Lola Tigiraay: UN haala baqattoonni Ertiraa Tigraay keessaa itti qabamaniin yaadda'u hime.

Hogganaan Eejjansii baqattoota UN, gabaasawwan baqattoota Ertiraa kan Tigraay keessaa irratti ajjeefamuu, butamuufi humnaan dirqisiifamuun gara Ertiraatti deebiifamu dhagahaniin ''baayyee yaaddoofneera'' jechuun himan.
Hogganichi Filiippoo Giraandii akka jedhaniitti, gochiwwan akkasii kun raawwatamuun yoo mirkanaa'e, seera idil-addunyaa guddaa cabsuu ta'a.

Mr Giraandiin UN buufatawwan baqattootaa Tigraay keessaa afur qaqabuuf akka hin dhorkamne barbaada jedhan.

Akkasumas baqattoota buufataalee sanaa humnaan akka biyyatti deebi'an taasifamuun guutummaatti fudhatama hin qabu jedha dhaabbatichi.

Erga Sadaasa 4, 2020 kaasee waraanni Itoophiyaa naannicha keessatti humnootii Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) waliin lolaa jira.

Motummaan Itoophiyaa ammoo Tigraay to'achuufi lolli dhaabachusaa beeksiisuun isaa ni yaadatama. Haata'u malee aanga'oonni TPLF amma illeen adddawwan baayyeedhaan lolaa jiraachu himan.
Jimaata kaleessaas, motummaan Itoophiyaa baqattoota lammii Ertiraa kanneen buufataalee Tigraay keessaatii gara magaalaa biyyatti guddoo-Finfinneetti baqatan deebiisaa jiraachu himeera.

Bufataalee baqattootaa naannoo Tigraay keessa baqattoota Ertiraa gara kuma 100 ta'aniitu argama.
Isaanis kanneen darara siyaasaa fi tajaajila loltummaa dirqamaa baqachuun osoo lolli naannichatti hin eegaliin dura gara sana baqataniidha.

"Baqattoota odeeffannoo sirrii hin qabne hedduutuu haala garaa garaatiin bahaa jira,'' jedha ibsi motummaan baaseen.
''Motummaanis baqattoota kanneen haala nagaa ta'e buufataalee irraa bahaniitti deebiisaa jira.''

Nyaanni illeen gara buufataalee kanneenitti fe'amaa jiraachuu ibsi kun dabaluun eeree jira.
Maddi Oduu Rooyitarsi akka jedheetti baqattoota Finfinneetti argama irraa ''bilbila miira dhiphiinaan guutame'' bilbilameefiira.

Atobisiin gara Tigraayiitti deebiisanii akka fe'aman itti himamuufi garuu gara Ertiraatti akka hind eebiifamneef yaadda'u dubbachu gabaaseera.

Dubartiin tokkos Tigiroonni hedduunis sababii loltoonni Ertiraa lola TPLF irratti gaggeeffamuun akka gargaaraniif Itoophiyaatti ergamaniif baayyee aaraniiru jette jirti.
Ameerikaanis umnootiin Ertiraa Tigraay galusaanitiin himmattulleen, Itoophiyaafi Ertiraan kana hinfudhatan.

''Jarri Tigree muraasni abbaa manaa kiyya reeban'' jechuu dubartiin kun kan Rooyitarsiitti himte. ''Biyyi keessan nu haleeluuf dhufaa jiruu. Kanaafu isin ajjeefna nuun jedhan. Baayyee sodaannee turre.''

Mr Giraandiin UNHCR fi waltaatoota isaatti akka himaniitti baatii tokkoo oliif buufataalee arfan baqattoonni Ertiraa keessatti argaman qaqabu hindandeenye jedhan. Kunis ''Nageenyaafi jireenya baqattootaa balaa olaanaarra buusa'' jedhan.

''Ji'a tokkoof waa'ee baqattoonni Ertiraa kan Tigraay keessatti argamanii ajjeefamu, butamuufi humnaan biyyaatti deebiifamu ilaalchisee gabaasawwan hedduutu nu qaqabaa jira. Kunis yoo mirkanaa'e seera idi-addunyaa sarbuu cimaa ta'u danda'a,'' jedhan.
Mr Giraandiin motummaan Itoophiyaa baqattoota kanneen haaluma seera idi-addhunaatiin itti gaafatamummaa isaa akka bahuuf cimsnee gaafannas jedhan.

Loliichi waa'ee maaliiti?

Lolli Naannoo Tigraay Sadaasa 4, 2020 wayita Ministirri Mummee Abiy Ahimad tarkaanfiin waraanaa humnootii TPLF irratti akka fudhatamu ajajan kan eegaleedha.

Innis tarkaanficha kan fudhatu haleellaa buufata waraana motummaa federaalaa Tigraay keessaa irratti humnootii TPLFn raawwatameef deebii kennuuf jedhan.

Lolli kunis erga waldhabdeenmotummaa federaalaafi paartii naannoo Tigraay bulchu TPLF jidduutti baatiiwwan hedduuf cimaa adeemeen booda ture.

Paartii TPLF hanga MM Abiy bara 2018tti gara aangootti dhufaniitti, gara waggoota 30tiif jidduugala aangoo biyyatti ture.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU