TAATEEN TIBBANA CHAAGINIITTI MUUDDATE YAADDOO NUTTI UUME JEDHU JIRAATTONNI



Ajjeechaan tibbana Naannoo Amaaraa Godina Addaa Awwii, magaalaa Chaaginiitti gareedhaan nama tokkorratti raawwatame yaaddoo guddaa itti uumuu jiraattoonni BBCtti himan.

Tibbana viidiyoon tokko naannoo Amaaraa godina Awwii magaalaa Chaaginiitti namoonni gareedhaan ta’un wayita nama tokko baajaajii keessaa baasuudhaan reebamee ajjeefamu mul’isu tokko miidiyaalee hawaasaarratti bal’inaan qoodamaa ture.

Dimma kana ilaalchisees BBCn jiraattota magaalichaa kan dubbise yoo ta’u, taateen kunis baayyee kan isaan gaddisiseefi yaaddoo itti uumee ta’uu himan.

Jiraattonni maal jedhan?

Namoota dhimma viidiyoo ajjeechaa kana ilaalchisuun BBCn dubbise keessaa tokko namni kun erga ajjeefamee torban guutuuf deema jedhan.

Jiraataan maqaasaanii eeruuf nageenyasaaniif sodaatan kun, “Nama karaa deemu [saba addaa] ta’uusaa arganii karaarratti qabanii ‘kanatu abbaa koo ajjeese’ jechaa itti yaa’anii ajjeesan. Mana baankii fuulduratti itti yaa’anii baajaajii keessaa gadi fuudhanii ajjeesan,” jechuun haala ture himu.

Namni ajjeefame kun miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ta’uusaa kan agarsiisu waraqaa eenyummaa itti agarsiisaa ture kan jedhan jiraataan kun, isaan ammoo ”si barbaanna mitii” jedhanii gadi baasanii dhagaadhaan reebanii ajjeesan jedhan.

Erga namni ajjeefamee gara sa’aatii tokko booda humni nageenyaa bakkicha qaqqabee reeffa kaasuu kan himan jiraataan kun, ergasii reeffi namichaa gara Dibaaxeetti ergamuu dubbatu.

Namoota gocha kanarratti hirmaatan keessaa kan to’ataman jiruu gaaffii jedhuuf, ”Namni qabames hin turre. Uummata guutuu kana keessaa eenyuun qabu,” jechuun dubbata jiraataan kun.

Magaalichi guyyoota lamaan kana kan duraarra tasgabbii fooyyee qabu keessa jiraachuu kan himan jiraataan kun, ammas taanaan wabiin nageenyaa waaraa hin jiru jedhu.

Jiraataa achuma magaalaa Chaaginiirraa BBCn dubbise kan biraa, daangaa Naannolee Beenishaangul Gumziifi Amaaraa irra Gumuzoota hedduutu jiraatu jedhu.

Karaa Lixa Goojjam Aanaalee akka Wanbaraafi Yimaalee jedhaman keessa baay’inaan jiraatu. Namichi ajjeefames Yimaalee irraa akka tahe jiraataan kun himaniiru.

Gara magaalaa Chaaginii dhufee baankiidhaa maallaqa baafatee osoo gara mana yaalaa deemaa jiruu poolisoonni magaalaa‚ ‘gaaffiidhaaf si barbaanna,” jedhanii bajaajiidhaan fuudhanii deeman jedhan. Sana booda namoonni itti yaa’anii dabarsuu akka didan himu.

”Namoonni kunneen poolisoonni namticha dabarsanii akka itti kennan gaafataa turan. Poolisoonnis didanii erga takka [ol-qabanii dhukaasanii booda gatanii miliqan.

Ergasii booda namicha bajaajii keessaa baasanii haala suukanneessaadhaan ajjeesan,” jedhu.

”Yakki akkanaa osoo hawaasi guutuun arguu raawwatamee namni seeraan gaafatamuu dhabuun daranuu yaaddoo nutti uumeera,” jedha jiraataan kun.

Godinni Matakkal erga ALI Fulbaana 11 bara 2013 irraa kaasee bulchiinsa Komaand poostii jala jiraachuun ni beekama.

Haata’u malee, bakkeewwan aanaalee naannoo Amaaraan waldaangessan hedduutti rakkoon nageenyaa jiraachuu jiraattonni ni dubbatu.

“Magaalaa Chaaginii keessatti jiraachuu dhiisii keessa darbuufuu sodaanneerra. Namni sun hundi yaa’ee nama tokko haala akkasiitiin daboon ajjeesuus namni seeraan gaafatame hin turre.

Poolisiinis inuma callise. Kun nuyiif yaaddoo guddaadha. Qaamni mootummaa naannichaas gochicha hin balaaleeffanne,” jedhan.

Godinni Matakkal bulchiinsa komaand postii jalatti osoo bultuu, raayyaan ittisa biyyaa osoo jiruu yakki akkanaa raawwachuun abdii nama kutachiisa jechuun jiraataan kun komatu.

Guyyoota lamaan darban jilli qondaaltota mootummaa Federaalaa gorsaa nageenyaa MM Obbo Gadduu Andaargaachoon durfamu Matakkal magaalaa Gilgalitti mariif dhufanii turan kan jedhan jiraattonni kunneen, guyyaan lamaan qondaaltonni Federaalaa achi turanitti nagaa akka tureefi dhukaasa homaa akka hin dhageenye himaniiru.

Akkasumas hojjetaan mootummaa biraa tokko maqaa naaf dhoksaa jedhan ajjeechaa raawwate kana gara waajjiraa osoo deemanii arguu dubbatu.

Ijoolleen Chaagniifi namoonni Matakkalii buqq’aanii dhufaniitu eenyummaa nama boodarra ajjeefame gaafataa turan jechuun BBC’tti himan.

Kanneen Matakkalii buqqa’an keessaa dubartiin tokko ‘maatiikoo kan ajeesise nama kana,’ jechaa turte jechuun waan taajjaban dubbatu hojjetaan mootummaa kun.

Kaan ammoo odeeffannoo dabarsaa ture jechuun himatan jedhu namni kun.

Akka namni kun jedhanitti, poolisiin magaalaa Chaagnii nama kana bajaajii keessa galchuun gara buufata poolisiitti fudhatee deemuuf yoo jedhan dargaggoonni bajaajii keessaa baasan.

Gama mootummaan…

Waa’ee viidiyoo ajjeechaa miidiyaa hawaasaarra naanna’aa turee kana ilaalchisuun qaamni mootummaa hanga ammaatti waan jedhe hin qabu.

Qondaaltota poolisiifi qaama nageenyaa magaalaa Chaagnii argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.

Ajajaan Poolisii Godijna Saba Awwii Komaandar Iyyaasuu dhimmicha irratti gaafannee deebii nuuf kennuuf hayyamamoo hin taane.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa viidiyoo yakka ajjeechaa naannoo Amaaraa godina Hawii, magaalaa Chaaginiitti raawwatame agarsiisu kana gocha balaaleffatamudha jechuun BBCf deebii kenneera.

“Ajjeechaawwan akkasii balaaleffatamuu qabu. Haata’u malee, gochawwan hin malle akkasii kunneen rakkoowwan hawaasaa, siyaasaafi dhaabbileen hidda gadi fageeffatanidha.

Maraammartoo haleellaafi haaloo bahuu itti gaafatama tokko malee raawwatan akkasii kana hunda keessaa bahuuf furmaata waara’aa feesisa,” jedhan Gorsaa Olaanaan Kominikeeshinii Komishinichaa Obbo Aaron Maashoo.

Baatii tokkoon duras rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa Godinaalee Shawaa Kaabaafi Saba Oromoo keessatti mudateen walqabatees ajjeechaan walfakkaatu raawwatamusaa viidiyoon ajjeechaa sana agarsiisus miidiyaalee hawaasaarratti dubbii ijoo ta’ee turuun ni yaadatama.

Namoonni ajjeechaan gareedhaan irratti raawwatame kunneenis kan wallaansaaf gara hospitaala dhuunfaa Yifaat jedhamu magaalaa Shawaa Roobiitti geeffamaa turan ta’uu BBCn gabaasee ture.

Comments

Popular posts from this blog

SEENAA J. WAAQOO GUUTUU

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

SEENAA AGARII TULLUU