Posts

Showing posts from April, 2020

EEBBA OROMOO

Image
===== EEBBA TUULAMAA ====== Hayyee!, Hayyee! Hayyee! Waaqa uumaa Waaqa uumamaa Waaqa Burqaa Haroo Walaabuu Waaqa sagaltama garbaa Waaqa salgan Booranaa Waaqa torban Baarentummaa Waaqa Bokkuu Gurraachaa Waaqa Ciicoo Gurraattii Waaqa Caffee Tumaa Waaqa shanan Gadaa Oromoo Nagayaan nu olchitee nagayaan nu bulchi Nagayaan nu bulchitee nagayaan nu olchii Kan faantii lafaan lolte kan sammuun Waqaan lolte nurraa qabi Irraa-gora nu oolchi Dogoggora nu oolchi, Hamaa nurraa qabi Tolaa nutti qabi, Xiqqaa nuu guddisi Guddaa nu muldhisii/bulchi Waan qabnuun nu bulchi Rooba nagayaa roobi Baraa nagayaan nu basii Gadaan roobaa nagayaa Barri quufaa gabbina!          ===== EEBBA BOORANAA ====== Ardaan nag.....................................Nagee Bobbaan nagaa....……..................Nagee Barri nagaa………............................Nagee Waareen nagaa.............................Nagee Waariin nagaa………....................Nagee Reerii nagaa…………….......….........Nagee Dheedi nagaa…………....................Nag

SEENAA AGARII TULLUU

Image
           SEENAA AGARII TULLUU          Agarii Tulluu Agariin Tulluu' qabsaawaa mirga Oromooti . Agariin bara sirna abbaa lafaa keessa cunqursaa ummata Oromoorra ga'u balaaleffachuudhan qabsoo waraanaa jalqabe. Qabsoo irra guddaa gochaa kan ture naannoo Salaaletti ture. Qabsoo kana gara naannoo biraattis baballisuuf sochii gochaa ture. Ijoollummaasaa Agarii Tulluu giddu galeessa Oromiyaa godiina Shawaa Kaabaa aanaaa Dagam iddoo addaa Leemman sillaasee jedhamuutti bara 1934tti dhalate. Agarii Tullu diimaa gara magaalatti aanuu fi dhaabbanni isaa baayyee gabaabadha. Yemmuu alaalaa ilaalan nama homaa hin beekne wayii fakkaata. Yeroo baayyee fuula isaa iraa gammachuutu dubbifama. Onneen isaa garuu dhiibbaa ilmaan nafxanyaatin madooftee jirti. Namoonnii isatti dhiyaata akka ragaa bahanitti Agariin garraamessa. Garraamummaan isaa garuu sodaataa isa hin goone, hinumaayyuu akka inni hiyyeessaf falmuuf baay'ee gargaare. Agarii Tulluu bishaan daakudhan yeroo ijoollumaasaa dabarse. G

SEENAA KO. ALAMUU QIXXEESSAA

Image
SEENAA KOLONEEL ALAMUU QIXXEESSAA (Bit.5,1907-Ado.09,2001)                 Koloneel Alamuu Qixxeessaa(05,03,1907-09,11,2001)   Seenaa fi eenyummaan Ummata Oromoo gita-bittoota habashotatiin, awalamee, irra deemamaa ture, boolla keessaa basaanii bakka ganamatti deebisuuf, kutannodhan Mootummaa sirna H/Silasee keessatti wareegama barbachiisu mara, kaffalanii dhaloota harraa fi boritii karaa kan saaqan gotoonni Dacheen Oromiyaa biqilichiite heddudha. Isaan keessaa bu’ureesaa fi Presadaantiin Waldaa Maaccaa fi Tulamaa kan turan kabajamaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa nama durati. Koloneel Alamuu Qixxeessaa dargaggummaa isaanii irraa eegalee, hanga gaafa adeemsa isaanii fixanitti (09/11/2001) Umani Oromoo gabrummaa Habashotaa jalaa ba’’ee abbaa biyya isaa akka ta’u, murannoodhan hojjataa akka turan dhaloonni ammaa kun ragadha. Kabajamaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa, abbaa isaanii obbo Qiixxeessaa Yaadate fi haadha isaanii addee Haayyuu Roobii irraa Bitooteessa 5, bara 1907 Walitaajjii Oromiyaa a

QEERROO

Image
QEERROON MAALI ? ================================= SeenaaGabaabduu fi CuunfaaAchii-As Dhufa(Chronology) Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bara 1992 Wayyaaneen Chaartera Mootummaa Cehumsaa keessaa ABO dhiibbatee baase Bara 1997 ammas Wayyaanee humna waraanaa qabuu fi gargaarsa waahillan isaatiin humna WBO irra guddeessa Oromiyaa keessaa dhiibee biyya ollaa Somaaliyaatti baase.             Bara 1998 ABOn Kora Sabaa Hatattamaa geggeeffate. Korri Sabaa Hatattamaa sun adeemsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan hanga yeroo sanaatti ture, jabinaa fi laafina diinota isaa, jabinaa fi laafina ofii isaa, jijjiirama haala siyaasa naannoo fi Idil-Addunyaa taasisee tarsiimoo qabsoo kan jijjiirama haala yeroo wajjin Qabsoo Bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf dandeessisu qiyaasee hooggana haaraa filatetti dirqama kennee ka’e. Hoogganni ABO 1998 Kora Sabaa Hatattamaatiin filame Kaayyoo QBO galmaan gahuun kan danda’amu Qabsoo hidhannoo itti jiramuun maddiitti Ummaticha Abbaa Qabsoo kanaa tahe diddaa sirna bittaa alagaa

SEENAA JAAL MAGARSAA BARII

Image
      SEENAA JAAL MAGARSAA BARII =============================== Jaal Magarsaa Barii bara 1942 abbaasaa Barii Tufaa fi haadhasaa Caaltuu Tufaarraa Arsii koonyaa Cilaaloo aanaa Leemmuu fi Bilbiloo, Boqqojjii ganda Leemmuu jadhamutti dhalate.                     Maatiinsaa qonnaan bultoota sirna nafxanyaa duraanii sanaan hacuucamaa fi cunqurfamaa turan yeroo ta'u, bara 1953 lafa qonnaa barbaacha godina Arsiirraa gara godina Baaletti godaananii, konyaa waabee aanaa Gololchaa, Yaakumaa Dinkitti jedhamu keessa qubatan. Baaletti erga galaniis abbaan Magarsaa obbo Barii Tufaa abbootii lafaa naannoo sana turan wajjiinis wal fudhachuu hin dandeenye. Sirna nafxanyaa fi abbaa lafaa hin sarman turan. Haala jireenyaa fi sirna yeroo sanaarraa kan ka'e, Magarsaa Barii dhalatee waggaa 14 booda bara 1956 keessa mana barnootaa galee barumsa jalgabe. Barnoota kutaa 1-4 kan barate, konyaa Gannaalee, aanaa Adaabbaa, magaalaa Adaabbaatti argamu mana barnootaa warra misiyoonii, kan Mission Interior S

HORTEE OROMOOTA FINFINNEE

SEENAA HORTEE OROMOO MAGAALAA FINFINNEE FI SEENAA HUNDEEFFAMA MAGAALAA FINFINNEE Shaggar/Finfinneen gosa Oromoo keessa isa tokkoo kan ta’ee fi dame Booraanaa keessa Tuulama kan jedhamuun abbaa qabeenyaa taatee ture. Tuulama keessa gosti guddaa fi inni angafaa kan ta’e Galaan kan jedhamu. Qarqara kibba tulluu Cuqqaalaa irraa ka’ee Hawaas (Hawaash) cehuun hanga walakkaa Shaggar/Finfinneetti tamsa’ee jira. Gosti kun balbala baayyee of jalatti kan qabu yoo ta’u hanga Wallootti diriiree jira. Inni Lammaffaan Obo Tuulamaa immoo Galaan irraa gara kaabattii Caffee Doonsaa irraa kaasee hanga Qarree-Gowwaa jedhamuttii diriiree kan jiru yoo ta’u, naannoo Finfinnee/Shaggar kan qubatee, ilam angafaa Oboo kan ta’e gosa Gumbichuu yoo ta’u hanga kaabaa Finfinnee/Shaggar naannoo Caancotti jira.  (Gosa gurguddaa 7 qaba) ilmaan Oboo Finfinnee keessa warra jiran lamaan keessaa (Gullallee Oboo fi Gullallee Beeroo) gullallee Oboo Finfinnee irraa kaasee gara kaabaa fi kaabaa dhihaatti/Lixaatti diriiree hanga

ITOOPHIYAAN ISHEE KAMII!

            ITOOPHIYAAN ISHEE KAMII? ============================== “Itoophiyaan ariifattee haka ishee gara Waaqayyootti in hiixatti.” (Faarfannaa 68:31) Macaafoota Qulqulluu zamana keenyatti argannu keessatti jechi “Itoophiyaa/Itoophiyaanoota” jedhu iddoowwan heddu irratti tuqameera.  Kanneen gidduuyis keeyyanni Faarfannaa Daawit 68:31 irra jiruu fi “Itoophiyaan ariifattee harka ishee gara Waaqayyootti in hiixatti” jedhu keessattuu biyya keenyatti akka dhaadannootti baldhinnaan faayidaa irra ooleera. Biyya teenyatti kanneen argaman Kiristaannoonni tokko tokkoofi mootota durii biratti ejjannoo “Itoophiyaan iddoolii Kiristaanaati” jedhu irra akka gahaniif kanaa fi keeyyattoonni fakkaataawwan shoora mataa isaanii gumaachaniiru. “Macaafa Qulqulluu keessatti tan tuqamte biyyiti teenya tun Itoophiyaan Waaqayyoon irraa tan nuuf kennamte biyya qulqullittii (eebbifamtuu) dha” ilaalchi jedhu uumameera. Ilaalchichis kanuma qofa irratti osoo hin dhaabbatin seenaa keenya keessatti keessattuu mooto