ETHIOSAT



Saatalaayitii haaraa jedhanii kan beeksisan ”Ethiosat” ykn NSS 57°E kan dur ture ta’us mootummaan kireeffatee midiyaa isa deeggaraniif gatii salphaan kireessuu himame.


Sababni Saatalaayitii kireeffachuuf mootummaa dirqisiise immoo miidiyaalee kanneen akka OMN, ONN, GADA BILISUMMAA Fi Mereja Tv cufsiisuf horii guddaa waan gaafatuuf, akkasumas ”diplomasiidhan” jarri waan hin cufneef…tooftaa kana malatan.

Faayidaa EthioSat

➣Mootummaan midiyaalee ethiosat irra jiran akka fedhii isaatti too’ata.
➣ Bifa qulqullina qabuun HD(High Difinition) ta’een tamsaasa.

Miidhaa EthioSat

➣ Midiyaalee kanneen argachuuf fuula sahanii gara bahaatti naannesuun dirqama, kunis baasii ogeessaa gaafata.
➣ Midiyaaleen EthioSat irra jiran dhugaaf osoo hin taane mootummaa deeggaruuf dirqamu
➣ Seerri walabummaa ”Press” akka cabuuf karra saaqa.

Ummanni Maal Gochuu Danda’a?

Ummanni fuula sahanii isaanii naannessuu dhiisuu danda’u. Fuulli sahanii hin naannofne jechuun midiyaaleen EthioSat irra jiran daawwattoota dhabu, daawwattoota dhaban jechuun immoo Abbootiin Qabeenyaa akka ”Sponsera” hin goonef dirqamu.

Miidiyaan ”Sponsara” malee hin jiraatu. Kanaaf gaafa rakkatan, isin osoo isaan iddoo jiran barbaada hin dhaqne, ofiis jecha bakka isin jirtan ”Nilesat 7°W” irra isin barbaada dhufu. Murteessan ummata…! Jarri ganda irra naanna’anii fuula saanii lakkaa’un murteessu, bakkuma jirtan turaa….! ”Uleen harka kee, bofti lafa….” jedhama.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU