Hidha Haaromsaa፡ Masriin dhimma hidha haaromsaarratti sanada dhiyaate fudhachuu didde.


Mariin dhimma hidha haaromsaa adda citee ture Dilbata kaleessaa itti deebi'amee mari'atameera, marii kanarratti wiixinee waliigaltee sanadaa, ogeeyyii dura taa'aa Gamtaa Afriikaan bakka buufamaniin dhiyaate, Masriin diduushee Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Itoophiyaa himeera.

Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan jaarsummaa Gamtaa Afriikaatiin marii dhimma hidha haaromsaarratti gaggeessaa turan naannoo ji'a tokkoof adda citee ture.

Mariin kun Dilbata kaleessaa (Amajjii 03,2021) wayita eegalu, ogeeyyiin Gamtaan Afriikaa bakka buuse wiixinee sanada waliigaltee biyyoota sadeeniif dhiyeessanii turan.

Wiixinee sanadaa kana Itoophiyaa fi Sudaan haala gaariidhaan fudhatan jedha ibsi Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Itoophiyaa.

Marii deebi'ee itti fufuun gaggeeffame kana Ministeera Qindoominaa fi Hariiroo Idil-addunyaa Afriikaa Kibbaa fi Dura taa'aa Koree Hojii Raawwachiistuu Gamtaa Afriikaatu dursan.

Marii kanarratti ministiroonni dhimma alaa fi dhimma bishaanii biyyoota sadanii kan hirmaatan yoo ta'u, akkaataa mariin dhimma hidha haaromsaa itti fufuu danda'uu fi wiixinee sanadaa ogeeyyiin dhiyeessan irratti mari'ataniiru.

Itoophiyaan sanada dhiyaate kan fudhattu ta'uu kan ibse ministeerri kun,''mariiwwan itti aananii gaggeeffaman keessatti yaada sanada kana keessatti eerame akka galteetti fayyadamuufis qophiidha'' jedheera.

Sudaanis yoo taate wiixinee sanadaa kanarratti yaada mormii akka hin qabnee fi sanadicha akka waan gaariitti fudhattee marii itti aanuuf qophii ta'uu ibsiteetti jedha ibsi kun.

Masriin garuu sanada kana gonkumaa akka hin fudhanne ibsiteetti jedha ibsi Ministeera Bishaan, jallisii fi Inarjii Itoophiyaa.

Akkaataa guutiinsa bishaanii fi qabiinsa isaa irratti akka irratti mari'atamuuf yaadi wiixinee sanadaa kanarra taa'ee jiru waliigalteerra kan ga'ameedha kan jedhu ibsi kun ''yaa'aawwan lageen Abaayiif galtee ta'anirratti misoomaawwan gara fuluduraatti hojjetamuuf deeman irratti yaada dhiyaatu qofatu adda addummaa yaadaa uuma'' jedheera.

Pirojektiin humna ibsaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa bishaan kan hin qisaasessine ta'uusaa kan eere ibsi kun Itoophiyaanis kan feetu waliigaltee kana ilaalcha keessa galchee fi hunda walqixa fayyadu akka jiraatuudha jedheera.

Waliigalteen irra ga'amu garuu mirga itti fayyadama bishaanii Itoophiyaa kan sarbu akka ta'u hin iyyamnu jedha ibsichi.

Ogeeyyiin biyyoota sadeeniiyyuu erga sanada dhiyaaterratti mari'atanii booda, yaada irratti waliigalanii fi irratti walii hin galle qabatanii marii ministeerotaa torbee itti aanu keessa gaggeeffamurratti ni dhiyeessu.

Marii kanarratti taajjabuun kan dhiyaatu Gamtaan Awurooppaa, mariin biyyoota sadeenii deebi'ee itti fufuusaa ilaalchisuun, mariin kun haala guutiinsa bishaaniifi dhimmoota kanaan walqabatanirratti gara waliigalteetti deemuuf akkaan bu'a qabeessa jedhe.

Maddi: BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU