Namoonni Uffata Keelloo Dhaddacharraa Dhorkamuun Falmii Kaase.



Oromo Yellow Movement

Beellama mana murtii namoota 24 galmee Obbo Jawaar Mohaammad jalatti himataman hordofuuf maatii fi namoonni biroo uffata keelloo uffatan mooraa mana murtii akka hin seenne poolisiidhaan dhorkaman.

Qeerroo Dire Dhawaa

Mana murtii olaanaa federaalaa damee Lidataatti dhadhachi farra shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaan himatamtoonni 24 galmee Obbo Jawaar Mohaammad jalatti himataman, yakka raawwachuu fi dhiisuu irratti jecha isaanii fudhachuuf ture har’atti beellama kan qabate.

Haata’u malee sababa namoonni dhaddacha irratti hirmaachuu dhaqan uffannaa halluu keelloo uffataniif poolisiin mooraa mana murtichaa akka hin seenne dhorkeera.

Qeerroo Wallaggaa

Namooti uffata halluu keelloo uffatanii dhaddacharratti hirmaachuu dhaqan gariin poolisiin itti marsee wayita fuudhee deemu viidiyoowwan marsaalee hawaasaarratti gadi dhiifaman ni agarsiisu.

Namoonni dhaddacharratti hirmaachuu dhaqan kunneen uffata hidhamtoonni siyaasaa uffatan kan fakkaatu uffachuun isaan cinaa dhaabbachuu keenya mul’isna jedhu.


Tibba kana sosochiin uffannaa haalluu keelloo uffachuu (yellow movement challenge) namoonni waan baay’inaan gochaa jiranii fi miidiyaa hawaasummaa irrattilleen adeemaa jirudha.

Wayita dhaddachi eegalu himatamtoonni fi abukaatonni himatamtootaa yaadaa fi muffii dhimma kanarratti qaban mana murtichaaf ibsaniiru.

Dhimma kanarratti kan dubbatan Obbo Jawaar Mohaammad, dhaddachi kuni bakka banaa ta’etti maatiin keenyaa fi namoonnni biroo sababa adda addaatin alatti dhorkamuun sirrii miti jedhan.

“Nuti falmattoota mirgaa waan taaneef mirga keenya taakkuu takka dabarsinee hin kenninu, dhaddachi kuni dhaddacha banaadha.

Maatiin keenya waraqaan eenyummaa ilaalamee, uffata keelloo sababa uffataniif ittifamaa hidhamaa jiru.

Gochi kuni aggaammii haqa jallisuuti,” jedhan.
Heera mootummaa keessattis ta’ee seerota kamuu keessatti uffata akkanaa uffadhu kan akkasii hin uffatin kan jedhu akka hin jirres kaasuun dubbatan.

Hamilee yaada itti kenninu hinqabnu’
Suuraa namoota haalluu keelloo uffatanii beellama darberratti argaman
Obbo Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaas gochi kuni akka isaan mufachiisee fi namootni sababa uffataatin ittifaman akka seenanii fi kanneen hidhaman akka hiikaman jechuun gaafataniiru.

Himatamtoonni kunneen bakka maatiin isaanii sababa akkasiin ittifamanii jiranitti hamilee ittiin yaada kennan akka hin qabne himuun, ‘wantoonni kuni sirratee beellama biraatin haa dhihaannu’ jechuun mana murtii gaafataniiru.


Abukaatoowwan gama isaaniin dhaddachi kuni bakka dhaddacha banaa ta’etti sababa uffataatiin maatii fi namoota biroo ittisuun miira maamiloota keenyaa kan jeeqe waan ta’eef tasgabbiin dhaddacha hordofuun ni rakkisa jedhan.

Gochi kuni dhaddacha kana gara hin malletti waan geessuuf, manni murtichaa dhaddacha har’aa adda kutuun beellama gabaabaa akka kennuuf gaafatan.

Beellama itti aanurrattis rakkoon kuni furamee maatii fi namoonni biroo bilisummaan akka hirmaatan jechuun mana murtichaa gaafatan.


Abbootiin seeraas namoonni sababa waraqaa eenyummaa, halluu uffata uffatanii fi afaan dubbataniin ittifamuun sirrii waan hin taaneef sirreeffamuu qaba jedhan.

Namoonni uffata keelloo uffatan muraasni yoo argaman rakkoo hin qabu, garuummoo namni hundi uffata akkanaa uffachuun abbootii seeraa irratti dhiibbaa uumuu akka danda’u yaaduunis barbaachisaadha jedhan abbootiin seeraa.


Abbootiin alangaa gama isaanitiin beellamni biraa kennamuun yeroo himatichaa waan dheeresuuuf, beellamni biraa osoo kennamuu baatee jechuun mana murtii gaafataniiru.

Manni murtichaas yaada gama lamaanii erga dhagaheen booda himatamtoonni yakka raawwatan moo hin raawwanne akkasumas balleesaaniirumoo hin balleessine kan jedhurratti jecha himatamtootaa fudhachuuf Amajjii 27tti beellama jijjiirraa kenneera.

Obbo Jawaar Mahammad fa’i to’annaa jala kan oolfaman ajjeechaa aartiisti Hacaaluu Hundeessaa hordofee hokkora magaalaa Finfinneefi naannoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti umamee turen walqabatee ture.

Hidhaan isaanii yakka waan raawwataniif osoo hin taane filannoo irrati akka hin hirmaanneefi ilaalcha siyaasaa isaaniin akka ta’e irra deddeebiin mana murtiitti dubbataa turan.

Mootummaan garuu namni sababa miseensa paartii siyaasaa ta’eef ykn ilaalcha siyaasaa isaatiif jecha hidhame hin jiru jechuun waakkata.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU