Posts

Showing posts from April, 2021

OROMUMMAAN MAALI!, MAALIN IBSAMAA?

Image
Piroofeesar Asafaa Jaalataa, qorannoo mata- duree ‘Oromuummaa: Oromoo Culture, Identity and Nationalism’ jedhuun bara 2007 maxxansiisan irratti, Oromummaan ilaalcha sabboonummaa, karaa bilisummaa Oromoo ta’uu ibsan. “Oromummaan akka ilaalcha seenaa, aadaa, siyaasa fi sabboonummaa Oromootti daandii bilisummaa saaqa. Daandiin bilisummaa kun wanta Oromoon marti wal wajjin qaban irratti ijaarama” jechuun ibsan. Kana malees Oromummaan ilaalcha ittiin mootummaa fi dhaabbattoota koloneeffattootaa Oromiyaa keessaa ittiin buqqisuun danda’amu ta’uus eeran Piroofeesar Asafaan qorannoo isaanii kanarratti. Giddugalaga aadaa Oromootti qorataa aadaa fi seenaa kan tahan Obbo Alamaayyoo Hayilee ammoo Oromummaan aadaa, eenyummaa, duudhaa Oromoo beekuu fi ittiin jiraachudha jedhanii ibsu. “Oromummaan aadaa Oromoo, seera Gadaa, jireenya Oromoo fi afaan Oromoo beekuudha. Aadaa uummatichaa kan mul’atu fi kiliyaa ta’an tokko tokkoon beekanii bifa sanaan ittiin jiraachudha” jedhan. Akka Obbo Alamaayy

Ertiraa Waa'ee Loltoota Ishee Itoopiyaa keessa Jiru Deebii Kennite.

Image
Ertiraan loltootashee Itoophiyaa keessa jiru jedhaman ilaalchisuun yeroo duraatif ifatti deebii laatte. UNtti ambaasaaddara Ertiraa kan tahan Sofiyaa TasfaaMaariyaam yaa’ii manni maree nageenyaa Mootummoonni Gamtoomanii Kamisa taa’erratti dhimmoota ka’aniif xalayaa barreessaniin waa’ee waraana Ertiraas ifoomsan. Tigraay keessa lolli waraanaa dhalachuu hordofee humnoonni Ertiraa daangaa ce’anii naannicha galaniiru gabaasaaleen jedhan irra deddeebiin dhagahamaa turanis, mootummoonni Ertiraas tahe Itoophiyaa ji’ootaaf waakkachaa turan. Boodarras ji’a Bitootessaa dabre keessa MM Itoophiyaa Abiy Ahimad Paarlaamaa biyyattiitti wayita dubbatan, haleellaa humnoonni TPLF raawwataniin dhiibamee waraanni Ertiraa daangaa ce’uun biyyattii galuu ibsanii turan. Kana hordofee gara Asmaraa kan imalan MM Abiy, Pireezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii wajjin mari’achuun, waraanni Ertiraa daangaa Itoophiyaa gadhiisee akka bahu waliigaluu isaanii himan. Yeroo kana guutuu gama Itoophiyaatin himamus

TAATEEN TIBBANA CHAAGINIITTI MUUDDATE YAADDOO NUTTI UUME JEDHU JIRAATTONNI

Image
Ajjeechaan tibbana Naannoo Amaaraa Godina Addaa Awwii, magaalaa Chaaginiitti gareedhaan nama tokkorratti raawwatame yaaddoo guddaa itti uumuu jiraattoonni BBCtti himan. Tibbana viidiyoon tokko naannoo Amaaraa godina Awwii magaalaa Chaaginiitti namoonni gareedhaan ta’un wayita nama tokko baajaajii keessaa baasuudhaan reebamee ajjeefamu mul’isu tokko miidiyaalee hawaasaarratti bal’inaan qoodamaa ture. Dimma kana ilaalchisees BBCn jiraattota magaalichaa kan dubbise yoo ta’u, taateen kunis baayyee kan isaan gaddisiseefi yaaddoo itti uumee ta’uu himan. Jiraattonni maal jedhan? Namoota dhimma viidiyoo ajjeechaa kana ilaalchisuun BBCn dubbise keessaa tokko namni kun erga ajjeefamee torban guutuuf deema jedhan. Jiraataan maqaasaanii eeruuf nageenyasaaniif sodaatan kun, “Nama karaa deemu [saba addaa] ta’uusaa arganii karaarratti qabanii ‘kanatu abbaa koo ajjeese’ jechaa itti yaa’anii ajjeesan. Mana baankii fuulduratti itti yaa’anii baajaajii keessaa gadi fuudhanii ajjeesan,” jechuun h

Itoophiyaan Ejjannoo Masrii fi Suudan Hidha Haaromsaa Irratti Qaban Qeeqxe.

Image
Dhimma Hidha Haaromsa Abbayyaa ilaalchisee qajeelummaa Itoophyaan agarsiifteefi mariif fedhii isheen agarsiifteef Masiriifi Sudaan deebii qajeelaa hin kennine jechuun mootummaan Itoophiyaa qeeqeera. Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa fuula tiwiitara isaarratti Hidhaa Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ilaalchisee mormii Sudaaniifi Masiriin dhiyeessan irratti gaaffii kaaseera. Haaluma kanaan, gaaffileen Sudaan dhimma hidha Haaromsaa ilaalchisee kaasaa turte deebii erga argatanii turuu eeruun, amma maaliif akka irra deebiin ka'an gaafateera. "Itoophiyaan gaaffiiwwan Sudaan Hidha kana irratti kaasaa turte dhimma teekinika waan ta'eef deebii kenniteettiif," kan jedhu ministeerichi, Itoophiyaan odeeffannoo wal jijjiiruudhaaf fedhii akka qabdu kan ibsiteefi dhimmi nageenya Hidhichaa angafa waan ta'eef dhimma of eeggannootiin qabatteettu ta'uu ibseera. Itoophiyaan kana kan jette torban darbe Koongoo Kinishaasaatti biyyoota lamaan waliin marii jaarsu

ILMI MOOTII BIRITISH FILIP GANNA 99tti BOQOTE.

Image
Waggoota 73f abbaa warraa giiftii Biritish Elizaabet 2ffaa kan ture Ilmi mootii Fiiliip, Duukiin Edinbiraa ganna 99tti du'aan boqochuu masaraan biyyaalessaa Bakiingihaam beeksise. Ilmi mootii Filiip fi intalli mootii Elizabeet kan bultii ijaarratan bara 1947 ture, kunis Elizabeet Giiftii ta'uu waggaa shan dura ture. Gaa'illi isaanii seenaa warra mootii Biritish keessatti isa dheeradha. Ibsi masaraa Baakingiham akkas jedhe: "Kabajamtuu kan taate Giiftiin [Elizaabeet] gadda guddaadhaan abbaan warraa ishee jaalatamaa ta'e, ilmi mootii Fiilip, Duukiin Edinbarg boqochuu isaa beeksifti." "Ilmi mootii Filiip ganama kanaa Masaraa Windisoor keessatti nagaan boqoteera." MADDA SUURAA,REUTERS Ibsa waa'ee suuraa, Beeksifni du'a ilma mooti karra masaraa Baakingihaam irratti maxxanfame MM UK Booriis Joonsan duukichi "jireenya dargaggoota hedduuf dadammaqina ykn hamilee uumee ture" jedhan. "Maatiin warra mootii ma

MARII BIYYOOTA SADAN DHIMMA GERD.

Image
Mariin Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaan Laga Abbayyaa irratti ijaaraa jirtu ilaalchisuun biyyoonni sadan — Itoophiyaa, Sudaaniifi Masiriin jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin Dimokiraatawaa Rippabilika Koongoo (DRC)tti gaggeeffatan ammallee osoo hin milkaa’iin hafeera. Marii Ebla 04 – 06, 2021 gaggeeffame kana dura ta’aa haaraa AU ka ta’an Pirezidantii DRC Fiiliks Antowaan Sishekeediin ministiroota dhimmi alaa, ministiroota bishaanii, jallisiifi inarjii biyyoota sadanii affeeruun kan gaggeeffame yommuu ta’u, ekispartoonni AU irraas argamaniiru. Marii Kinishaasaatti taasifame kanaan boodas biyyoonni sadan maaliif akka hin milkaa’iin hafe adduma adda isaaniin ibsa yeroo baafatan tokko isa kaanitti quba qabuu ittuma fufaniiru. Pirojektiin Hidha Abbayyaa (GERD) yoo xumurame Afrikaarraa ijaarsa guddicha bishaanirraa humna elektirikii maddisiisu ni ta’a. Itoophiyaan rakkoo ibsaa furuufi diinagdee ishee cimsuuf laga guddicha addunyaa hidhuu ishee ibsituus, Masriifi Sudaan jireenyi lammiile

Walgaarreffannaan daangaa Itoophiyaafi Sudaan hanga maaliitti?

Image
Sudaaniif Itoophiyaan naannoo daangaa Alfaashiqaa lafa umamaan misoomaaf mijaawaa ta’etti erga gara wal dhabdeetti seenanii baatiiwwan lakkaa’amaniiru. Biyyoonni lamaan kunneenis sababii waldhabdee daangaa kanaatiin gara waraanaatti seennu akka hinbarbaannee ibsan illeen, warraanni biyyoota lamaan garuu yeroo garaa garaatti walitti bu’un ni dhagahama. Humnootiin Sudaanis lola Tigraayiitti dhalate hordofuun waraanni Itoophiyaa naannicha gadhisee wayita baheetti naannicha qabachunsaa oddeeffannoon waajjira haajaa alaa Itoophiyaa irraa argame ni hima. Maddi oduu Sudaan Tribune akka gabaaseetti, Bitooteessa 29, 2021tti milishoota Itoophiyaa 200 ta’an kanneen daangaa deebisiisuuf yaalan waliin waraanni Sudaan walitti dhukaasee, namoonni lama ajjeefamaniiru. Bitooteessa 23, 2021 ammoo loltoonni Sudaan hidhattoota Itoophiyaa irratti haleellaa raawwachuun meeshaa booji’uufi meeshaalee qonnaa fudhachuu maddi oduu kun gabaaseera. Haata’u malee walitti bu’iinsi daangaa biyyoota kanneen j