Eertiraan loltoota ishee daangaa Itoophiyaa keessaa baasuuf waliigalte.


Eertiraan loltoota ishee daangaa Itoophiyaa keessa jiran baasuuf waliigaluu ishee MM Abiy Ahimad beeksisan.

Kamisa gara Eertiraa kan imalan MM Abiy Ahimad, pireezidant Isaayyaas Afawarqii waliin mari’achuu fi mootummaan Eertiraa loltoota isaa daangaa Itoophiyaa keessaa baasuuf waliigaluu himan.

Battaluma loltoonni Eertiraa gadi dhiisanii bahaniin Raayyaan ittisa biyyaa bakka bu’ee daangaa tiksuu eegala jedhan MM Abiy ibsa ganama kana baasaniin.

Loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti sarbama mirgoota namoomaa ‘yakka waraanaa ykn yakka dhala namaarratti raawwatamu’ ta’uu danda’u raawwataniiru jedhamuun qeeqamaa jiru.

Kana hordofuunis loltoonni Eertiraa naannicha keessaa akka bahan Ameerikaa fi UN dabalatee biyyoonni kaanis dhiibbaa uumaa turan.

Biyyoonni lamaan yeroo dheeraaf loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti lolaa jiraachuu waakkataa erga turaniin booda Kibxata darbe MM Abiy Ahimad loltoonni Eertiraa daangaa ce’uu ifatti dubbatan.

Loltoonni Itoophiyaa sababa TPLF’n haadhamaniif jecha daangaarraa socho’anii waan turaniif, loltoonni Eertiraa bakka loltoonni Itoophiyaa gadi dhiisan qabachuu himan MM Abiy Ahimad.

Dabalataan humnooti TPLF rokeettii gara Asmaraa dhukaasanii waan turaniif, Eertiraan haleellaa dabalataa akkasumas balaa nageenyaa akka biyyaatti irra gahuu danda’u qolachuufi jedhan.

Lolli Sadaasa darbe naannoo Tigraay keessatti eegale haleellaa humnooti TPLF raayyaa ittisa biyyaa achi buufatee ture irratti fudhatan hordofuun kan eegale yoo ta’u, loltoonni Itoophiyaa humnoota TPLFn haleelaman gariin Eertiraatti ture kan baqatan.

MM Abiy haasaa Mudde erga lolichi xumuramu labsaniin booda paarlaamaa keessatti taasisaniin, mootummaan Eertiraa loltoota qullaa garasitti baqatan itti uwwisee , laateefi, hidhachiisee deebi’anii akka lolan gargaare jechuun dubbatanii turan.

Dubbii paarlaamaa Kibxata darbee keessattis irra deebiin mootummaa Eertiraa galateeffatan.

Dhabbileen mirga namoomaa loltoonni Eertiraa lola kana hordofuun Tigraay seenanii magaalota Tigraay akka Aksuum keessatti lammilee nagaa irratti ajjeechaa raawwachuu himu.

Komiishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa gabaasa guyyoota muraasa dura baaseen loltoonni Eertiraa Aksum qofa keessatti lammilee nagaa 100 ol ajjeesuu mirkaneessuu hime.

Mootummaan Eertiraa kan loltoonni isaa Itoophiyaa keessa akka hin jirre waakkataa ture, sarbama mirgoota namoomaa loltoonni isaa raawwatan jedhames dhara jechaa bahe.

MM Abiy loltoonni Eertiraa magaalota Tigraay seenuu ifatti hin dubbanne. Daangaa loltoonni Itoophiyaa gadi dhiisanii deeman to’atani jedhan.

Haa ta’u malee yakki loltoonni Eertiraa Itoophiyaa keessatti raawwatan kamuu fudhatama hin qabu jechuun miseensota paarlaamaatti himanii turan.

Maddi: BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU