ODEESSA WAA'EE LOLA WALOO FI NAANNOO ISHEETTI DEEMAA JIRUU

'Qotee bulaadhaani kan wal lolamaa jiru'-Bulchaan Aanaa Jiillee Dhummuugaa






Ibsa waa'ee suuraa,

Hidhattota ofirraa ittisan

Godina Addaa Saba Oromoo Bulchaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Lola naannoo Amaaraa godinaalee Shawaa Kaabaa fi Godina Addaa Saba Oromoo keessa adeemaa jirun lubbuun namootaa darbuu, namootni madaa’uu fi manneen gubachuutu himamaa jira.


Godina Addaa Saba Oromootti bulchaan aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Jamaal Hasan Dilbata BBCn bilbilaan yoo dubbisuun gandoota aanichaa shan keessatti lolli adeemaa jiraachuu himan.


“Hawaasni keenya uummata qotee bulaati. Akka amma miidiyaadhaan lallabamu kanaa miti. ABO Shanee, warra gurmaa’e, meeshaa waraanaa ulfaataa wanti jedhamu hin jiru.


Qotebulaadhaani kan wal lolamaa jiru” jedhan.


“Manni qoteebulaa gubataa jira. Qotebulaan du’aa jira. Inni du’aa jiru kun immoo Shaneedha jedhameeti gabaasni kan irratti hojjetamaa jiru” jechuunis himan Obbo Jamaal Hassan.


Gama biraatin Biiroon Komunikeeshinii Naannoo Amaaraa ibsa Ibsa mootummaa naannichaa ganama har’aa toora ‘Facebook’ irratti maxxanseen “gareen ABOfi qaamoleen michuu isaa ta’an guyyaa Jimaataa Bitootessa 10/2013 irraa eegalee meeshaa waraanaa ulfaataafi qotebulaan qabama jedhamee hin yaadamneetti gargaaramuun humna hidhate fi qindaa’en godina Shawaa Kaabaatti magaala Axaayyeefi naannoosheetti lammiilee nagaa irratti haleellaan qaanessaa raawwatameera” jedhe.



Miidhaa namaafi qabeenyaa haleellaa magaala Axaayyeefi naannosheetti raawwatameera jedheen qaqqabes qulqulleessee uummataaf akka ibsu biirichi ibsa isaatin himeera.


Itti-gaafatamaa Waajira Nageenya Ummataafi Bulchaa Itti-aanaa aanaa Efraataafi Gidim kan ta'an Obbo Salamoon Altaayyee gaafif deebii kaleessa BBC walin taasisanin haala magaala Axaayyee keessatti uumame ‘haleellaa hidhattootaan raawwatame’ jechuun ture kan ibsan.


Gama biraatin jiraataan aanaa Jiille Dhummuugaa BBCn haasofsiise “lolli uummata Oromoo Walloo fi humna addaa naannoo Amaaraa gidduutti kan adeemsifamaa jiru.


Shanee kan jedhu kijiba. Aanaas ta’e godina keenya keessatti waan Shanee jedhamu maqaarraa kan hafe waa tokko agarree hin beeknu” jechuun hime.


Ka’umsa waldhabdee…


Magaalaan Axaayyeefi aanaan ollaa Jiillee Dhummuugaa walitti bu’iinsa akkanaa yeroo keessummeessan kun isa jalqabaa miti. Haa ta’u malee erga lola yeroo darbeetii naannichatti nageenyi gaarin turuu bulchaan aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Jamaal Hassan himu.


Ka’umsi lola yeroo ammaas torbee darbe keessa amaamota sabaan Oromoo ta’anfi konkolaataan gara aanaa Jiillee Dhummuugaa imalaa turan magaala Axaayyee keessatti dhagaan itti darbatamuufi rasaasni itti dhukaafamuu ta’uu himan.


Haa ta’u malee waldhabdeen akka hin hammaannef qaamoleen nageenyaa aanaa Jiillee Dhummuugaa fi aanaa Eftaataafi Gidim akkasumas jaarsolin torbee darbe Jimaata ganama walin mari’achuu himan.


Marii taa’ame kanaanis uummata lamaan walitti buusuuf daldalli siyaasaa jiraachuu, daldalaan meeshaa waraanaa uummata lamaan walitti buusuu barbaadu jiraachuu, ololli “Amaarri sii dhufe, Oromoon sii dhufe” jedhu jiraachuusaa walin mari’achuu akkasumas dhukaasa amaamota irratti dhukaafame akka qoratamu kallattii kaa’uu isaanii himan.


Haa ta’u malee Jimaata galgala sa’aa 2:30 booda sheekin sabaan Oromoo ta’an magaala Axaayyee keessatti ajjeefamuun lola amma adeemaa jiruf jalqabbii ta’uu himan.


Biiroon Kumunikeeshinii naannoo Amaaraa gama isaatin ka’umsi waldhabdee galgala Kamisa darbee waldhabdee namoota dhuunfaa gidduutti uummameen aanaa Jiillee Dhummuugaa keessatti lubbuun nama tokkoo darbuusaa akka ta’e hima.


Jiraattotni aanaa Jiillee Dhummuugaa immoo lolli adeemaa jiru lola kaayyoo siyaasaa of keessaa qabu ta’uu himu.


“Lola siyaasaati. Lola uummata Oromoo iddoo kanarraa buqqisuuti. Mootummaa naannoo Oromiyaatu erge jedhan. Nuti mootummaa naannoo Oromiyaatin eessatti wal beekna? Kan nu bulchaa jiru isaani. Kan nu gaggeessaa jiru isaani” jedhan jiraataan aanaa Jiillee Dhummuugaa Ammee Xayyaar.


“Raayyaan ittisaa nuf yaa qaqqabu…”


Lolli naannoo Amaaraa godina addaa saba Oromoo aanaa Jiille Dhummuugaa fi godina Shawaa Kaabaa keessatti adeemsifamaa jiru hammaataa ta’uu kan himan jiraattotni fi bulchaan aanaa Jiillee Dhummuugaa raayyaan ittisaa gidduu seenee akka tasgabbeessu gaafatan.


“Raayyaan Ittisa biyyaa yoo gubbaarraa nu qaqqabuu baate rabbi yoo nu qaqqabe malee uummatni baay’ee miidhama keessa kan jiru” jedhan jiraataan aanaa Jiillee Dhummuugaa.


Humni addaa naannoo Amaaraa “qabatamaan erga lolli kun uumameen booda gara tokko loogun irratti mul’atee jira” kan jedhan bulchaan aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Jamaal Hasan humnichi beekkamtii isaanin alatti aanaa isaanii keessa socho’aa jiraachuus himan.


Kana malees “ajandaa Axaayyee qofa kan gabaafamaa jiru” kan jedhan bulchaan aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Jamaa, “lolli aanaa keenyaan alatti gaggeeffamaa jiru lola tokko qofa. Innis lola Axaayyeerratti gaggeeffamaa jiru.


Sanin ala lolli adeemsifamaa kan jiru aanaa Jiillee Dhummuugaa keessatti. Garuu miidiyaan biyya keessaatis ta’e miidiyaalen adda addaa lolli adeemsifamaa jiru kun hundi aanaa Jiillee Dhummuugaatin ala akka ta’etti gabaasaa jiru” jechuun komatan.


Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU