahuudhaaf tarsiimoo qabsichaa keessaa tokko tahee kan
eegalee fi sadarkaa sadarkaadhaan qaramaa fi guddachaa kan har’a dhaqqabee dha.

Waan taheef maalummaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo akka har’aan tana namootni waa’ee Adeemsa Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo
hin beekne fi kaanis osoo beekanii dabsuu barbaadan hiika barbaadan kan fedhii fi dantaa dhuunfaa fi murna isaanii waliin deemu itti kennuuf waanuma fedhan xibaaran osoo hin taane:
1) Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan jedhamu umrii fi saalaan kan daangeffamu miti.
2) Qeerroon Bilisummaa Oromoo waggoota 3 fi
4ran dabran kana keessatti kan sochii eegale miti.
3) Bara 2000 hanga bara 20011 bifa adda
addaan qabsoo isaa irratti wareegamaa kan turee fi bara 2011 yeroo Qeerroon Bilisummaa Oromoo hundeeffamuun ifatti labsamee sochiin isaa eegalu namootni har’aan tana akka waan Qeerroo beekuu fi deggeruu bira taranii hoogganummaa isaa harkaa qabaniitti of agarsiisuu barbaadan hedduun isaanii jireenya
qaama kanaa haalaa turan.
Waan ABOn afaaniin odeessu malee Qeerroo wanti jedhamu hin jiru jechaa turan.
4) Qeerroon Bilisummaa Oromoo Guutuu
Oromiyaa keessatti caasaa diriirfatee xiqqaa- guddaa, dhiiraa-dhalaa, fi murnoota hawaasaa hunda keessaa miseensota horatee qindoominaa
fi naamusa warraaqsaa ol’aanaadhaan kan socho’u dha.
5) Qeerroon Bilisummaa Oromoo Sochii
Ummataa kan diddaa sirna bittaa alagaa
(gabrummaa) guutuu Oromiyaa keessatti yeroo irraa yerootti haalota jiranitti dhimma bahee bakkoota gara garaatti qabsiisuudhaan mootummaa gita bittuu Wayyaanee/TPLF/ EPRDFiin hoogganamtu Oromiyaa irraa kaasuuf
warraaqsa geggeessaa kan jiru dha.
6) Qeerroon Bilisummaa Oromoo caasaa fi hooggana ofii haala iccitii ol’aanaa kan diinni haala kamiinuu itti dhaqqabuu hin
dandeenyeen tolfatee kan socho’uu dha.
7) Akeekaa fi Kaayyoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo Kaayyoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO dhaan hoogganamuu kan ilmaan Oromoo
kumootaan irratti wareegamaa turanii fi har’as wareegamaa jiraniif galmaan gahuu dha.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU