ILMI MOOTII BIRITISH FILIP GANNA 99tti BOQOTE.



Waggoota 73f abbaa warraa giiftii Biritish Elizaabet 2ffaa kan ture Ilmi mootii Fiiliip, Duukiin Edinbiraa ganna 99tti du'aan boqochuu masaraan biyyaalessaa Bakiingihaam beeksise.


Ilmi mootii Filiip fi intalli mootii Elizabeet kan bultii ijaarratan bara 1947 ture, kunis Elizabeet Giiftii ta'uu waggaa shan dura ture. Gaa'illi isaanii seenaa warra mootii Biritish keessatti isa dheeradha.


Ibsi masaraa Baakingiham akkas jedhe: "Kabajamtuu kan taate Giiftiin [Elizaabeet] gadda guddaadhaan abbaan warraa ishee jaalatamaa ta'e, ilmi mootii Fiilip, Duukiin Edinbarg boqochuu isaa beeksifti."


"Ilmi mootii Filiip ganama kanaa Masaraa Windisoor keessatti nagaan boqoteera."




MADDA SUURAA,REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa,

Beeksifni du'a ilma mooti karra masaraa Baakingihaam irratti maxxanfame

MM UK Booriis Joonsan duukichi "jireenya dargaggoota hedduuf dadammaqina ykn hamilee uumee ture" jedhan.


"Maatiin warra mootii mamii tokko malee dhaabbata jireenyi biyyaalessaa keenya gammachuu fi madaala akka qabaatu godhuu keessatti barbaachisummaa qabu akka ta'e gargaareera."


'Cichoomina jabaa'


Hogganaan paartii warra Leebar Sar Keer Istarmer UKn "tajaajilaa uummataa adda ta'e" dhabde jedhe. Itti dabaluunis "Cichoomina adda ta'ee fi Giiftiif of kennuu isaatiin" yaadatama jedhe.


Bulchituun Iskootilaand Nikoolaa Isturjen, du'a duukichaan "gaddeera" jette. "Ergaa jajjabinaa kan dhunfaa koo, kan mootummaa fi uummata Iskootilaand - kabajamtuu giiftii Elizaabetiifi maatii isheef dhaamna" jette.


Namoonni bebbeekamoo kaanis du'a duukichaan gadda itti dhagaahame ibsataa jiru




MADDA SUURAA,TIM GRAHAM/PA

Ibsa waa'ee suuraa,

Duukiin Edinbiraa bar-kurnee 6 oliif Giiftii Elizaabet waliin turan



Duukiin Edinbiraa, ilmi mootii Fiilip Bitootessa darbe ture hospitaala 'King Edward VII' kan jiddugaleessa Landan jiru, iddoo baatii tokkoof itti wal'aanamaa turanii kan bahan.


Achitti rakkoo onnee yaalamaa turan.


Ilmi mootii Filiip fi Giiftiin Elizabeet ijoollee afur, akkawoo saddeeti fi akaakilee 10 waliin horaniiru.


Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU