SHINNIGGAA FI GOOTOTA OROMOO
SEENAA GUYYAA GOOTOTA OROMOO!
---------------------------------------------------------------
Guyyaan Gootota Oromoo ABO keessatti ayyaaneffatamuu erga eegalee seenaa waggoota 30 ol ta'eera. Seenaa ABO keessaatti akka hubannutti, Guyyoota waggaa tokko keessa jiran keessaa Ebli 15,Guyyaa Gootota Oromoo jedhamee waan moggaafameefi waan ayyaanefatamuu eegaleef qaba.
Ebla 15, bara 1980 keessaa ture hogganoonni ABO, Dura Taa’aa fi I/Aanaa dabalatee osoo dirqama QBOf amna irra jiranii kan wareegaman. Gootowwan hogganootni ABO wareegamuu duwwaa osoo hin taane dhiiga isaaniitiin tokkummaa ummata Oromoof xurree taraaranii kan kufan guyyaa kana ture.
Ilmaan Oromoo hedduunis xurree gootota keenya saaqan irra bu’udhaan bilisummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf wareegama hedduu kaffalan; har’a illee dhalootni haaraan Imaanaa gootota keenyaa bakkaan gahuu irratti wareegamaa jiru. Walumaa galatti Ebli 15, "GUYYAA GOOTOTA OROMOO" ilmaan Oromoo kaleessaafi dheengadda,har’as dabalatee bilisummaa saba isaaniif jecha falmaa diinaa irratti lubbuu isaanii kan jijjiirraa hin qabne itti wareegan kan ittiin yaadannu dha.
Addi Bilisummaa Oromoo Ebli 15 Guyyaa Goototaa akka tahu sababa malee hin murteessine. Bara 1978 walakkeessa irraa kaasee haga dhuma 1979tti ABO haala akkam rakkisaa keessa ture.Yeroon kun yeroo lolli Somaliyaa fi Itophiyaa dhumatee, waraanni Ziyaad Barree arihamee bahee, mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf duula wal irraa hin citne itti bobbaase ture. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola cicimaa seene.
Qunnamtiin isaa addaan citee ni faca’aa yaaddoon jedhu illee guddaa ture. Qabsoon haqaa yoomuu waan injifatuuf Goototni WBO duula Dargii of irraa qolatanii Amajjii 1, 1980 walitti dhufanii ayyaana guddaa ayyaaneffatan. Injifannoo karaa waraanaan argames karaa jaarmayaan itti fufuuf hogganooti ABO Arsii, Baalee fi Harargee keessa jiran baatii Bitootessa keessa walitti dhufan. Hogganooti ABO biyya alaa turanis mootummaa Somaliyaa irratti hojjachuun waajjirri ABO akka Moqaadishootti banamu bara 1980 keessa godhanii turan.
Haala mijjataa kanatti dhimma bahamee hogganooti biyya keessaa fi ala jiran qaamaan wal arganii dhimmaa jaarmayaa dhaaba irratti murtii irra gahuun akka barbaachisu hubatame. Akka kanatti hogganoota yeroos dirree turan keessaa jilli tokko kan Dura Taa’aa fi I/A/Dura Taa’aan keessatti argaman akka Moqaadishoo deeman murtaawe. Akka kanatti jaallan namni kudhan: Jaal Barisoo Wabee (Magarsaa Barii),
Jaal Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee),
Jaal Abbaa Xiiqii (Abboomaa Mitikku),
Jaal Dori Bari (Yigazu Banti),
Jaal Falmataa /Umar/ Caccabsaa,
Jaal Faafam Dooyyoo,
Jaal Irra’anaa Qacalee (Obbo Dhinsaa),
Jaal Dhadacha Boroo,
Jaal Daddacha Muldhataa,
Jaal Marii Galaan gara Somaliyaatti socho’an.
Jaallan kunneen Imaanaa isaanii itti fufuudhaan gammojjii Ogaadeen bakka Shinniggaa jedhamu yeroo gahan haalli isaan hin eegne isaan mudate. Bakka kana humni waraana Somaliyaa irraa hafee biyya saamuu fi jeequ shiftaatu ture. Jaallan kun osoo hin beekin harka waraana shiftaa bu’an. Waraanni Somaalii kun jibba guddaa ABO fi ummata Oromoo irraa waan qabuuf jaallan keenya guddaa hiraarse. Uffata irraa baafatee paantii duwwatti hambise. Harka duubatti hidhee reebee miidhaa guddaa irraan gahe. Osoo isin hin ajjeesin warri kiristaanaa taatan gam-tokkotti, warri islamaa taatan gama biraatti bahaa jedheen.
Jaallan hogganoota dhaabaa garuu nuti Oromoo, amantiifi gosaan adda hinbaanu jedhanii didan. Shiftooti Soomaalii jaallan hogganoota keenya Ebla 15, 1980tti rashanamanii boolla tokkotti awwaalaman.
Tokkummaan ummata Oromoo amantii fi gosaan kan adda hin baane tahuus dhiigni jaallan keenya ni mirkaneessan.ABO'n sababa kana irraa ka’uudhaan Eba 15 Guyyaa Gootota Oromoo jedhee moggaasee. (Guyyaa kabajamaa kanatti hundi keenya iyyuu Yaaddannoo qofa osoo hin taane, gadoos daballee akka hidhannu abdii kooti,Yaadannichaaf guyyaan kurnaan tokko hafuus fuulduree kana dhimmaaf isinirraa waaniin baduuf gamanumaan Baga Guyyaa Gootota Oromoo Geessaan jechuun Fedha!!

Comments
Post a Comment