GANTUUN GANTUMA

         OPDOn GANTUMMAA ISHEE IFATTI LABSITE.


Obbo Lammaa dabalatee aanga'oonni sadii yeroof koree giddu-galeessaa Partii Badhaadhinaarraa dhorkamuu Itti-gaafatamaan Waajira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsan.


Ibsa itti-gaafatamaan kun Dilbata galgala OBN irratti kennaniin, aanga'oonni koree giddu-galeessaa Paartichaarraa dhorkanamanis, Obbo Lammaa Magarsaa, Aadde Xayibaa Hasaniifi Milkeessaa Miidhagaa (PhD) dha.


Dhorkaan yeroodhaaf aanga'oota kanneen irra kaa'ame kunis koree hojii raawwachiiftuun kan ragaasiifamu ta'uu himanii, isaanis itti-gafatamummaa irraa eegamu haalaan bahachuuf qophaa'oo yoo ta'an deebi'uu akka danda'anis himaniiru Obbo Fiqaaduun.


Sababii aanga'oonni sadan kunneen ittiin koree giddu-galeessa paartichaa keessaa itti dhorkamanis Obbo Fiqaaduun himaniiru.


Obbo Lammaan kanaan dura yaada isaanii midiyaa irratti ibsachuu isaanii yaadachuun, isaan boodalleen itti-gaafatamummaa Paartiin itti kenne bahachaa waan hin jirreef koree giddu-galeessaa keessaa yeroodhaaf dhorkaman jedhan.


Dr Milkeessaa Miidhagaa aangoorraa kaafaman

Paartiin Badhaadhinaa deeggartoota yaada Obbo Lammaa ofirraa dhiibaa jiraa?


Akkasmumas, Dr. Milkeessaa Miidhagaa yaadaafi ilaalcha isaanii Paartii keessa taa'anii callaqqisiisuu osoo danda'anii, alatti tarkanfaachiisuu isaaniitiin yeroodhaaf dhorakamu himan Obbo Fiqaaduun.


Aadde Xayibaa Hasan ammoo bakkawwan rakkooleen keessatti mullatan gara garaatti maqaan isaanii waan ka'aa jiruuf, dhimmi kun hanga qulqullaa'utti koree keessaa dhorkamaniiru jedhan Obbo Fiqaaduun.


Gama biraatiin hanqinni raawwii hojii aanga'oota sadarkaa garaa garaa irratti argaman ilaalamuu kan himan Obbo Fiqaaduun, kanaan walqabatee hogantoonni sadarkaa aanaarra jiran 800 ol ta'aniifi kanneen sadarkaa godinaafi magaalotaatti argaman 117 ta'an qulqulleessuudhaaf yaalamuu ibsaniiru.


Walumaagalatti paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa kora guyyoota lamaaf haala yeroorratti gaggeesseen, qabsoon paartichaa akka naannoofi akka biyyaatti gadi-fageeyaan qorachuu isaa kan himan Obbo Fiqaaduun, aanga'oonni sadarkaa aanaa hanga olaanootti argaman raawwiin hojiisaanii qoratamuu himaniiru.


Dubbii himaan waajjira Paartii Badhaadhiinaa Obbo Taayyee Danda'aas gama isaatiin aanga'oonn sadan miseensummaa koree jiddu galeessa paartichaa keessaa dhorkamuu fuula feesbukii isaaniirratti barressaniiru.


"Kana malees, qulullina ilaalchaa, raawwii hojiifi qulqullina harkaa ilaaluun caasaa mootummaa qulqulleessuuf kallattiin kaa'ameera," jedhan.


Obbo Lammaa Magarsaa Ministirri Raayyaa Ittisa biyyattii, ADWUI duranii baquun adeemsa Paaartii Badhaadhiinaa hundeessuu irratti gaaffii kan qaban ta'uu midiyaatti dubbachunsaanii ni yaadataman.

Ergasiin booda garuu sochiiwwan mootummaa keessatti wayita hirmaatanis ta'ee midiyaarrattis dhagahamnii hin beekan.


Haaluma walfakkaatuun, Aadde Xaayibaa Hasan Itti-aantuu pirezidaantiin naannoo Oromiyaa irraa kaafamuun waajjira Ministira Muummeetti gorsituu olaantuun dhimmi hawaasummaatti erga mudamtee booda mullatanii hinbeekan.


Dr Milkeessaa Midhagaan ammoo naannichatti Hogganaa Biiroo Bulchiinsaa i Itti-fayadama lafaa Oromiyaa irraa kaafamuun gara gorsaa Paartii Badhaadhina Oromiyaatti mudamuunsaanii ni yaadatam.


Obbo Lammaan attamiin siyaasa Itoophiyaa keessatti gurra horatan?


Obbo Lammaa Magarsaa umuriin nama ganna 45 yoo tahan bakki dhaloota isaanii Godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu Sireeti.


Haala barnootaa digrii jalqabaa mummee barnootaa 'Economics' yunivarsiitii Finfinnee, digirii lammaffaa 'international relation' yunivarsiitii Finfinneefi digirii sadaffaa 'peace and security' yunivarsiitii Finfinnee irraa argataniiru.


Obbo Lammaan komishinara Komishinii poolisii Oromiyaa, Hogganaa Biiroo Bulchiinsaaffi ageenya Oromiyaa fi Af-yaa'ii caffee Oromiyaa ta'uun hojjetaniiru.


Yeroo mormiin 2014-2018 bulchiinsa ADWUI irratti dhalatee jijjiiramni MM Abiy Ahmad gara aangootti fide ammoo Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Dura Ta'aa DHDUO/ODP ta'uun hojjechaa turan.


Yeroo ammaa kana garuu Ministiri Raayyaa Ittisa Biyyaa ta'uun tajaajilaa jiru.


Obbo Lammaa Magarsaa walitti baquu paartilee miseensa ADWUI (TPLF, ODP, ADPfi Paartii kan Naannoo KIbbaa) akka hin deeggarre kanaan dura af-gaaffii VOA waliin taasisan irratti ibsanii ture.

'Kun imaanaa uummattni nutti kenne nyaachuudha' jechuun ture yaada isaanii kan ibsan.


'Ida'amni Lammaa Magarsaa hir'ise ida'ama miti'

Jalqabaa eegaluun walitti baquu paartilee kan jedhu sanas mormaa akka turan himanii turan.


Haatahu malee Xiinxalaan siyaasaafi miseensa KFO kan tahan Obbo Jawaar Mahaammad erga biyyatti deebi'ee kompiitera qabsoo ittiin gaggeessaa ture jedhe Obbo Lammaaf kennee ture.


Obbo Lammaan kompiitera koos hin ganne wan gaarii ittiin hojjechaa jira jechuun gaaffii yeroo tokko Obbo Lammaan maaliif bade jechuun waltajjiirratti ka'eef deebisee ture.


Aadde Xayibaa Hasan ammoo dubbii jajjabduu 'gama ummataa goruun dubbattuun' yaadatu namoonni. Kanaaf ammoo fakkeenya yeroo kaasan, yeroo Kantiibaa magaalaa Shaashamannee turtetti qaamota nageenyaa mootummaa namoota mormiif bahanirraan miidhaa dhaqqabsiisan akka itti gaafataman taasistee turte.


Dr Milkeessaa Miidhagaa Hogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Itti-fayadama Lafaa Oromiyaa ta'uun hojjechaa kan turan yoo ta'u,"Dhimma paartii Badhaadhinaa irratti of-qusannaa (Reservation) qabda jechuun aangorraa na kaasan" jechuun Dr Milkeessaan BBC'tti himanii turan.


Dr Milkeessaan jijjiirama siyaasaa Itoophiyaa keessatti dhufe hordofuuni gara miseensummaa dhaaba biyya bulchaa jiruufi gara hoggansa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kan dhufan.


Waggoota lamaaf Hogganaa Biiroo Dhimma Dargaggoo fi Ispoortii akkasumas hogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Itti fayadama Lafaa Oromiyaa ta'anii hojjetaa erga turanii gorsaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti geeffaman.


Maddi BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU