Shawaa Lixaa: Bosonni Jibaat Shawaa Lixaatti argamu hektaara 1,000 ol gubate.


Bosonni Jibaat Kibxata darbe eegalee ibiddaan gubachaa akka jiru jiraattotni fi angawootni mootummaa himan.

Bosonni rukkataan godina Shawaa Lixaa keessatti argamu bosonni Jibaat aanaalee sadi Jibaat, Daannoo fi Liiban Jaawwii keessatti balaan ibiddaa irratti qaqqabe.

Itti gaafatamaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo, Bosonaafi Jijjiirama Qilleensaa aanaa Liiban Jaawwii kan ta’an Obbo Balaachoo Fiixaa, balaa ibiddaa Kibxata eegaleen bosonni hektaara 1,000 ol manca’uu himan.

Jiraataan aanaa Liiban Jaawwii BBCn haasofsiise Obbo Taammana Asfaaw Kibxata ganama “qaama mootummaafi qaama daggala keessa jiru gidduutti dhukaasni ture” jedhan.

“Dhukaasni banamee xiqqoo turee ibiddi qabate” jedhan. Sana boodas ibiddichi gama kallattii afurin bal’achaa deemuu himan.

Jiraataan kun balaan ibiddaa kun osoo hin qaqqabin dura yeroo garaagaraatti bosona keessaa aarri aaraa akka ture himan.

Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaatti daayirektarri Misoomaa fi Itti Fayyadama Bosonaa kan ta’an Obbo Zawdee Gojii gama isaaniitin, “Qaama kana jennee wanti adda baafne hin jiru. Akka odeeffannoo argannetti garuu qaamni hin beekamne achi keessatti waa bilcheeffachaa yookiin adamoo seeran alaa gaggeessaa akka jirufi isarraa kan ka’e akka ta’edha,” jedhan.

Qaamni kun eenyu kan jedhuf “qaamumti kun eenyu kan jedhu ganaa qulqullaa’a” jedhan.

Ibiddicha to’achuuf maaltu hojjatamaa jira?

Aanaa Daannootti hojjetaa Sagantaa Bulchiinsa Bosonaa Hirmaachisaa kan ta’an Obbo Naggasaa Qananiisaa “hojii dhaamsuudhaaf hojjetamaa jiru hin agarre.

Guddaadha waan ta’ef haala salphaadhaanis waan dhaamu miti. Akka odeeffannoo arganetti tarii yoo xiyyaaraan ta’e malee waan humna namaatin itti deemamee yaalamuu miti,” jedhan.

Jiraataan aanaa Liiban Jaawwii BBCn haasofsiises bosonichi dheeraa ta’uu isaatin humna namaatin ibiddicha dhaamsuun rakkisaa akka ta’u hima.

Abiddi kun Kibxata darbe kan eegale wayita ta’u, hanga Kamisa kaleessaatti sochiin dhaamsuuf taasifame tokkollee akka hin turre dubbatu namoonni achii dubbifne kunneen.

Miseensootni Raayyaa Ittisaa, Poolisii Federaalaa fi Humna Addaa Oromiyaa iddichatti jiraachuu kan himan daayrektarri Misoomaafi Itti Fayyadama Bosonaa Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaa Obbo Zawdee Gojii, “hamma haalasaa qulqulleesinee galaa isinin jennutti eegaa kan jedhu ergaan nuf kennamee isa eegaa turre” jedhan.

“Amma garuu mootummaa fi qaama nageenyaa walin dubbannee uummatnis ijaaramee ammaan kana gara dhaamsuutti galaa jirra” jedhan.

Bosona Jibaat…

Lafa hektaara 27,000 kan uwwisu bosonni Jibaat aanaalee godina Shawaa Lixaa afur Daannoo, Noonnoo, Jibaat fi Liiban Jaawwii keessatti argama.

“Bosona yabbinnisaa sirriitti eegamee turedha. Bosonoota naannoo kana jiran keessaa tuttuqqaarraayis hamma ta’e qusatamee kan turedha” jedhan aanaa Daannootti hojjetaa Sagantaa Bulchiinsa Bosonaa Hirmaachisaa kan ta’an Obbo Naggasaa Qananiisaa.

Bosonni kun heddumina lubbu-qabeeyyin kan badhaadhe yemmuu ta’u, gosoota simbirroofi beeyladoota garaagaraa qabaachuutu himama.

Kana malees gosoota mukkeen akka heexoo, birbirsa, waddeessa, ejersa fi kanneen biroo of keessaa qaba.

Sababoota ijoo balaa ibiddaa bosonawwan Oromiyaa…

Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaarraa Obbo Zawdee Gojii, qonna babal’ifachuuf jecha ibiddi bosonatti qabsiifamuu, marga dheedichaaf ibidda qabsiifamuu, adamoo seeraan alaa, ibidda damma muruuf qabsiifamufi ibiddi bineensa adda addaa ofirraa dhorkuuf qabsiifamu sababoota ijoo balaan ibiddaa bosonarratti itti qaqqabu keessaa ta’uu himan.

Kana malees bara bonni dheerate ibiddi ofiif ka’uu akka danda’us himu.

Ibsa waa’ee suuraa,Bosona Jibaat heektaara kuma 12 gubbaarra jiru

Gama biraatin naannoo Oromiyaa keessatti balaawwan ibiddaa bosonawwan garaagaraa keessatti yeroo ka’an sababootni garaagaraa yeroo himaman dhagahama.

Kunneen keessaa inni tokko immoo “mootummaan qaamolee hidhatan irratti tarkaanfii fudhachuuf bosonarratti ibidda qabsiisa” kan jedhudha.

Dhimma kana kan gaafanne Obbo Zawdee “olola adda addaati kan ka’u. Qaamni mootummaa toora sana sirriitti eegaa waan jiruf ibidda kaasanii yeroo uummatni ibidda dhaamsu uummatatti makamanii bahuufi kan jedhu jira.

Karaa biraatin immoo qaama sana achii ari’uuf ibidda qabsiisan kan jedhus jira. Haa ta’u malee wanti sirriitti qulqullaa’ee beekamu hin jiru” jedhan.

Balaawwan ibiddaa Oromiyaa tibbanaa…

Godina Horro Guduruu Wallagga keessatti balaan ibiddaa bosona Caatoo irrattii qaqqabee hirmaannaa uummataatin guyyaa tokkotti dhaame.

Bosonni Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Arsii gaara Cilaaloo irratti gandoota 38 keessatti mudatee ture, iddoowwan baay’eedhaa dhaamus gama Boqojjiitin ammallee osoo hin dhaamin kan jirudha.

“Isa sana akkaataa uummatni bahee itti dhaamsurratti mari’achaa turre” jedhan Obbo Zawdeen.

Kana malees torbee darbe keessa balaan ibiddaa godinaalee Baalee fi Booranaa keessa ka’ee kan ture yemmuu ta’u, kan godinaalee lachuu to’atamaniiru.

Godina Harargee Bahaa aanaa Mi’eessoottis ibiddi gaara Asaboot irratti Dilbata darbe ka’e guyyoota afur booda to’atame.

Qophaa’ummaa Dhaabbata Bosonaafi Bineensa Bosonaa Oromiyaa…

Balaawwan ibiddaa bosonoota to’annoo isaanii jala jiran keessatti ka’an to’achuuf meeshaa harkaa humna namaatin tajaajilarra oolanitti akka fayyadaman kan himan Obbo Zawdee Gojii, kunis balaan qaqqabu yeroo gabaabaa keessatti akka hin to’atamnef sababa ta’uu himan.

Kana malees iddoowwan haalli teessuma lafaa balaa ibiddaa hammeessutti teknoloojin akka xayyaaraa kan barbaachisu ta’uufi gama kanaan garuu hanqina qabaachuu himan.

“Ibiddichi haalli yoo mijaa’eef humna namaa ol yeroon itti ta’u jira. Fakkeenyaaf teessuma lafa isaatin walqabatee Jibaat irratti baay’ee rakkachaa jirra.

Akkaataa helikoptara yookin tekinoloojii ibidda ittin dhaamsanin itti dhaamuu danda’u irratti hanqina ni qabna. Akkasitti osoo deeggaramnee yeroo gabaabaa keessatti dhaamsuu dandeenya,” jedhan Obbo Zawdeen.

Gama kanaanis mootummaan federaalaa deeggarsa akka taasisuf gaafataniiru.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU