HALEELLAA SUUKANNEESSAA NAANNOO BEENISHAANGUL GUMUZ.

Beenishaangul Gumuz 'Ijoollee koo sagalii fi haadha manaa kiyya na fuulduratti ajjeesan' - jiraataa Matakkal

Haleellaan naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal deddeebi'ee mudatullee kan alanaa kun garuu haalaan suukanneessaadha.

Maatiin hedduun bakka tokkotti ukkaamfamanii ajjeefamaniiru.
Jiraataan Aanaa Bulan ganda Bakkujii Obbo Balaay Waaqjiraa, qonnaan bulaa miseensonni maatii 10 jalaa dhumaniidha.

Isaanis mudhiirra rukutamanii Hospitaala Bulanitti yaalamaa jiraachuu himan.

Maaltu ta'e?

Osoo nuti quba hin qabaatin naannawa sa'atii 12tti dhukaasi eegalame.

Hirribaa akkuma dammaqnetti nutti marsanii nu haleelan. Karaa ittiin miliqnu dhabne.
Booda mana cabsanii olseenanii nu fixan.

Ganama namni akkuma ka'een haleellaa banan waan ta'eef namni qe'eedhaa hin baane.

Miliqnee lagatti baqanna yoo jennu karaa nutti cufanii nu ittisan.
Kan kiyya ijoollee koo sagalii fi haadha manaa kiyya na fuulduratti ajjeesan.

Ijoollee durbaa shanii fi dhiira afur.
Haadhamanaa kiyyarraa warqii fi waan isheen qabdu hunda irraa baafatanii deeman.

Ijoolleen kiyya umriin isheen hangafaa waggaa 19, kaan sanaa gadi.

Ittuma marsanii rasaasaan iddoo tokkotti kuffisanii ajjeesan.
Animmoo meeshaan harkaa qabu eeboo qofa waan ta'eef, isumaan wayitan maatii kiyyarraa qolachuuf dhaqu mudhii keessa rasaasaan na rukutanii na kuffisan.

Ni mudata jettanii sodaattanii yookiin eegdanii turtanii?
Tasumaa, quba hin qabnu. Akka naannootti jira garuu akka bakka keenyaatti nagaa fakkaata ture.

Mootummaan nagaadha jedhee nu gowwoomsaa ture, nutimmoo hin beeknu.

Kanumasaan nutti marsan argine malee waan beeknu hin qabnu.
Meeshaa hin qabdanii? Kanneen meeshaa qaban hoo ofirraa ittisaniiruu?

Ani meeshaa waraanaa harkaa hin qabu, kanneen qaban hanga danda'an ofirraa haleelaniiru.
Ta'us hidhattoonni kunneen hedduu waan ta'aniif hin danda'amne.

Namoonni meeshaa manaa qaban wayita ofirraa rukutan gara warra meeshaa hin qabnee, gara keenya, dhufanii balbala cabsanii olseenanii nu haleelan.

Isa meeshaa hin qabnetu gara caalu dhume. Awwaala Jumlaa ajjeechaa Matakkal Mana meeshaan hin jirre adda baasaniima itti seenanii bakka tokkotti ajjeesan. Ollaa keenyaa maatii 13 bakka tokkotti qalan.

Namoonni dhuman kunneen Goojjamoota. Wayitasaan qalan ijoolleen mana keessaa argitee hin qalamnu jechuun gara lagaatti wayita qajeeltu karaa itti cufanii raasaasaan fixan.

Kanneen haleellaa raawwatan beektuu?

Wayita arginu loltoota fakkaatu, borsaatti rasaasa baatanii deemu.
Walmakataadha, kaan waraana fakkaatu, kanneen qe'eetti beeknus walumaan jiru.

Magaalaa Bakkujii keessaa akka naannoo nuti jiraannuutti qofa namoota 80 oltu ajjeefame, kanas reeffa guurree argine.

Wanti akkasii kun kanaan dura ganda keenya mudatee hin beeku.
Erga dhalannee kana arginee hin beeknu.

Ijoolleen an qabu keessaa tokkittii qofatu Waanbaraa jirti malee kaan dhumaniiru. Isheenuu akka carraa eessuma bira deemte.

An umriin kiyya waggaa 41, haadha warraa kiyyaa wajjin waggaa 27 waliin jiraanne.

Jireenya fuulduraaf maal yaaddu?
Hunduu yoo sammuun kiyya sirriitti naaf deebi'e, jireenyuma lafa kanarraayyuu hamman jiraadhu hin beeku.

Akkan amma ilaalaa jirutti gara fuulduraatti jireenyan qaba jedhee hin yaadu.

Waaquma wayya malee waanan godhus hin qabu. Ammaaf an nagaan qaba.

An homaan ta'u, lubbuu koof nan hafa, waaqatu lubbuu kiyya oolche. Rasaasi mudhii kiyya gartokkoon seenee karaa biraan ba'e.

Namoonni rukutamanii hospitaala jiran hedduudha. Inni kaan hedduu dadhabee jira, kaan du'ee jira. Kan maatiin irraa dhumanii dhufanis jiru.

Waa'ee haleellaa kanaa mootummaan maal jedhe?

Haleellaan naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal keessatti irra deddeebiin mudatu sabaa fi sab-lammoota godinicha keessa jiraatan hunda irratti kan qiyyaafateedha jedha mootummaan naannichaa.

Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaa Obbo Mallase Bayyane lakkoofsi namoota ajjeefamanii hedduu akka ta'e himanii, lakkoofsi sirrii dubbachuurraa garuu of-qusataniiru.

Komiishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa fi Amnastii Intarnaashinaal lakkoofsi namoota ajjeefamanii yoo xiqqaate 100 jedhaniiru.

Manneen hedduun abiddaan gubachuus himaniiru.
EBC waajira kominikeeshinii naannichaa waabeffatee akka gabaasetti raayyaan ittisa biyyaa qaamolee ajjeechaa kana raawwatan adamsee namoota 42 ajjeeseera.

Boora'uu nageenyaa naannichatti mudate keessaa harka qabaachuun kan shakkamanii fi dirqamasaanii kanneen sirnaan hin ba'anne, qondaaltonni mootummaa naannochaa torba to'annaa seeraa jala oolaniiru jedhan Obbo Mallaseen.

Roobii barii haleellaa Ganda Bakkujjii keessatti mudateen cinatti ganda ollaa kan taate Doobbii keessattis haleella hidhattootaan raawwateen namoonni shan ajjeefamuu jiraattonni BBC'tti himaniiru.

Hoogganan kominikeeshinii naannichaa kun garuu waa'ee haleellaa sanaa dhagahuurraan kan hafe odeeffannoo sirrii fi mirkana ta'e akka hin qabne himan.

Godina Matakkal aanaalee afur keessatti, rakkoo nageenyaa deddeebi'ee mudatu furuuf jecha, ALI Fulbaana 14 bara 2013 irraa kaasee komaandi postii jala waan jiraniif, akkaataa murtee komaandi postiin humnoonni nageenyaa mootummaa federaalaa dirqama nageenya eegsisuu fudhatanii hojjechaa jiru.

Aanaaleen arfan komaandi postii jala jiran Daangur, Wambaraa, Bulan fi Gubaadha.

Gandi Bakkujjii magaalaa teessoo aanichaa taate Buulan irraa kiilomeetira 90 fagaattee kan argamtu yoo taatu, saboota akka Shinaashaa, Oromoo fi Amaaraatu keessa jiraatu.

Haleellaan kun Ministirri Muummee Abiy Ahmad dhimma nageenyaarratti hawaasa naannoo waliin mari'achuun furmaata kaa'anii bariisaa raawwate.

Bara kana qofa haleellaawwan wal-fakkaataa gara garaa afur naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti mudateen yoo xiqqaate namoonni 200 ol haala suukkanneessaan ajjeefamaniiru.

Maddi:BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU