Paartiin Oromiyaa bulchu hidhattoota naannoo Amaaraa ‘yakka waraanaan’ himate.

Walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa godina addaa Saba Oromoo keessatti lubbuu namoota nagaa galaafate ka’umsi isaa finxaaleessummaa fi shira siyaasaati jedhe Paartiin Badhadhinaa Oromiyaa.

Paartichi ibsa Wiixata galgala baaseen walitti bu’iinsa Jimaata darberraa eegale kanaan miidhaa ulfaataan lubbuu fi qabeenya lammiilee nagayaa irra gaheera jedhe.

Walitii bu’iinsi kun paartii fiinxaleessaa fi hogganoota mootummaa naannoo Amaaraa tokko tokkoon qindaa’ee kan jedhu ibsichi, badii dhaqqabe keessaa hidhattoonni naannoo Amaaraa qooda olaanaa qabaachuus himeera.

Itti dabaluunis hidhattoonni mootummaa naannoo Amaaraa lammilee nagaa irratti “yakka waraanaa raawwataniiru” jedhe.

Gama biraan Biroon Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa walitti bu’iinsi Naannoo Amaaraa godina Addaa Saba Oromoo keessa deemaa jiru ”sirriidha jennee hin amannuu” jedhe.

Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa obbo Jibriil Mohaammad rakkoo kana ilaalchisee BBC’f yaada kennaniin maddi walitti bu’iinsa kanaa ”warreen uummata walitti buusuun aangoo qabachuu barbaadudha” jedhan.

”Mootummaan keenya qaamolee dhimma kanarratti hojjetan biroo waliin hojjeechaa jiraa” jedhan.

Maaltu ta’e?

Godina Addaa Saba Oromoo aanaa Jiillee Dhummuugaa fi naannoo Amaaraa godinaalee Shawaa Kaabaa keessatti lola Jimaata darberraa eegaleen lubbuun namootaa darbuu, namootni madaa’uu fi manneen gubachuu BBCn jiraattotaa fi aanga’ootarraa iyyaafateera.

Godina Addaa Saba Oromootti bulchaan aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Jamaal Hasan Dilbata BBCn bilbilaan yoo dubbisuun gandoota aanichaa shan keessatti lolli adeemaa jiraachuu fi lola kanaan miidhaan qaqqabuu ibsanii turan.

Lolli kun humna addaa naannoo Amaaraa fi uummata giddutti akka ta’elle dubbatanii turan.

Mootummaan naannoo Amaaraa gama isaan haleellaa ‘ABO-Shaneen’ raawwatedha jechuun lolli uummata nagaa waliin akka hin taane waakkata.

Rakkoo kan ilaalchisuun BBC’f yaada kan kennan abbaan Gadaa Saba Oromoo Walloo Ahmad Mohammad Umar, ”waan ijaan arguufii gurraan dhaga’uuf nama jibbisiisutu nurra gahaa jira” jedhan.

“Axaayyee yoo fudhatte qabeenyi Oromoo adda baafamee gubatee saamame. Makiinaan nama keenyaa shanii oli kan gubate.

“Bakka wasan ququr jedhamuttis gandi tokko akkuma jiruun gubatee uummanni buqqa’ee jira. Bakka Jawwaa jedhamus gandi tokkichi gubateera” jedhan.

Waraanni amma wallootti deemaa jiru kuni lola sabaa fi saba gidduutti deemaa jiru miti kan jedhan abbaan Gadaa, lola humni addaa naannoo Amaaraa uummata Oromoo wajjin lolaa jirudha jedhan.

Haa ta’uutii Mootummaa naannoo Amaaraa ibsa Dilbata baaseen “gareen ABO fi qaamoleen michuu isaa ta’an guyyaa Jimaataa Bitootessa 10/2013 irraa eegalee lammiilee nagaa irratti haleellaa qaanessaa raawwataniiru” jedhe.

Haleellaan kun “meeshaa waraanaa ulfaataa fi qotee bulaan ni qabama jedhamee hin yaadamneetti gargaaramuun humna hidhate fi qindaa’een godina Shawaa Kaabaatti magaala Axaayyeefi naannoosheetti raawwate” jedhe.

Paartiin Badhaadhina Oromiyaa maal jedhe?

“Naannoo Amaaraa godina addaa Oromoo keessatti haleellaan hidhattoonni naannichaa saba Oromoo irratti raawwataniin lammiileen nagayaa danuun kan ajjeefaman yoo ta’u, qabeenyi guddaanis saamichaa fi gubataaf saaxilameera” jedhe.

“Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa yakka hamaa hidhattoonni mootummaa Amaaraa lubbuu fi qabeenya lammiilee nagayaa irratti raawwatan kana hadheeffatee balaaleffata” jedha.

Walitti bu’iinsi kun ‘shira siyaasaa Oromiyaa keessatti jeequmsa kaasuuf fiinxaleeyyiin raawwatanidha jedha.

“ABO-Shaneen godina addaa saba Oromoo keessa akka hin jirre otoo beekamuu, dhugaa ummata miidhamee awwaaluuf jecha ummata nagayaa ABO-Shaneetti moggaasuun fudhatama akka hin qabu” jedhe.

“Hidhattoonni mootummaa naannoo Amaaraa lammiilee meeshaa maleeyyii ajjeesuun, jaarsota araara lallaban ajjeesuun, manneen jiraattotaa gubanii dubartii fi daa’imman balaaf saaxiluu fi madoo yaalaaf deeman ajjeesuun yakka waraanaa ummata Oromoo Walloo irratti raawwataniiru.”

Yakkamtooti kunniin seeraaf akka dhiyaatanis gaafateera.

Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa Obbo Jibriil Mohaammad gama isaaniin rakkoon naannoo Amaaraa keessatti dhalateen miidhaan gahe ”’saba gidduugaleessa waan godhateef nu galchaa” jedhan.

”Biyya waliin qabna waan ta’eef seerrii cabee miidhaan yoo gahu nu galcha waan ta’eef irratti hojjechaa jirraa” jedhan.

Walitti bu’iinsi yeroo dhalatu kan jalqabaa lolicha dhaabsisuu, kan itti aanu ammoo madda rakkoo kanaa qorachuu furuudha jedhanii mootumaan naannoo Amaaraa kana ni godha jedhanii akka amananillee dubbatan.

Ka’umsi walitti bu’iinsa kanaa maali?

Magaalaan Axaayyeefi aanaan ollaa Jiillee Dhummuugaa walitti bu’iinsa akkanaa yeroo keessummeessan kun isa jalqabaa miti.

Haa ta’u malee baatilee darban naannichatti nageenyi gaarin turuu bulchaan aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Jamaal Hassan himu.

Ka’umsi lola yeroo ammaas torbee darbe keessa amaamota sabaan Oromoo ta’anfi konkolaataan gara aanaa Jiillee Dhummuugaa imalaa turan magaala Axaayyee keessatti dhagaan itti darbatamuufi rasaasni itti dhukaafamuu ta’uu himan.

Haa ta’u malee waldhabdeen akka hin hammaannef qaamoleen nageenyaa aanaa Jiillee Dhummuugaa fi aanaa Efraataafi Gidim akkasumas jaarsolin torbee darbe Jimaata ganama walin mari’achuu himan.

Marii taa’ame kanaanis uummata lamaan walitti buusuuf daldalli siyaasaa jiraachuu, daldalaan meeshaa waraanaa uummata lamaan walitti buusuu barbaadu jiraachuu, ololli “Amaarri sii dhufe, Oromoon sii dhufe” jedhu jiraachuusaa walin mari’achuu akkasumas dhukaasa amaamota irratti dhukaafame akka qoratamu kallattii kaa’uu isaanii himan.

Haa ta’u malee Jimaata galgala sa’aa 2:30 booda sheekin sabaan Oromoo ta’an magaala Axaayyee keessatti ajjeefamuun lola amma adeemaa jiruf jalqabbii ta’uu himan.

Biiroon Kumunikeeshinii naannoo Amaaraa gama isaatin ka’umsi waldhabdee galgala Kamisa darbee waldhabdee namoota dhuunfaa gidduutti uummameen aanaa Jiillee Dhummuugaa keessatti lubbuun nama tokkoo darbuusaa akka ta’e hima.

Jiraattotni aanaa Jiillee Dhummuugaa immoo lolli adeemaa jiru lola kaayyoo siyaasaa of keessaa qabu ta’uu himu.

“Lola siyaasaati. Lola uummata Oromoo iddoo kanarraa buqqisuuti. Mootummaa naannoo Oromiyaatu erge jedhan. Nuti mootummaa naannoo Oromiyaatin eessatti wal beekna? Kan nu bulchaa jiru isaani. Kan nu gaggeessaa jiru isaani” jedhan jiraataan aanaa Jiillee Dhummuugaa Ammee Xayyaar.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU