#TIGRAY #ETHIOPIA

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ejansiin gargaarsa daa'immaniirratti hojjetu UNICEF ibsa Kibxata baaseen Tigraay keessatti ''daa'imman miiliyoona 2.3 ta'an deeggarsa namoomaa argachuu hin dandeenye'' jedhe.

Ejansichi sababa deeggarsa qaqqabsiisuun hin danda'amne yoo ibsu erga Sadaasa 4 naannichi hanga ammaa jeeqama keessa ta'uu eera.

''Deeggarsi isaaniif malu waan barfateef akkaan yaaddofnee jirra. Dhiyeessiin akka nyaataa, kanneen hanqina nyaata madaalawaaf saaxilamaniif ammoo 'therapeutic food' (nyaata madaalawaa wal'aansaaf tolu), qorichi, boba'aa fi kanneen barbaachisoon biroon dhumuun rakkoo kana ittuu hammeessa'' jedhe.

Deeggarsa namoomaa dhiyeessuurratti mootummaa Itoophiyaa waliin waliigalteerra gahamuus ammallee danqaa malee deeggarsa kennuuf haalli akka hin jirre ibseera.

MM Abiy Ahimad lolli Tigraay goolabamuu erga labsanii booda dhaabbilee deeeggarsaa idil-addunyaa deeggarsa namoomaa barbaachisu naannicha qaqqabsiisuu hin dandeenye jechuun komataa turan.

Dubbii himaan koree labsii yeroo muddamaa Amb. Reedwaan Huseen ibsa torbee darbe kennaniin deeggarsi qajeelfama mootummaan kennuun gaggeeffama jiraachuu ibsaniiru.

Torbee darbe keessa konkolaattonni fe'umsaa meeshaalee fayyaa fi nyaataa fe'an kan mootummaa federaalaa akkasumas kan Koree Fannoo Diimaa Idil-addunyaa Tigraay gahuun gabaafamaa ture.
Haa ta'u malee UNICEF daa'imman harki hedduun isaanii buqqaatotaa fi baqattoota ta'an miliyoonaan lakkaa'aman deeggarsa irraa adda citanii jiru jedha.

Hojiin deeggarsa namoomaa daa'imman kanaaf dhiyeessuu dursi kennamuufii qabaa jedheera.
Naannolee yaaddoo nageenyaa hin qabne keessatti dhaabbileen deeggarsaa qaamolee nageenya mootummaan dabaalamanii deeggarsa godhaa jiraachuu kan himan Ambaasaaddar Reeduwaan, rakkoo nageenyaaf jecha dhaabbileen kunneen 'danqaa malee akka fedhan akka socho'an' hayyamuun hin danda'amu jedhan.

Amma dura qaamota Tigraay keessatti waliin hojjetuuf deeggarsa hanga ta'e kennuu kan ibse UNICEF, naannicha keessatti hangi socho'uu isaa baldhatee deeggarsa barbaadamu dhiyeessuuf fedha qaabachuu hime.

''Namoota nagaa daangaa ce'uun nageenya isaanii mirkaneeffachuu barbaadan dabalatee warri kaanis bilisaan akka socho'an aanga'ootni akka hayyaman gaafannas'' jedheera dhaabbatichi.

Itti dabaluunis daa'iimmanii fi haadholii akkaan deeggarsa barbaadan irraa ''deeggarsi kana caala barfachuu hin qabu… qaqqabamummaan danqaa hin qabne akka jiraatu gaafannaa'' jedheera.

MM Abiy Ahimad erga lolli naannoo Tigraay eegalee yeroo jalqabaaf Dilbata darbe magaala Maqalee kan dhaqan yoo ta'u, bulchiinsi yeroo naannichaa dhaabbilee siyaasa naannicha keessa socho'an waliin ta'uun hooggansa naannichaa ijaaruutti akka jiru miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Barbaacha aanga'oota dhaaba TPLF fi hoogganoota waraanaa seeraan barbaadamanii malee lolli akka hin jirres Itaamaajooriin raayyaa ittisa biyyaa Janaraal Birhaanuu Juula Wiixata darbe magaalaa Maqaleerraa ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Maddi: BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU