Itoophiyaan Ejjannoo Masrii fi Suudan Hidha Haaromsaa Irratti Qaban Qeeqxe.





Dhimma Hidha Haaromsa Abbayyaa ilaalchisee qajeelummaa Itoophyaan agarsiifteefi mariif fedhii isheen agarsiifteef Masiriifi Sudaan deebii qajeelaa hin kennine jechuun mootummaan Itoophiyaa qeeqeera.


Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa fuula tiwiitara isaarratti Hidhaa Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ilaalchisee mormii Sudaaniifi Masiriin dhiyeessan irratti gaaffii kaaseera.


Haaluma kanaan, gaaffileen Sudaan dhimma hidha Haaromsaa ilaalchisee kaasaa turte deebii erga argatanii turuu eeruun, amma maaliif akka irra deebiin ka'an gaafateera.


"Itoophiyaan gaaffiiwwan Sudaan Hidha kana irratti kaasaa turte dhimma teekinika waan ta'eef deebii kenniteettiif," kan jedhu ministeerichi, Itoophiyaan odeeffannoo wal jijjiiruudhaaf fedhii akka qabdu kan ibsiteefi dhimmi nageenya Hidhichaa angafa waan ta'eef dhimma of eeggannootiin qabatteettu ta'uu ibseera.


Itoophiyaan kana kan jette torban darbe Koongoo Kinishaasaatti biyyoota lamaan waliin marii jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin gaggeeffamaa turee bu'aa malee xumurame hordofee gaaffii odeeffannoo waljijjiiruu dhiyeessite fudhatama erga dhabeen boodadha.


Sudaan waggootaaf Hidhaan Haaromsa Laga Abbayyaa Itoophiyaan ijaaraa jirtu biyya isaaniif kan balaa lolaa hir'isu, bishaan jallisiif oolu akka barbaadamutti safaree dabarsu, dalalii guddaa biyyattiirratti kufu ittisuufi madda humna ibsaa gatii salphaatiin irraa argachuu dandeessu ta'uu ibsuun dinqisiifataa turuu mull'seera ministeerichi.

Hidha Haaromsaa xumuramuutti dhiyaate ilaalchisee gaaffileen duraan dhiyaataa turan deebii kan argatan ta'uu kan eeru ibsi Ministeera Dhimma Alaa kun, "Mormii akka Hidhichi bishaaniin hin guutamneef Sudaan dhiyeessiterraa eenyutu fayyadamaa?" jechuun gaaffii dhiyeesseera.


Itoophiyaan bishaan biyyashee keessaa maddu fayyadamuun humna ibsaa maddisiisuu yeroo barbaaddu biyyaata gara jalaa jiran afeeruudhaan mariif dhiyaachuun ishee muuxannoo eessattiyyu hin argamiin akka ta'e eeruun, fedhii Itoophiyaan waliigalteerra ga'uudhaaf qabdu ibseera Ministeerri Dhimma Alaa.


Haala kanaan, "Itoophiyaan haaala jiru hubachuudhaan qajeelummaafi mariidhaaf fedhiin agarsiifte Masiriin beekamtii barbaachisu osoo hin kenniiniif hafteetti," jechuun Ministeerichi Masirii qeeqeera.


Sudaaniifi Masiriin mariiwwan gaggeeffamaa turan irratti bishaan Laga Abbayyaarraa argatan nu jalaa hir'isa jechuudhaan ejjennoo walfakkaatu qabatanii mormii qaban dhageessisaa turaniiru.


Kan dhiyeenya gaggeeffaman dabalatee dhimma Hidha Haaromsaa bishaaniin guutuufi adeemsa itti aanan irratti mariin taasisaa turan waliigaltee tokkorra osoo hin ga'amiin tureera.


Itoophiyaan ji'oota muraasa booda Hidha Haaromsaa bishaaniin guutuu kan marsaa lamaffaaf qophaa'aa jiraachuu beeksisuushee hordofee, Sudaaniifi Masiriin bifa gara garaan dhiibbaa geessisaa jiru.


Kanarraa ka'uun, waliigalteen seera qabeessa ta'e qabatamaan osoo hin jiraatiin bishaan guutamuu akka hin qabne akeekkachiisanillee Itoophiyaan garuu odeeffannoo barbaachisaa ta'e kennuuf qophii akka taate ibsuun, biyyoonni kunneen ogeessota akka ramadatan guyyoota muraasa dura gaaffii dhiyeessiteef ture.


Sudaaniifi Masiriin mariin gaggeeffame waliigaltee qabatamaa tokkorra osoo hin ga'amiin marsaa lammataa bishaan guutuun akka hin gaggeeffamneefi ogeessota isaan dura akka hin ramadne ibsaniiru.


Gama Itoophiyaatiin garuu waliigalteerra ga'ames, ga'amuu baates, Hidha Haaromsaa bishaaniin guutuun sagantaa qabameefiin akka gaggeeffamu Ministira Muummee irraa kaasee aanga'oonni olaanoo biyyattii cimsanii ibsaniiru.


Hidhaan Haaromsa Laga Abbayyaa waggaa shan keessatti ijaaramee xumurama jedhame hanga ammaa irra harkifataa turuun ijaarsi isaa waggoota kudhan lakkoofsiseera.


Hidhaan Haaromsa Guddicha Itoophiyaan kun ijaaramee yoo xumurame Afrikaa keessatti hidha guddicha ta'a. Ijaarsi isaa hanga ammaatti harka dhibba keessaa 80 irra kan ga'e yommuu ta'u, bara dhufutti gariin humna ibsaa maddisiisuu jalqaba jedhamee eegama.


Pirojektiin humna ibsaa meggaa waattii kuma shan maddisiisa jedhame kun, yeroo xumuramutti ummata biyyattii walakkaa ol ta'uuf, industiriiwwaniifi biyyoota ollaatiif humna ibsaa dhiyeessa jedhamaa jira.


Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU