SEENAA KO. ALAMUU QIXXEESSAA

SEENAA KOLONEEL ALAMUU QIXXEESSAA (Bit.5,1907-Ado.09,2001)
               
Koloneel Alamuu Qixxeessaa(05,03,1907-09,11,2001)
 
Seenaa fi eenyummaan Ummata Oromoo gita-bittoota habashotatiin, awalamee, irra deemamaa ture, boolla keessaa
basaanii bakka ganamatti deebisuuf, kutannodhan
Mootummaa sirna H/Silasee keessatti wareegama barbachiisu
mara, kaffalanii dhaloota harraa fi boritii karaa kan saaqan
gotoonni Dacheen Oromiyaa biqilichiite heddudha. Isaan
keessaa bu’ureesaa fi Presadaantiin Waldaa Maaccaa fi
Tulamaa kan turan kabajamaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa
nama durati.

Koloneel Alamuu Qixxeessaa dargaggummaa isaanii irraa
eegalee, hanga gaafa adeemsa isaanii fixanitti (09/11/2001)
Umani Oromoo gabrummaa Habashotaa jalaa ba’’ee abbaa
biyya isaa akka ta’u, murannoodhan hojjataa akka turan
dhaloonni ammaa kun ragadha. Kabajamaa Koloneel Alamuu
Qixxeessaa, abbaa isaanii obbo Qiixxeessaa Yaadate fi haadha
isaanii addee Haayyuu Roobii irraa Bitooteessa 5, bara 1907
Walitaajjii Oromiyaa anaa Jalduu ganda Goojjoo keessatti
dhalatan. Koloneel Alamuun Qixxeessaa bakki isaan itti
dhalatanii guddatan, magalaa Jalduu fi nannoo biroo manni
baruumsa hammayyaa, waan hin jirreef mana barnoota Qeesii
seenanii barataniiru. Abban isaanii obbo Qixxeessaa yaadatee,
ilmi isanii akka isanii baratu, waan barbadaniif, gara Finfinnetti
eerganii akka raayyaa warana biyyitti keessatti qaxaramu
godhan. Koloneel Alamuun yeroo sanatti raayyaa waranaa
“Kubuur Zabanyaa” jedhamee beekamu keessatti qaxaramanii
hojjataa osoo jranii gama tokoon ammoo barnoota ammayyaa
fi afaan Faaransaayii barachuu eegalan.
Mootummaa sirna goonfoo keessatti qaxaramanii osoo hn
bubbuliin maqaa ajajaa 50 gonfotanii osoo jiranii, gara warana
“Maa’icaaw” akka duulan godhaman.Warana Maa’icaaw kan
Xaalyaanii waliin godhame kana irratti, Koloneel Alamuun luka
isaanii, rukutamanii gara biyya dhaloota isannii gara Jalduutti
galan. Jalduutti galanii maatii isaanii waliin osoo jirataa jiranii,
biyyittiin Warana Xaalyanitiin weeraramitte.

Koloneel Alamuun jaginummaa fi gotummaa umaman qabaniin
warana Xaalyanii, isa hanga funyanitti hiidhatee jirun, diinni adii
fi gurracha hinqabu? jechudhan warana Xaalyaanii qabsoo
hiidhannotiin falmuutti qajeelan. Lolaa osoo jiranii bara sana
dhiibee qorchii, hin argaminneef kan ummata hedduu fiixaa
ture dhiibee “Taasiboo “jedhamee beekamun qabaman.

Koloneel Alamuun dhiibee kan irraa akka caarraa ta’ee irraa
fayyan illee, abban isaanii obbo Qiixxeessaa yadatee fi haatii
isanii addee Haayyuu Roobii dhiibee kana irraa fayyuu hin
dandeenye. Lameen isaani iyyuu guyyaa tokkotti ijoollee isaanii
koophatti dhiisanii adunyaa kana irraa darban. Guyyaa tokkotti
haadha fi abbaa isaanii kan dhaban, Koloneel Alamuu irratti
gaddi, dachaa dhachadhaan irratti fe’ame. Obbolewwaniif
maatii isaanii hunda jirachisun dirqii itti ta’e. Haala kanan
maatii jirachiisaa osoo jiranii gotoota Jalduu kan Xaalyaniin
lolaa jiran waliin walitti dabalamanii lolaa osoo jiranii harka
warana Xaalyanitti kufan.

Waranni Xaalyaanii, Koloneel Alamuu Qixxeessaa irratti murittii
du’aa murteesse. Koloneel Alamuun guyyaa ajjeeefamuu isanii
osoo eeggachaa jiranii, Xaalyaniin gama tokkoon Jalduu
keessatti Warana Xaalyanii barbadeessaa kan turan, gotoota
Oromoo kan Dirribsaa Faayyisaa Nagarootiin hoggnamuun
akka harka isaanii keennatan kadhachaa waan turaniif, gonni
Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Xalyanidhaan “nama kiyya
qabiddanii kana isiin harka jiru, Alamuu Qixxeessaa gadi-
lakkifiittan malee harka kiyya hin keennu! jedhe.
Xaalyaniin Gotoota Oromoo Dirribsaa Faayyisaatiin
hogganaman of harkatti galfachuuf jecha, Alamuu Qixxeessaa
kan duuti itti murtawe, mana hiidhaa isanii keessaa basanii
gadi dhiisan.

Koloneel Alamuun akkuma mana hiidhatii hikkamaniin, gara
birootti osoo hin goriin Warana Diribissaa Fayyisaatiin
hogganamutti dabalama. Gonni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa
Alamuu Qixxeessaa eerga mana hidhatii hiiksifateen booda,
gootota bara sana nannoo Jalduutti argaman, kan akka
Xanqeessaa Keelloo, Mi’eessaa Jombaa, Niigissaa Faajjii,
Diinqaa Urgoo fi kanneen biroo waliin warana Mosoloonii kan
Jalduu keessa Qubatee jiru irratti lola banudhan hanga
dhumatti lolaa turaniiru.
Tafarii Mokonnoon (H/ Silaseen) akkuma Xaalyaniin biyya
waggaa 5f qabattee turte gadi dhifiteen biyya itti baqate irraa
gara angoo isaatti deebi’e. Gotonni Oromoo waggaa 5n guutuu
kan Xaalyaniin falmaa turan kan akka Kabbaddaa Buzunaash fa
Angootti deebi’uu H/ Silasee mormaa akka turan keessa
beekitonni ni dubatu.

Koloneel Alamuun akkuma Mootummaan Sirnni gonfoo
dhabbateen mana barnoota akkadamii warana “Hoolotaa”
seenaanii barataniiru. Bara 1944 gara kaaba Ithiopiyaa
“Ambalagee” bakka jedhamutti akka duulan ajajamanii
rasaasan rukutamaniiru. Koloneel Alamuun mana Barnoota
akkadamii warana Hoolotattii barsiisaa ta’ani waggoota lamaa
oliif hojjataniiru. Koloneel Alamuun Bulichiinsa Mootummaa H/
Silasee keessatti sadarkaa gadii irraa egalee hanga Sadarkaa
oliitti hojjataniiru. Hojii isanii kana keessatti, Mootumman
sirnna gita-bitoota Habashootaa ilaalichi Oromoo fi lammii
Oromotii qaban akka garitti hubataniiru. Koloneel Alamuun
Oromoo ta’uu isaanii irraa kan ka’een, bulchiinsa mana warana
biyyitti keessatti isaanifi Oromoota raayyaa ittisa biyyitti keessa
jiran irratti, kan rawwatamaa ture haala qabatamadhan argaa
turaniiru.
Maaccaa fi Tulamaa
Qabsoon Ummani Oromoo bilisummaa isaaf godhu kanaaf
daandii kan saaqae, hundeeffama Maaccaa fi Tulamaa akka
ta’e hubatamadha. Maaccaa fi Tuulamni Mootummaa sirna
naafixanyootatiin gaggeefamu keessatti, ummata Oromoo
magalaa fi baddiyyaa Oromiyaa keessatti Waroon saliphiinaa
irratti diririfamee jiru jalaa basuuf, Wareeggama barbachiisu
mara kaffalanii dhaloota harraa kana biran gaahaniiru.

Rakkoo Ummani Oromoo qabu, amma tokko irraa saliphisuuf,
misooma maqaa godhatee kan dhabbate kan keessatti,
Koloneel Alamuun caalqaba irraa eegalalnii hanga gaafa
adduyaa kana irraa darbanitti, gaafa tokkollee dadhabe osoo
hin jedhiin Presedaantii Waldaa kanaa taanii halkani fi guyyaa
hojjataa akka turan seenaan raggadha.
Koloneel Alamuun, Barreessaa Waldaa kanaa kan turan H/
Mariaam Gammadaa waliin ta’udhaan Oromoni bebeekkamoo
ta’an akka waldaa kana keessatti miseensaa ta’an halaan
irratti hojjataniiru. Isaan keessaa Jeeneeraal Abbabaa
Gammadaa Jeneraal Tolaa Badhadhee Jeeneeraal Jagamaa
keelloo Dajazimaach Dani’eel Abbabaa (ilma Raas Abbabaa
Haaragayi) Kabbadaa Buzunaash fi kan biroo miseensa
gochuun yeroo itti hin fudhanne.
Akkeekinni Waldaa Maaccaa fi Tulamaa Beekumsaa fi
qabeenya qaban wareeganii Ummata Oromoo duukkana
keessa jira kana keessaa, gara ifaatti baasuu waan ta’eef, kan
lafa qabu lafa isaa kennee, akka manni baruumsaa irratti
banamu waan walii galameef caalqaba duraatiif gochaan kun
Koloneel Alamuu Qixeesatiin hojii irra ooleera.

Mana Barumsaa Jalduutti Banuu
Koloneel Alamuun bakka dhaloota isanii nannoo Jalduu, manni
barumsaa tokkollee waan hin jirreef ijoolleen anaa Jalduu akka
barnoota ammayyaa barattee ija banattu lafa magalaa Jalduu
qaban irraa kaare meteera 10,000 ol eebbisaanii ummata
Jalduuf keennudhan manni barumsaa kutaa 1-6 tti bananiiru.
Haluma kanan, Kabbadaa Buzunash Misooma aada’aa bargaa
fi goroo Makootii kaare meetra 20,000 yokeennan
miseensonnii fi hogganoon Waldaa Maaccaa fi Tulamaa
duursanii qabeenya fi huminna isanii waakki tokko malee
wareeganiiru.
Waldan Maaccaaf Tulamaa hogganummaa Koloneel Alamuu
Qixxeessaa jalatti, yeroo gababaa keessatti ummata Oromoo
yoo gaammachiisu, H/ Silasee fi kanneen isaan marsanii jiran
mara ,yaddoo keessa isaan galicheera. Waldan Maaccaa fi
Tulamaa Xiyyeeffannan isaa inni guddaan, Ummata Oromoo
barisiisuu irratti waan ta’eef ummani Oromoo ammoo, yoo of
bare, akka isaan harkaa ba’u, waan beekaniif adeemsa Waldaa
kanaa gababiisuu akka qaban murteefataniiru.
Keessattuu Waldan kun of keeessatti hammatee kan qabu
(Hoggantoota Waranaa, hojjatoota Motummaa, baratoota fi
Qotee bulaa Oromoo akkasums kan akka Saba Oromoo
cunquursaa habashootaa jala jiran Sidamaa, Walaitaa …) waliin
ta’uun hedduu isaan yaddeeseera.
Koloneel Alamuu Qiixxeessaa H/ Silasee biratti ija hamadhan
ilalaamaa turaniiru. Sababiin isaas yeroo Oromooni Raayyaa of
irratti lolataa turan Waranni meeshaa ammayaa hidhate, itti
duuluu hin qabu! kun biyyaa keessaa waan ta’eef kan biyyaa
keessaa Poolisii ta’uu qaba waan jedhaniif, Mootummaa H/
Silasee biratti waamamanii diniin cimaam eerga keennameefiin
booda, guddiin karaa seera mana waranatiin keennamuu malu
hunda, hanga Waggaa 5 tti akka hin kennaminneef godhamanii,
bakka duraan ramadamanii hojjataa turaan irraa gara biratti
akka jijiraman godhamaniiru.

Gara biroon ammoo haala
Waldaa Maaccaa fi Tulamaatin wal qabateen H/ Silaseen
hogganoota Waldaa kanaa Jeneeral Taddasaa Birruu fi
Jaarsolii beebekamoo Arsii waliin H/ Silasee irra, yeroo
dhiyatan Koloneel Alamuu Qiixxeessaa sodaa tokko malee H/
Silaseedham ati maa Oromummaan nu yakkitaa? ati Oromoo
miti? yeroo jedhaniin, H/ Silaseen isa eenyutu nutti himi? siin
jedhe jedheen jedhama.
Ajajaa Dhibbaa Abarraa Alamuu (Ilma isanii isa
Ajajaa dhibbaa Abarraa Alamuu ilma Koloneel Alamuu
Qixxeesa isa durati. Abarraan ajajaa dhibbaa ta’ee Asmaratti
ramadamee hojjataa osoo jiru, akka caarraa ta’ ee bara lola
Jeeneeraal Mangistuu Niwaay, Finfinnee yeroo dhufu, lola kan
afaan bu’e. Abarraan lola kana irratti gara Mootummaa H/
Silasee goree lolaa osoo jiruu warana Garmamee fatiin
ajjeefame.

Koloneel Alamuun ilmi isanii lola isaa hin mallee, kana irratti
du’uu isaa bayyee akka gaddan keessa bekitoonni ni dubatu.
Dhimma Waldaa Maccaatiin yakkamanii yeroo Kaabinoota H/
Silasee irra dhiyatan, lola irratti yeroo lama rukutamanii waan
turaniif “luuka koo yeroo lama isiniif keennera! Ilma koo
Abbarraa isiniif kenneera akka lammii Oromoottii ijaaraminnee
biyya keenya keeessatti misooma, guddisuun maaf yakka isiin
biratti ta’e?” jechun gaaffii deebii hin argannee hoggantoota
Mootummaa H/ Silasee tii dhiyeesaniiru. Ilmi isaani Abbarraan
Mootummaa isaanitiif du’uu isaa hedduu akka gaddaan keessa
bekitonni ni dubbatu. Hata’uu garuu Hogganummaa isanitiin
kan dhalate waldan kun, akka dhabamee badu, kaabinoota H/
Silaseetiin hoggantoonno waldaa kanaa, soban yakkanii
adabbiin adda addaa yeroo irratti murtawu, Koloneel Alamuu
irratti murtiin adda addaa sadii (3) irratti muraweera Hiidhaa
ciimaa waggaa 10 Maqaan isaanii Koloneelummaan akka irraa
muliqamu.

Yeroo mana hiidhatii hiikkaman mirgi eenyummaa akka
waggoota shaniif irraa mulqamu, kan jedhu itti raggasifame.
Koloneel Alamuun akka Ummani Oromoo isaan arguu ykn
gafachuu hin dandeenyeef faggeessanii Gondoor magalaa
Dabira-taboritti akka hidhaman godhaman. Yeroo Mootummaa
H/ Silasee kaabinoota isaa waliin wal qabatee gara awwala
isati qajeelu, hoggantooni waldaa kanaa hundu mana hiidhati
hikamaniiru.
Erga mana hiidhatii hikkamanis Ummani Oromoo akka
blisummaa isaa gonfatee abba biyyaa isaa ta’u, bakkoota adda
addatti analewwan fi kutalewwan Oromiyaa keessa nanawanii
keessattuu bara 1991/1992 barsiisaa turaniiru. Ibsa isaan,
waajiraa ABO yeroo sanaa, Gullallee jiru dabalatee isaan
keennaa turan, Mootummaa wayyanee biratti isaan
balaleefachiisu illee, sodaa tokko malee ummata kanaaf of
keennanii hojjataa turaniiru.
Bara 1992 keessa, matan wayyanee Mallas Zenaawii bakka
jirutti, wamamanii osoo waliga’ii irra jiranii bakka bu’aa OPDO
yeroo sanaa kan ture, Kumaa Dammaqqisaa Ummata Oromoo
kan diigu, kan akka keessanii kana yeroo jedhaniin Sodaa kan
hin beekinne Alamuu Qiixxeessaa, “Yeroon ani mirga Oromooti
falmuu calqabu ati hudduu kee hinxaraganne”! Jedhanii
waliga’ii sana irratti kumaa saliphiisanii akka gadi teesisaan,
namoonno walga’ii sana irratti argaman kan dubataniidha.
Koloneel Alamuu bara jireenya isanii yeroo hedduu mana isanii
dhaqee waliin dubbachuu caarraa argadheera. Abbaa kiyya
waliin nannoo tokkotti waan waliin guddataniif walitti
dhufeenya qabu. Akkuma ABOn Mootummaa Ce’uumsa
keessaa ba’een ijoollee Oromoo rakkoon irra ga’ee hunda
gargaraa turan. Anaafis gargarsa nagodhaniiru. Yeroo sana
waan lama isani irraa dhaga’eera.

1. Oromon tokko ta’u malee, mirga isaa argachuu akka hin
dandeenye, dhaabbilleewwan Oromoo blisummaa Oromootiif
falman akka tokkoo ta’an irratti hedduu dhamaaniiru. Bakka
deeman hundatti, Oromoon osoo lagaafi Amanitidhan wal-
hinqodiin harka walqabatee ka’u malee, rakkoo amma jiru
keessaa ba’uu akk hin dndeenye hubachiisaa akka turan bara
jireenya isanii dubbii isaan godhaa turan Videoo ilaluun
ga’adha.
Bara 1994 dhabbilee blisummaa Oromoof qabsa’an lameen
walitti fiduuf hedduu akka yalaa turan afaan isaanii irraa
dhagaeera. Keeniyaa Nairobii keessattii ABO fi IFLO walitti
fiduuf beellama qabatanii yeroo isaan Oromiyaa irraa Naa
iroobitti argaman, Gara ABO tiin Galaasaa Diilboo yeroo
argaman, karaa IFLO amoo bakka bu’an Jaarraa argamaniiru.
Hayya dureen ABO yeroo sanaa Galasaa Diilboo eerga Jaarraan
hin argaminne, anis bakka bu’aa waliin hin dubadhu! jedhanii
akka dhiisan na hubachisaniiru.
2. Wa’ee Qabsoo Balee ti. wa’een Qabsoo Balee yeroo ka’u
namonni hedduun osoo hin beekiin ykn osoo beekanii, Qabsoo
sana kan dhaamse J/ Jaagamaa Keelloo akka ta’eetti himu.
Jaagamaa Keelloo Qabsoo diddaa garbummaa Balee akka hin
dhamisine irraa hubadheera.
Koloneel Alamuu irraa jecha arman gadii kana dhagaheera
“bara sna waggoota 8 oliif Mootummaa H/ Silaseen lolaa kan
turan gotoota Baleetti, warani biyyittin qabiddu, dubaaf
funduraan akka itti dulamu ajajinni H/ Silasee irraa darbee
ture. Jaagamaan ajajaa warana waligalaa waan ta’eef, waan
deemaa jiru waan beekuuf nu biira dhufee, Jaroonni kun
barana dhumun isaanii akka hin ollee nu mirkanneesse.
Duubafii funduraan akka marfaman godhameera. dhumuu irra,
gara duraas ummani Oromoo ka’i! yoo jedhan ka’uu waan
danda’uuf harkan keenisiisa nuun jedhe. nutis dhumuu isaani
irra harka keennachuu isanii filanne.” J/ Jaagamaan ammoo
H/ Silaseetti dubbatee Qabsa’aa Oromoo Waqoo Gutuu maqaa
waliin nagan osoo naminni tokko isaan hin tuqiin harka isaa
kennatan.
Namonni bayyeen osoo keessa hin bekiin akka J/ Jaagamaa
Keelloo dhamiseetti ibsu. Seenaa Motummoota habashotaa
darbanii yoo ilaallee, Oromoota finciila isaan irratti godhan
sosobanii ykn kakatanii eerga harka keennachisaniin booda
dhabamisiisaa akka turan seenaan ragadha.

Goota oromoo Habishee Garbbaa Meeshaa waranaa Ciibsaanii,
kakatanii waadaa galanii eerga harka keennachisaniin booda,
kakuu isaanii akka Biishanii dhuganii Abishee mana hiidhaa
isanii keessaatti ajjesaniiru.
Gotoota Oromoo Dawwee kan Hasan Ameetiin hogganamu,
akkuma sana, hoomitu isiin hin tuqu! jedhanii nagaan gara
Qe’ee isanitti eerga deebi’aniin booda, qabanii hunda isanii
faniisaniiru. Seenaa Qabsa’oota Oromoo keessatti
habashootatti harka kennatanii kan irraa damdamatan yoo
jirate Qabsa’oota Baleeti yoo jedhame dhugaa irraa fagachuu
miti.
Jaagamaa Keelloo qabsa’oota Baalee harka kennisisaanii
rakkoon tokko osoo isaan hin qunaminni, ykn irra hingayiin
akka nagaan jiratan godhaniiru. yeroo ammaa Qabsoo Balee
kan dhaamse Jaagamaa Keellooti, jechi jedhu sirrii akka hin
taane hubataumuu qaba.
Waajjiira ABO Jalduu
Bara 1991/1992 yeroo ABOn Mootummaa Ce’uumsa Ithiopiya
keessa jiru, waajironni ABO bakka adda addatti yeroo
banaman, hoggantonni ABO fi Koloneel Alamuu bakka hedduu
demanii ummata isaniif ibsa keennaa turaniiru. Baatii
Onkoloolessa braa 1991 waajjirrii ABO Yeroo Jalduutti banamu,
Koloneel Alamuu fi namoni beebekamoon ABO fi bakkoota
biroo irraa argamaniiru. Waliga’ii kana nama qindeesse
keessaa nama tokko waanan ta’eef Ummani Anaa Jalduu,
Ginddabaratii fi Meettaa Roobii hedduminan akka argaman
irratti hojjatameera.
Guyyaa seenaa qabeessa kana irratti kan argaman:
Kloneel Alamuu Qiixxeessaa
Obboo Damisee Kabbadaa (ABO)
Girmaa W/ Giyoorgis Sooddoo Jiddaa bakka bu’dhan
(Preezadantii)
J/ Jaagamaa Keelloo fi kan birooti. Jaagamaa Keelloo bara
Xaalyaanii nannoo sanatti lolaa waan turaniif Ummata anaa
Jalduu biratti maqaa guddaa qabu. Ummani Jalduu, Alamuu
Qixxeessa fi Jaagamaa Keelloo maqadhan malee, arganii
waan hin beekinneef isaan argudhaaf Oromoni dhufan
heddudha.

Bakki walga’iin kun itti Qoophawe mana baruumsa Jalduu
keessatti yoo ta’u, mana baruumsaa kana yeroo Waldaa-
Walgargaarsa Maaccaaf Tulamaa hundeessan, calqaba
duraatiif, lafa qaban keennanii kan Ummata Jalduuf
ijaarsiisanii, Oromoota nannoo biroof fakkii goddaa kan
ta’aniidha.
Hogganuma Koloneel Alamuutiin. dabaree dabareedhan haala
yeroo irratti Obbo Damasee Kabbadaa fi bakka bu’aan
Oromoota Sooddoo jiiddaa Girmaa W/ Giyorgis erga
dubbataniin booda, Jeneeral Jaagamaa Keelloo akka dubatan
caarran kennameef. Jaagamaa Keelloo yeroo gara waalittajjitti
ol ba’an, Ummani anaa Jalduu, kabajaa isaniif jecha, lafaa ol
ka’anii harka rukutuun isaan simatan. Jeeneeraal Jaagamaan
Ummata Jalduu irraa kabajaa guddaa argatan.

Jeeneeraal Jaagamaan akkuma dubbii calqabaniin kabajaa
Ummata fi Dargaggoota Jalduu irraa argatan mulqaman.
Umani Jalduu Osoo Jeeneeraal Jaagaman dubbatanii
hiinfiixiin, waalitajjii gadi dhiisanii akka bu’an godhaman. J/
Jaagamaan Dargaggoo Jaalduu kan Hawwiin Blisummaa
onnee keessaa dhikkisu funduura dhabbatanii “Ani kalleessas
haarras Ithiophiyaan tokkuman jedha” yeroo jedhan
saliphiinaan waaltajjii irraa gadi bu’an. Ani bakka isaniin qanawe. Damisee Kabbadaa fi Koloneel Alamuun dubbii
gochudhan dargagoota Jalduu dubbii Jaagamatti aaran akka
qabbanseessuu godhan.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU