Naannoo Amaaraa magaalaa Axaayyeefi naannawaasheetti haleellaa raawwatameen lubbuun namaa darbe.




MADDA SUURAA,FEESBUUKII MUSI


Ibsa waa'ee suuraa,

Sababa rakkoo nageenyaa Axaayyeef jecha imaltoonni Dabrasiinaatti ugguraman

Naanoo Amhaaraa godina Shawaa Kaabaa, aanaa Efiraataafi Gidim magaalaa Axaayyeetti kaleessa [Jimaata] galgala haleellaa halkan saatii sadiirraa jalqabee hidhattootaan raawwatameen lubbuun namoota nagaa darbuu namoonni bakka sana jiraataniifi aanga'oonni BBCf mirkaneessaniiru.


Itti-gaafatamaa Waajira Nageenya Ummataafi Bulchaa Itti-aanaa aanaa Efraataafi Gidim kan ta'an Obbo Salamoon Altaayyee hanga ammaatti namoonni afur ajjeefamuu kan argan yoo ta'u, jiraattonnis kanuma mirkaneessan.


Dhukaasni magaalattii keessatti dhaga'amaa jirus hanga Sanbata waareetti waan hin dhaabbatiin jiruuf haleellaa qaqqabe kanaan miidhaa hangamiitu akka qaqqabe sirriitti adda baafachuun akka hin danda'amne aanga'aan kun dubbataniiru.


Dhukaasni kun naannawaa magaalaa Axaayyee gandoota 01, 02 fi 03, akkasumas gandoota Efraataafi Gidim keessatti argaman akka Alaalaafi Maajetee keessatti kaleessa galgala jalqabuu isaafi jiraattota magaalattiirra naasuu guddaa akka uume jiraattonni BBCn dubbise ibsaniiru.


Dhukaasa qaqqabe hordofee gandi magaalaa Axaayyee 01 "guutummaan guutuutti hidhattootaan qabatamuu" Obbo Salamoon dubbataniiru.




Naannawaa sanatti dhukaasa guddaa dhaga'uun kan jalqabame kaleessa galgala akka hin taane kan dubbatan Obbo Salamoon, tibba kana dhukaasni irra deddeebiin dhaga'amaa tureera jedhan.


Haata'u malee, dhukaasni kun cidhaafi qophiiwwan aadaa biroo waliin walqabatanii dhukaasa gaggeeffamu waliin walfakkaachuun osoo hin hubatamiin turuu ibsu.


Haala kana furuudhaafis aanaa naannoo Oromiyaa ollaa jiru waliin karaa koree nagaa yaaliin taasifamaa turuu eeruun, kaleessa galgala garuu dhukaasni jalqabamee namni tokko du'uufi namoonni lama biroon ammoo madaa'uu isaanii hordofee magaalattiin rasaasaan raafamaa buluu ishee ibsu aanga'aan kun.


Haleellicha ittisuudhaaf, karaa humna nageenyaa aanicha jiruun yaalanii humna isaanii ol waan ta'eef, qaamolee olaanoo dhimmi isaan ilaallatutti beeksisanillee hanga ammaatti miidhaa qaqqabe dursanii to'achuun waan dadhabameef miira abdii kutatannaatiin BBCtti dubbatu.








Rakkoo nageenyaa uumame hordofee humni dabalataa mootummaa federaalaa irraa gaafatamee gara bakka Sanaa seenuu kan ibsan jiraattonniifi aanga'aa BBCn dubbise kun, hanga isaan dubbisne sa'aatii ja'aatti rakkoo qaqqabe sana to'annoo jala oolchuudhaaf tarkaanfii fudhachaa akka hin jirre ibsaniiru.


Hidhattoonni haleellaa qaqqabsiisan meeshaa gurguddaafi amayyaa kan gargaaraman ta'uu isaanii kan ibsan Obbo Salamoon, miidhaa qaqqabuu danda'u jalaa baqachuudhaaf jiraattonni magaalattii gadi dhiisanii bahaa jiru jedhaniiru.


Namni akka maqaan isaanii hin dha'amne barbaadan jiraattonni Maajetee, "Kaleessa halkan sa'aatii 6:00 irraa kaasee hanga ammaatti dhukaasni akka dhaga'amu dubbatu.


BBCn yeroo jiraattota kana bilbilaan dubbisus sagaleen dhukaasaa duubarraan ni dhaga'ama ture.


Haleellicha hordofee neetiwoorkiin bilbilaa naannawaa sanarraa addaan cite akka ture kan ibsan jiraattonni kunneen, kun ammoo akka odeeffannoo wal hin jijjiirellee isaan taasisuu himu,.


Haleellicha kan raawwate ifatti beekamuu batus, aanga'oonni naannawwaa sanaafi jiraattonni rakkoo kana kan uumeefi qaqqabsiise 'Oneg Shanee'dha jedhu.


Naannoo Amhaaraa godina Shawaa Kaabaa keessatti kan argamtu aanaan Efraataafi Gidim, Godina Addaa Saba Oromoo naannicha keessa jiruun waldaangessa.


Kanaan duras yeroo gara garaatti, bakkawwan gara garaa aanicha keessatti argaman keessatti haleellaa raawwatamaniiifi walitti bu'insa uumamaniin namaafi qabeenyarra miidhaan gahuu jiraataan Maajetee BBCn dubbise yaadataniiru.


Maddi: BBC

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU