Lola Tigray Itoophiyaa: UN sarbama mirgaa Tigraay qorachuuf hayyama gaafate.


Dhaabbatni Motummoota Gamtoomanii naannoo Tigraay keessa hayyamni deeggarsa namoomaa hin daangeeffamne akka kennamuuf gaafate.

UNtti Komishinarri Olaantuun Komishinii Mirgoota Namoomaa Micheel Baachelet, haalli naannoo Tigraay keessa jiru yaaddeessaadha jechuun, deeggarsi namoomaa hindaangeeffamne gara naannichaa akka seenuuf waamicha taasisan.

Ms Baacheleet ergamtoonni qorannoo deeggarsa namoomaa lama Sadaasaa 21 akka gara naannichaa seenaniif hayyamni kennamuuf himanii, garuu uggurri malawwan quunnamtii naannicha jiru ammalleen odeeffannoo walabaa argachuuf danqu dubbatan.

Ibsa bahe kanarratti kallattiin deebii mootummaa argachuuf qaamoolee dhimmisaa ilaallatu garaa garaatti bilbillulleen hin milkoofne.

Sadaasa 03, 2020 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru erga haleele booda, MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu ajajan.

Lola torbanootaaf ture booda, Magaalaan guddoo naannoo Tigraay Maqaleen to'annoo humnoota federaalaa jala oolte. Ergasii lolli xumuramuun, kan hafe qondaaltota TPLF adamsanii qabuun seeratti dhiyeessuu akka ta'e MM Abiy dubbachunsaanii ni yaadatama.

Sababii lola kanaatinis namoonni kumaatamaan lakka'aman bakka jireenyaa isaanii buqqa'anii, kaan ammoo gama Sudaaniitti qaxxaamuruun buufata baqattootaa keessa jiraachuu eegalan.

Ibsi bahe maal jedha?

Ibsa dhaabbatichi Kibxata Muddee 22 baaseen, hoggantuun mirga namoomaa Misheel Baacheleet, dhaabbanni isaanii 'sarbamni mirgoota namoomaa' qaamoolee lola keessatti hirmaatan hundaan gahaa jiraachuu odeeffannoon gahaa jira jedhan.

"Sarbamuu seerawwan deeggarsa idil-addunyaa fi mirgoota namoomaa, haleellaa naannoolee ummanni baay'inaan jiraatu, namoota nagaa irratti xiyyeeffachuu, ajjeechaa murtee balleessaa malee fi hanni baayyachuu ilaalchisee himannaawwan nu gahaniiru,'' jedha ibsichi.

Gahee mootummaa

Motummaan Itoophiyaa dhaabbileen gargaarsa namoomaa akka gara naannichaa seenuu danda'aniif haala mijeessuuf Motummaa Gamtooman waliin Sadaasaa keessa kan waliigaleera.

Dubbii himaan Taask foorsii Motummaa Dhimma Tigraay, Ambaasaaddar Reediwaan Huseen, ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, gargaarsa namoomaafi qorannoo sarbama mirga namoomaa qindeessuuf ittigaafatamummaan kan motummaa qofaadha jedhanii turan.

Dubbi himtuun Dhaabbata Mirga Namoomaa UN Waajjira Jeenevaa, Liiz Troseel, BBCtti akka dubbataniitti, yaaliin hanga ammaatti deegarsi namoomaa gara naannichaa akka deemamuuf taasifamee kan ''nama jajjabeessu'' ta'ulleen, ''dhaabbanni gara Tigraay seenuuf hayyama hindaangoofne argachuu barbaadu,'' jedhan.

Erga lolli waraanaa naannoo Tigraayitti dhalate eegalee, lammileen 50,000 ol tahan daangaa ce'uun Sudaan galaniiru

Naannichatti sababii lolaatiin namoonni nagaa miidhamaniiru, sarbamni mirga namoomaas qoratamu qaba jedhu dubbi himtuun kun.

Hanga ammaatti waajirrisaanii naannichatti qorannoo danda'eeraa? jechuun gaafatamanii, ''Hin dandeenye, qabxiin gaafataa jirruus isuma kaan,'' jedhan.

''Uggurri ammaa jiraatulleen maddeen adda addaa irraa odeeffannoo walitti qabaa turre. Lammiilee Itoophiyaa gara Sudaaniitti baqatan waliin gaaffiifi deebii taasifneera.

Fageenya irraa to'annoo taasifneerra. Finfinnee irraa namoota hedduu quunnamneera… kanaanis maaltu akka mudate hubachuun itti adeemuuf yaalle,'' jechuun BBCtti himan.

Gabaasaalee lolli itti fufuu

Akkasumas Ms Troseel eddoowwan naannichaa tokko tokkootti ammalleen lolli gaggeeffamaa jiraachuu gabaasni isaan gahuu himu.

Haa ta'u malee mootummaan federaalaa garuu lolli akka hinjirre irra deddeebiin hima.

Humnootiin mootummaa federaalaa erga dhuma Sadaasaa Maqalee to'ataniin booda, waraanni xumuramuufi humnootiin naannoo Tigraay mo'amuu MM Abiy himanii ture.

Ambaasaadar Diinaa Muftii, Dubbii Himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaas, Kibxata yaaduma kana cimsuun, ''Gabaasotni lolli Naannoo Tigraay keessa gaggeeffamaa jira jedhu soba. Lolli gaggeeffamaa kan jiru midiyaadhaan,'' jedhaniiru.

Bulchiinsi haaraan yeroo mootummaa federaalaatiin mudamees, eddoowwan Tigraay muraasa keessatti bulchiinsa haaraa hundeessuun gabaafameera.

Bakkeewwan akka Maqaleefi lixa Tigraay keessatti tajaajilli bilbilaafi ibsaa deebiifameera. Haata'u malee, bakkeewwan kaaniitti ammallee maloonni qunnamtii waan hinjirreef odeeffannoo argachuun rakkiisaadha.

Haalli kunis odeeffannoo fi gabaasota bahan mirkanneeffachuutti danqaa uumeera.

Waamicha deeggarsaa

Yaaddoon namoonni sababii lolaatiin buqqa'an kumaatamni beelaaf saaxilamu jedhu cimaa dhufeera.

Guyyaa Kibxataa, dhaabbanni UNHCR fi sharikoonni deeggarsa namoomaa isaa lammiilee Itoophiyaa lola Tigraay keessaa baqataniif ''deeggarsa namoomaa cimaa'' kan oluu doolaara miliyoona 156 atattamaan gaafateera.

Eejansiin baqattootaa Motummoota Gamtoomanii akka jedheetti, namoonni 52,000 ol ta'an daangaa qaxxaamuruun gara Sudaanitti baqataniiru.

Kana malees nageenyummaa lammiilee Ertiraa 96,000 kanneen lolaan dura kaampiiwwan baqattootaa naannoo Tigraay keessaa turanii yaada'ulleen dabaluun ibseera.

Komishinichi dabaluun lakkoofsi baqattoota haaraa dhufan hir'ataa dhufus ''ejansiiwwan ammalleen hojii gargaarsa namoomaa hatattamaarra jiru, sababiinsaa kaampii baqattootaa lafa baayyee fagoo akkasiitti baroota keessatti baay'ina baqattootaa hangasii argee hinbeeknu,'' jedhe.

Maddi Odeessaa:BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU