ABO


Boordiin Filannoo Biyyaaleessa Ityoophiyaa waldhabdee miseensota ABO gidduutti uumame ilaalchisee murtoo dabarse!

Boordiin Filannoo Biyyaaleessa Ityoophiyaa waldhabdee miseensota hoggantootaa Adda Bilisummaa Oromoo gidduutti uumaame ilaalchisee murtoo dabarseera. Boordichi miseensonni kunneen iyyannoo garaagaraa dhiyyeeffachaa turee ibseera.

Hagayyaa 1, 2012 irraa eegalee miseensonni koree hojii raawwachiiftuu muraasni fi itti aanaan dura taa'aa paartichaa xaalayaa barreessaniin dura taa'aan paartichaa aangorraa dhorkamuu boordicha beeksisaniiru. Dabalataan miseensonni kunneen irra deddeebiin hoggansa paartichaarratti iyyannoo dhiyeessaa turaniiru.

Gama biroon dura taa'aan dhaabbatichaa walga'ii mana maree Fulbaana 2, 2013 taa'een itti aanaa dura taa'aa fi miseensota koree hojii raawwachiiftuu fi koree giddugaleessaa muraasa hanga yaa'ii waliigalaa itti aanutti itti gaafaamummaa isaanirraa kaasuu xalayaa barreessaniin boordicha beeksisaniiru.

Boordichi bu'uruma aangoo seeraan laatameefiin koreen ogeeyyii xalayaawwanii fi iyyannoowwan qaamolee lamaanii qoratu akka hundaa'u murtoo dabarsuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan gama obbo Araarsoofaan ogeessi
ramadamus, obbo Daawud faan ogeessa dhiyeessuuf fedhii dhaburra darbee dhimmichi dambii keessaa paartichaan waan xumuramuu qabu jechuun deebii laataniiru. Dabalataan ogeessa dhimmicha ilaaluuf fedhii qabu argachuun hin danda'amne.

Sababa kanaan boordichi dhimicha ofiif qoratee murtee laachuuf akka dirqame ibseera.

Waldhabdeen jiru keessoo paartichan furamuu akka hin dandeenye fi murtoo boordichaa akka barbaachisu hubachuun murtoowwan gurguddoo armaan gadii laateera.

1️⃣. Iyyannoon obbo Araarsoon faan dhiyeessan adeemsa guutuu qabu waan hin guunneef fudhatama kan hin qabne ta'uu hubateera.

Haaluma kanaan dura taa'aan paartichaa aangoorraa dhorkamuu isaanii xalayaan koree hojii raawwachiifturraa ergame fudhatama seeraa kan hin qabne ta'uu murteessera.

2️⃣. Mallattoo obbo Daawudiin murtoo mana maree biyyaalessaa jechuun itti aanaan dura taa'aa paartichaa fi miseensonni koree hojii raawwachiiftuu fi koree giddugaleessaa ilaalchisee boordichaaf dhiyaates dhimmoota guutamuu qabu guutee waan hin dhiyaannef seeraan fudhatama kan hin qabne ta'uu murteessera.

Miseensonni koree hojii raawwachiiftuu kunneen miseensummaa isaaniin akka itti fufan murteesseera.

3️⃣. Qaamoleen lameen yaa'ii waliigala waloon akka gaggeessan boordichi murteesseera.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU