HOOGGANOONNI TPLF MANA MURTII LIDATAATTI DHIHAATAN.

Torbee darbe Tigraay keessatti qabamanii gara Finfinnee hogganoota geeffaman keessaa: Obbo Sibahaat Naggaa fi Aadde Keeriyaa Ibraahim dabalatee Jimaata mana murtiitti dhiyaataniiru.
Tajaajilli Oduu Itoophiyaa akka gabaasetti hogganoota dabalatee namooti mana murtiitti dhiyaatan rakkoo Tigraayitti dhalateen wal-qabatee hogganoota TPLF yakkaan shakkaman 20 dha.

Namoonni kunneen mana murtii sadarkaa tokkoffaa ramaddii dhaddachaa araadaatti kan dhiyaatan yoo tahu, kanneen keessaa hoggantoonni TPLF duraanii keessaa Obbo Sibahaat Naggaa, Obbo Abbaay Walduu, Aadde Keeriyaa Ibraahim, Dr Abrahaam Takasta, fi Aadde Qidduusaan Naggaa akka argaman ibsameera.

Shakkamtoota har'a mana murtiitti dhiyaatan waraana kaaba biyyattiitti buufatee jiru haleeluufi yakkoota biroon kan barbaadaman tahuu poolisiin qorataa mana murtiif dhiyeessuun himameera.

Poolisiin dhimma kana qorachaa jiru shakkamtoota 20 mana murtiitti dhiyaatan irratti beellama guyyaa 14 gaafatee eeyyama argateera.

Tajaajilli Oduu Itoophiyaa hogganoota olaanoo mana murtiitti dhiyaataniin ala namoonni kaan eenyu akka tahan hin ibsine.

Baatii Sadaasaa keessa humnooti TPLF waraana kaaba Itoophiyaa buufatee jiru haleelaniiru jedhamuun booda Naannoo Tigraayitti lola taasifameen dhaabni naannicha hogganaa ture TPLF aangoorraa kaafamuun hogganootnisaa barbaadamaa jiru.

Rakkoo Tigaraayitti dhalateen wal qabatee Abbaa Alangee waliigalaa fi Poolisiin Federaalaa ajaja hidhaa baasuun isaanii yaadatama.

Sababii ajajni hidhaa kanaa keessaa kanneen ijoo: Humni TPLF naannicha bulchaa ture waraana buufata kaabaa jiru irratti haleellaa raawwachuun yakka biyya ganuu, miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa fi poolisii ugguraniiru kan jedhuun shakkamuu isaaniis mootummaan ibseera.

Kana malees Itaamaajoor shumii duraanii waraana biyyatti kan turan meejar jeneraal Tsaadqaan Gabiratinsaay dabalatee hogganoitni duraanii humna qilleensaa, raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii biyya ganuufi loltoota waraanaa biyyaarratti yakka raawwataniiru jedhamuun ajaji hidhaa irratti bahee ture.

Hogganootni TPLF duraanii amma mana murtiitti dhiyaatan itti gaafatamummaan isaanii maal ture ?

Warreen har'a mana murtiitti dhiyaatan keessaa manguddoon ganna 86 Obbo Sibhaat Naggaa hogganaa ganamaa TPLF fi ADWUI keessatti dhageettii guuddaa kan qaban yoo tahan dhaabbata oomishaa fi tajaajilaa EFFORT olaantummaan hogganaa kan turaniifi boodarras dhaabbata Hariiroo Alaa fi Qorannoo Tarsiimootti daarktara olaanaa tahuun tajaajilaniiru.

Obbo Abbaay Walduu qabsaa'aa TPLF warreen duraanii keessaa yoo tahan gahee hojii garaagaraa irratti kan tajaajilaa turan yoo tahu pireezidaantii Naannoo Tigraayis turan.

Dr Abirahaam Takastan immoo bara 2018 jijjiirama biyyattii keessatti taasifamaa tureen ministira deetaa Ministeera Maallaqaa fi Misooma Diinagdee tahuun tajaajilaa turan. Boodarras Naannoo Tigraayitti pireezidantii itti aanaa fi itti gaafatamaa biiroo faayinaansiifi misooma diinagdee tahanii turan.

Obboleettii quxisuu Sibahaat Naggaa kan tahan Aadde Qidduusaan Naggaan qabsaa'ota TPLF jalqabaa keessaa tokko yoo tahan miseensa koree hojii raawwachiiftuu, kantiibaa magaalaa Maqaleefi af-yaa'ii Naannoo Tigraay tahuun tajaajilaniiru.

Har'a mana murtiitti dhiyaataniiru warreen jedhaman dabalatee hoggantoonni siyaasaa fi waraanaa to'atamuu fi kaan immoo ajjeefamuu Raayyaan Ittisaa ibseera.

Dhaabichi nama namoota kana bakka jiran himeef badhaasa birrii miiliyoona kudhan akka kennu himuunis ni yaadatama.

Ka'umsi maal ture?

Lolli Naannoo Tigraay Sadaasa 04 bara 2020 haleellaa humnoonni TPLF Raayaa Ittisa Biyyaa ajaja Izzii Kaabaa irratti raawwatan hordofuun ture kan eegale.

MM Abiy Ahimad 'seera kabachiisuuf' jechuun Raayyaan Ittisaa biyyaa humnootii TPLF irratti tarkaanfii akka fudhatu ifatti ajaja erga kennaniin booda ture gara lolaatti kan seename.

Lola kanaan boodas aanga'oonni TPLFfi dureewwan humna waraana naannichaa haleellaa buufata Izzii kaabaa irratti raawwatamee keessaa harka qabu jedhaman, akka to'atamaniif Komishinii Poolisii Federaalaafi Abbaa Alanagaa federaalaatiin ajajni irratti bahnsaa ni yaadatama.

Kana hordofees aanga'oonni TPLF muraasni to'atamanii kaan ammoo ajjaafamuu motummaan biyyatti yeroo garaa garaatti beeksisaa jira. Haata'u malee dhimma kana ilaalchisee gama TPLF fi madda walabaa irraa wanti jedheme omtu hinjiru.

Maddi:BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU