Posts

FARDEEN DIIDAA GAARA QUNDHUDHOO

Image
Fardeen diidaa Gaara Qundhudhoo attamiin daggalatti hafan? Amma maalirra jiru? Waxabajjii 2020 Fardeen bosonaa Gaara Qundhudhoo kan Godina Harargee Bahaatti Aanaa Gursumitti argamaniifi waggoota muraasaan dura baduutti dhiyaatanii turan amma lakkoofsi isaanii dabalaa jira jedhameera. Afrikaa keessa yeroo dheeraaf fardeen diidaa/daggalaa biyya kibba ardichaatti argamtu gammoojjii Naamibiyaa keessa qofa akka jiraatan tilmaamama ture. Maddi suuraa miidiyaalee hawaasaa irraa fudhatame. Waggoota dhiyoon asitti garuu hayyuleen Itoophiyaa Kafanaa Ifaan (PHD) durfaman, jiraachuu fardeen gaaraa erga qorannoon deeggaramuun mirkaneessanii booda, dhimmichi gurra horate. Akka gareen qorattootaa ALA bara 2013tti Gaara Qundhudhoo gubbaa fardeen 11 duwwaatu ture. Bara 2010tti garuu 18 akka turan gareen qorattootaa kun ibseera. Qondaalli naannichaa BBCn dubbise ammoo, yeroo ammaatti lakkoofsi isaanii gara 29tti ol guddachuu dubbatu. Akka baayyinnisaanii dabalu maaltu gargaare? Fardeen kunnee...

GAABBII....!

                       GUYYAA SANA ABAARUU!

ABBAA DUULAA DINQUU DAYYAASAA

OMN: Qe’ee Abbaa Duulaa, Dokumantarii adeemsa Abbootii Qabeenyaa Oromoo dadhabsuuf deemamu irratti xiyyeeffate Waxabajjii 12  bara  2020      

IBSA EEJJANNOO QEERROO OROMIYAA

Image
IBSA EEJJANNOO ARIIFACHIISAA QEERROO OROMIYAA IRRAA KENNAME           1. Ibsi Koomishiniin Poolisii Oromiyaa baase argineerra. Ibsichi Dhugaa Oromoo awwaaluuf Jawar Mohammed irratti kan xiyyeeffateedha, kanaaf Doorsisaa fi Aggaammii Jawar Mohammed irratti godhamu kamuu gadi baanee ni balaaleffanna. 2. Ilmaan Oromoo guyyuma guyyaan kutaalee Oromiyaa gara garaa keessatti hidhamaa, gidirfamaa (torture) godhamaa ajjeefamaa jiran gocha duguuggaa Sanyii (Genocide) ummata Oromoo irratti ajaja Abiyyiin Humna Agaazii fi Humna addaa Poolisii Oromiyaatin raawwachaa jirtu gadi baanee Sagalee keenya dhageesisuun ni mormina. 3. Jawar Mohammed tuquun Ethiopia keessatti guyyaa qiyaamaa ofiratti labsuu akka tahe warri Bilxiginnaa cimsanii hubachuu qabu. 4. Maatii Sabboontoota fi Sabboontoota Oromoo Oromiyaa guutuu keessatti Kaadiree Bilxiginnaatu Humna Agaazii fayyadamuun Tarkaanfii suukanneessaa irratti fudhataa jira waan taheef gocha kana hatattamaan hin dhaaban ta...

OROMO LIBERATION FRONT

Image
The Endless Colonial Conspiracy and Genocide Wars in Ethiopia By: Itana Gammada, April  2020 The Gada Republic of Oromia A people under colonial occupation have a maximum of two choices, either stand up and fight for their freedom and dignity or accept humiliation, subjugation, victimization and perpetual slavery. Throughout human history, colonialism has never been an option. Rather, oppressed people worldwide make the necessary sacrifices to achieve their national objective and fulfill their destiny. It is important to bear in mind that the colonized and repressed people do not remain here for perceived beliefs or temporary economic, piecemeal material gains, but for a fundamental national freedom. They stand for justice, democracy, and human dignity that guarantees their future existence in peace and progress. For these fundamental reasons, people who have fallen under colonial occupation or slavery will fight against any colonial hegemony. For the last one hundred f...

RAKKOO OROMOO MUUDDATE

Rakkoo nageenyaa Wallagga Lixaa: Dargaggoon fuudhaaf qophaa’aa ture waraana mootummaan ajjeefame jedhu maatiin. May 25, 2020 ”Mucaa koof bakka hidhamee jirutti buddeena gaafan fuudhee deemu achiin dhabe… Ilma koo osoon barbaaduu ajjeefamee sharaan maramee bakkee keessatti arge,” jechuun haati ilmisaanii jalaa ajjeefame BBCtti himaniiru. Torbanoota muraasa dabraniif, keessattuu guyyoota dabran keessa haalli nageenyaa Wallagga Lixaa keessa jiru daran hammaachaa dhufuu, jiraattonii BBCf barreessan garagaraa dubbatu. Keessattuu jiraattonni BBC qunnaman Aanaalee Ganjii fi Laaloo Assaabiitti wanta tahaa jira jedhan, suuraa waliin nuuf erganii jiru. Dargaggoo Lalisaa Tafarii jiraataa Godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjii ture. Torban lamaan darbe humna waraana mootummaa naannicha jiruun erga qabamee booda ajjeefamee akka argame maatiin BBCtti himan. Sanbata guddaa gaafa 02 bara 2012 A.L.Itti lafa gabaatti miseensota waraanaan qabame kan jedhan miseensotni maatii dubbisne, guyyaa lama...

Ibsa Ajajaa Ol-aanaa ABO/WBO

Image
Ilmaan Oromoo Lola Halagaan Karoorse Keessatti Qodaa Fudhatanii Dhumuun Fafa!         The Gada Republic of Oromia (Ibsa Ajajaa Ol-aanaa ABO/WBO) Impaayera itoophiyaa keessatti Oromoon akka Oromootti mataa ol qabatee akka hin jiraannef waggaa dhibba of-duuba hambisanii bituun imaammata habashootaati. Oromoon impayera kana keessatti karaa siyaasa, diinagdee, barnootaa, hawaasummaa fi kkf hacuucamaa fi cunqurfamaa har’a gahe. Habashooti gaafa nagaa akka Oromoon qotee fi tiksee isaan sooru, gaafa lolaa ammoo lolee aangoo isaanii irratti isaan tiksu hawwu. Hawwii kana bakkaan gahuuf ammoo ijoolleen Oromoo kumoota dhibbaan lakkaawaman qawwee itti hidhanii uummataan wal-dura dhaabuun ficcisiisaa jiraatan. Haala kanaan, ilmaan Oromoo lola halagaan karoorse keessatti qooda fudhatanii lubbuu dhabanii fi qaamaa hir’atan hedduu dha. Bara lola Adawaa irraa eegalee haga har’aatti ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallatnee keessatti qooda fudhatan fayidaan isaan argatan h...