Ertiraa Waa'ee Loltoota Ishee Itoopiyaa keessa Jiru Deebii Kennite.


Ertiraan loltootashee Itoophiyaa keessa jiru jedhaman ilaalchisuun yeroo duraatif ifatti deebii laatte.

UNtti ambaasaaddara Ertiraa kan tahan Sofiyaa TasfaaMaariyaam yaa’ii manni maree nageenyaa Mootummoonni Gamtoomanii Kamisa taa’erratti dhimmoota ka’aniif xalayaa barreessaniin waa’ee waraana Ertiraas ifoomsan.

Tigraay keessa lolli waraanaa dhalachuu hordofee humnoonni Ertiraa daangaa ce’anii naannicha galaniiru gabaasaaleen jedhan irra deddeebiin dhagahamaa turanis, mootummoonni Ertiraas tahe Itoophiyaa ji’ootaaf waakkachaa turan.

Boodarras ji’a Bitootessaa dabre keessa MM Itoophiyaa Abiy Ahimad Paarlaamaa biyyattiitti wayita dubbatan, haleellaa humnoonni TPLF raawwataniin dhiibamee waraanni Ertiraa daangaa ce’uun biyyattii galuu ibsanii turan.

Kana hordofee gara Asmaraa kan imalan MM Abiy, Pireezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii wajjin mari’achuun, waraanni Ertiraa daangaa Itoophiyaa gadhiisee akka bahu waliigaluu isaanii himan.

Yeroo kana guutuu gama Itoophiyaatin himamus, mootummaan Ertiraa garuu jiraachuu loltootashee Itoophiyaa keessaa haalaa turte – ifattis wanti dubbatte hinjiru ture.

Manni Maree Nageenyaa UN yaa’ii taa’eerratti, Hoogganaan qarqaarsa namoomaa Maark Loowkook fi mana marichaatti ergamtuu Ameerikaa kan tahan Liindaa Toomaas Giriinfiild haasawa taasisaniiru.

Haasawa qondaaltota kanarrattis Ertiraan deebii barreessiteen waa’een waraanaa yeroo jalqabaaf ka’eera.

Deebiin Ertiraa maal hima?

Ibsa waa’ee suuraa,UNtti ambaasaaddara Ertiraa kan tahan Sofiyaa TasfaaMaariyaam xalayaa barreessan irratti waa’ee waraanaas yeroo duraatif kaasan

Ambaasaaddar Sofiyaa TasfaaMaariyaam Pireezidantii Mana Maree Nageenyaa UN kan tahan Dang Dinh Quy’f guyyaa Jimaataa xalayaan barreessaniifi marsariitii ministeera odeeffannoo biyyattiirratti maxxanfameen [Afaan Ingiliizitti si geessa], dubbii qondaaltotaarratti mormii qaban ibsan.

Dhimma waraana Ertiraa ilaalchisees: ”Sodaan ture garri caalu baduusaatiin, humnoota Ertiraa baasuun waraanni Itoophiyaa ammoo naannoo daangaatti akka bobba’u gochuuf, anga’oonni olaanoo Itoophiyaafi Ertiraa waliigalaniiru,” jechuun mirkaneessan.

Marii karra cufaan taa’ame kanarratti Ambaasaaddari Ameerikaa Liindaa Tomaas Giriinfiild ibsa ”sirrii hin taane” kennan irratti, mootummaan Ertiraa mormii akka qabu xalayaa Ambaasaaddar Sofiyaan barreessan irratti himan.

Dabalataanis, dubbii hoogganaan qarqaarsa namoomaa UN – OCHA taasisan irrattis komii qaban kaasuun ”dhaabbatichi gahee kennameef alatti irra deddeebiin darbuun, gochoota fudhatama hinqabne keessa galeera,” jedhan.

Mana Maree Nageenyaa UNtti ergamtuu Ameerikaa kan tahan Liindaa Toomaas Giriinfiild, gabaasaalee dirqiin gudeeduufi miidhaa saalaa ilaalchisee bahan hordofuun, loltoonni Ertiraa ”hatattamaan” Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan gaafatanii turan.

Ambaasaaddarri Ertiraa kun xalayaa isaanii gubbaatti, lola kana keessatti ”haleellaan saalaafi beelli akka meeshaa waraanaatti hojiirra oole” jechuun himata dhiyaate sobadha jechuun mormaniiru.

Loltoonni Ertiraa yakka dirqiin gudeeduu raawwataniiru jedhamuun ”kan nama aarsu callaa osoo hin taane, aadaafi seenaa uummata keenyarratti haleellaa hamaa agaamamedha,” jechuun morman.

Haleellaa TPLF raawwateen namoonni nagaa Tigraay keessa jiran miidhaan gosa kamuu irra gahuu hinqabu kan jedhan ambaasaaddari kun, dhiyeessiin qarqaarsa namoomaa hojii atattamaa yeroo ammaa tahuu qaba jedhan.

Haala naannoo Tigraay keessa jirurratti marroo shaneessoof marii Manni Maree Nageenyaa UN taa’erratti, kaaba Itoophiyaa lolli itti hammaate keessaa loltoonni Ertiraa bahuusaaniif ragaan akka hinjirre ka’eera.

Hoogganaan qarqaarsa namoomaa Maark Loowkook, ”Loltoonni Ertiraa bahuusaaniitiif haalli agarsiisu, Dhaabbilee mootummoota Gamtoomaniinis tahee, dhaabbilee qarqaarsaa wajjin hojjetan biroorraa hin arganne,” jedhan.

https://bbc.com/ws/av-embeds/cps/afaanoromoo/oduu-56783670/p09cn7y4/omIbsa waa’ee viidiyoo,

Qorannoon viidiyoo ajjeechaa jumlaa Tigraayitti raawwatame irratti gaggeeffame maal agarsiisa?

Dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa, waraanni Ertiraa naannoo Tigraayitti sarbama mirgaa cimaa raawwataniiru jechuun himatu.

Mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa yeroo dheeraaf erga waraana Tigraay keessatti hirmaannaa loltoota Ertiraa erga haalaa turanii booda, MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dhiyaachuun, Ertiraan sodaa nageenyaa waan qabduuf waraanashee daangaa cehuun galte jedhan.

Ertiraan gamasheen hanga kaleessaatti loltoonni ishee Itoophiyaa galuu kan haalaa turte oggaa tahu, himannaalee dhiyaatanis waakkachaa turteetti.

Lola naannoo Tigiraayitti uumame booda namoonni 70,000 ol gara Sudaanitti baqachuu isaanii dhaabbileen gargaarsaa ni himu.

Bulchiinsi yeroo Tigraay akka jedhutti, hanga ammaatti naannicha keessatti namoonni miiliyoona lamaa ol buqqa’anii kan jiran yoo ta’u, namoonni miiliyoona afurii ol ta’an ammoo gargaarsi namoomaa isaan barbaachisa.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU