Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hooggantuunKomishinii Mirga Namoomaa Misheel Bachaleet gaaffiiItoophiyaan dhiyeessite fudhachuun Komishinii MirgaNamoomaa Itoophiyaa waliin ta’uun ”yakka” naannoo Tigraaykeessatti raawwatame qorachuuf waliigalan.




Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hooggantuun
Komishinii Mirga Namoomaa Misheel Bachaleet gaaffii
Itoophiyaan dhiyeessite fudhachuun Komishinii Mirga
Namoomaa Itoophiyaa waliin ta’uun ”yakka” naannoo Tigraay
keessatti raawwatame qorachuuf waliigalan.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin
Olaanaa Mirgoota Namoomaa (OHCHR) ibsa jalqbaa ji’a
Bitootessaatti baaseen Qaamoleen naannoo Tigraayitti wal
waraanan sarbama mirgoota namoomaa gurguddoo akka
”yakka waraanaafi yakka dhala namaarratti raawwatamanitti”
lakkaa’amuu malan raawwataniiru jedhee ture.

Waajira Komishinii Olaanaa Mirga Namoomaatti dubbii himaa
kan ta’e Jonaataan Foowileer, ”Komishinii Mirga Namoomaa
Itoophiyaa kan mootummaan hoogganamurraa dhimma
naannoo Tigraay qorachuuf gaaffii dhiyaateef Baachaleet
deebii gaarii deebisan ( responded Positively) jechuun
dubbachuu Rooyitarsi gabaaseera.
Itti dabalauunis yeroo ammaatti Waajirri Mirga Namoomaa
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Kamishinii Mirga
Namoomaa Itoophiyaa waliin ta’uun wixinee qorannoo,
akkasumas wantoota barbaachisa biroo qopheessuun
atattamaan ergama kana eegaluuf jedhuu jedheera.

Misheel Baachelet ibsa jalqaba ji’a Bitootessaatti baasaniin
waan jedhan, gabaasaaleen ciccimoofi amanamoo tahan kan
sarbama mirgoota namoomaa Itoophiyaa, Tigraayitti
raawwatamuu agarsiisan naannicha keessaa bahaa jiru jedhan.
Kanaafis qorannoo mirgoota namoomaaf atattamaan ulaan
banamuu qaba jedhan qondaalli kun.
Baachilet ibsa baheratti, mootummaan Itoophiyaa
ittigaafatamummaa fudhachuurratti ibsa baase kan simatan
wayita tahu, kanneen qarqaarsa godhaniif ulaa banamuuf
tarkaanfilee fudhatamanis akka waan gaaritti ilaalan.

Mootummaan Itoophiyaa, kan lolli naannoo Tigraayitti
gaggeefame duula olaantummaa seeraa kabajchiisuuti jedhe,
gara jalqabaa lola kanaan lubbuun namoota nagaa balaarraa
hin buune jechaa ture.

Boodarra garuu dhaabbileen mirgoota namoomaa qorannoo
gaggeessaniin lubbuun namoota nagaa sababa lola kanaa
darbuu gabaasa dhiyeessaniiru.
Keessumaa dhaabbileen mirgoota namoomaa idil-addunyaa
akka Aministii Internaashinaaliifi Humaan Raayits Waach
loltoonni Ertiraa lammileen nagaa ajjeesuu, dararuufi saamicha
gaggeessuu himuun UN qorannoo walabaa akka gaggeessuuf
waamicha dhiyeessaniiru.

Booda keessa waraannii Eertiraa lola kana keessatti
hirmaachu isaaniif ragaa akka qaban mootumaan Ameerikaa
achiis UN ibsuun, loltootni kun akka bahan erga gaafachuu
eegalanii,gabasaaleen biroon sarbamni mirga namoomaa
raawwatamuu akeekan bahaniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Manni Maree
nageenyaas Bitootessa afur dhimma naannoo Tigraay
ilaalchisee yaa’ii gaaggeessee ture.
Korri kun waamicha Aayarlaandi ka’umsa kan godhate yoo
ta’u, ibsa waloo manni marichaa baasuuf ture irratti
waliigalteerra hin gahamne.

Mootummaan Itoophiyaa sarbama mirgaa raawwatameera
jedhamu ilaalchisee Komishiniin Mirga namoomaa ofiin
qorannoo amanamaa gaaggeessuu danda’aa jechuun ibsaa
ture.

MM Abiy Ahimad Ibsa Bitootessa 9 baasaniin ammoo
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin ta’uun Gamtaa
Afrikaa jalatti qaamni ‘African Commision on Human and
Peoples Right’ jedhamu qorannoo kana akka gaggeessan
waamicha godhanii turan.

Torbee darbe BBC waliin gaaffiifi deebii kan taasisan dubbii
himaan ministeera dhimma alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar
Diinaa Muftiin mootummaan qaamolee idil-addunyaa mirga
namoomaarratti hojjetan waliinis ta’ee kanneen mirga
namoomaa sarban seeratti dhiyeessuuf kutannoo qaba
jedhaniiru.

Lolli naannoo Tigraayiitti kun guyyaa Ministirri Muummee
Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoonni TPLF Humna Ittisaa
Fedeeraalaa Izzii kaabaa irratti halleellaa raawwataniiru
jechuun tarkaanfiin akka fudhatamuuf itti ajaje Sadaasa 04,
2020 eegale.

Lola kanaan wal qabatees namoonni dhibbootaan lakkaa’aman
lubbusaanii yoo dhaban, kanneen gara 60,000 tahan ammoo
qeee’aasaaniirraa buqqa’uun gara Sudaanitti baqataniiru.

Maddi:BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU