Posts

Showing posts from December, 2020

Ogeessi suphaa Hambaa dhabamuun haaromsa hambaalee Oromiyaatti yaaddoo uume.

Magaala Jimmaatti kan argamu masaraan mootii Abbaa Jifaar deeggarsa Imbaasii Ameerikaatiin suphaan isaa wagga tokkoo fi ji'a afuriin dura eegalamee ture. Hambaa seenaa kana Ogeessi suphus karaa Imbaasichaa biyya alaatii kan dhufe yoo ta'u waggaa tokkoo fi ji'a jaha keessatti xumurama jedhamuunis kan karoorfame. Yeroon itti xumurama jedhame kuni dhumuuf baatiin lama qofti hafus haaromsi hambichaa garuu walakkaarra jira. Hogganaan Biiroo Aaadaa fi Turizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa BBC'tti akka himanitti haaromsi masaraa Mootii Abbaa jifaar sababoota ijoo lamaaf jecha suphaan isaa gara dhaabbachuutti dhihaateera jedhan. "Ogeessi Haaromsa Hambaa hojii kana jalqabee ture biyya alaatiyi kan dhufe. Yeroo inni jiru suphaan isaa haala gaariin deemaa ture. koronaavaayirasiin dhufnaan ogeessi kuni gara biyya isaatti deebi'e. Amma achas deebi'ee hojicha xumuruuf fedhii hin qabu" jedhan. Ogeessi kuni yeroo hojiirra turetti dargaggoota suphaa kanarratti lee

HALEELLAA SUUKANNEESSAA NAANNOO BEENISHAANGUL GUMUZ.

Beenishaangul Gumuz ' Ijoollee koo sagalii fi haadha manaa kiyya na fuulduratti ajjeesan ' - jiraataa Matakkal Haleellaan naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal deddeebi'ee mudatullee kan alanaa kun garuu haalaan suukanneessaadha. Maatiin hedduun bakka tokkotti ukkaamfamanii ajjeefamaniiru. Jiraataan Aanaa Bulan ganda Bakkujii Obbo Balaay Waaqjiraa, qonnaan bulaa miseensonni maatii 10 jalaa dhumaniidha. Isaanis mudhiirra rukutamanii Hospitaala Bulanitti yaalamaa jiraachuu himan. Maaltu ta'e ? Osoo nuti quba hin qabaatin naannawa sa'atii 12tti dhukaasi eegalame. Hirribaa akkuma dammaqnetti nutti marsanii nu haleelan. Karaa ittiin miliqnu dhabne. Booda mana cabsanii olseenanii nu fixan. Ganama namni akkuma ka'een haleellaa banan waan ta'eef namni qe'eedhaa hin baane. Miliqnee lagatti baqanna yoo jennu karaa nutti cufanii nu ittisan. Kan kiyya ijoollee koo sagalii fi haadha manaa kiyya na fuulduratti ajjeesan. Ijoollee durbaa shanii fi dh

Lola Tigray Itoophiyaa: UN sarbama mirgaa Tigraay qorachuuf hayyama gaafate.

Dhaabbatni Motummoota Gamtoomanii naannoo Tigraay keessa hayyamni deeggarsa namoomaa hin daangeeffamne akka kennamuuf gaafate. UNtti Komishinarri Olaantuun Komishinii Mirgoota Namoomaa Micheel Baachelet, haalli naannoo Tigraay keessa jiru yaaddeessaadha jechuun, deeggarsi namoomaa hindaangeeffamne gara naannichaa akka seenuuf waamicha taasisan. Ms Baacheleet ergamtoonni qorannoo deeggarsa namoomaa lama Sadaasaa 21 akka gara naannichaa seenaniif hayyamni kennamuuf himanii, garuu uggurri malawwan quunnamtii naannicha jiru ammalleen odeeffannoo walabaa argachuuf danqu dubbatan. Ibsa bahe kanarratti kallattiin deebii mootummaa argachuuf qaamoolee dhimmisaa ilaallatu garaa garaatti bilbillulleen hin milkoofne. Sadaasa 03, 2020 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru erga haleele booda, MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu ajajan. Lola torbanootaaf ture booda, Magaalaan guddoo naannoo Tigraay Maqaleen to'annoo humnoota federaalaa jala oo

Waldhabdee daangaa Itiyoo-Sudaan duuba seenaan jiru maali?

Itoophiyaa fi Sudaan dhimma daangaa gidduusaanii jiruuf furmaata waarawaa kennuufi sararuun haala danda'amurratti hardha Kibxata marii taasiisuuf jilli Ittaanaan Ministira Mummeefi Ministira Haajaa Alaa Itophiyaan Dammaqaa Makonniin hogganan Kaartuum galeera. Torban dabre Sudaan qondaalonni ishee 'osoo eegumsa irra jiranii humnoota milishaafi waraanaa Itoophiyaan tarkaanfiin tasaa irratti baname' jechuun beeksistee turte. Miidiyaan mootummaa Sudaan Suna jedhamu ammoo hidhattoonni gama Itoophiyaa haleellaa raawwataniin qondaala gameessa dabalatee, loltoonni afur ajjeefamuu gabaaseera. Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftii ''Maasaa qonnaan bulaa keessa seenanii… babal'ifachuudhaaf wanta hin taane seeraan ala deddeemuun mul'atee waan tureef kana deebisuun waan barbaachisuuf kanatu rukutame,'' jedhan. Daangaan Itoophiyaa fi Sudaan gidduu jiru yeroo hedduu bakka itti walitti bu'insi uumamudha. Lafa qonnaa ga

MATAKKAL

Naannoo Beenishaangul Gumuz, godina Matakkal haleellaa waggaa tokkoof walitti fufinsaan taasifameen lubbuun namoota baay’ee yoo darbu kaan immoo miidhamaaf saaxilamuu yeroo garaagaraatti gabaafamaa ture. Sababa kanaan rakkoo nageenyaa uumamu dhaabsisuuf komaand poostiin miseensota poolisii federaalaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa qabu naannichatti hundaa’era. Baatii tokko dura aanaa Bulan irraa gara Chaagniitti geejiba uummataa imalaa ture irratti haleellaa raawwatameen namooti 50 ol ajjeefamuun ni yaadatama. Yeroos ajjeechaarraa namoota miliqan keessaa dargaggoon jiraataa aanaa Bulan tokko haleellaa sanaan madaa’ee lubbuun hafuusaa BBCtti himeera. Dargaggoon kun dhukaasni yeroo baname dhahamee kufeetu namoonni kaan irratti waan kukkufaniif namooti ajjeechaa raawwatan waan du’e se’anii deemnaan namoota lubbuun hafan biroo waliin bosona galee akka miliqe dubbata. Dargaggoon kun konkolaataan ittiin imalaa turan guyyaa gabaa gatii taheef namoota fe’ee ture jedha. Naannoo Qiddoo jedhamtu y

ABO

Boordiin Filannoo Biyyaaleessa Ityoophiyaa waldhabdee miseensota ABO gidduutti uumame ilaalchisee murtoo dabarse! Boordiin Filannoo Biyyaaleessa Ityoophiyaa waldhabdee miseensota hoggantootaa Adda Bilisummaa Oromoo gidduutti uumaame ilaalchisee murtoo dabarseera. Boordichi miseensonni kunneen iyyannoo garaagaraa dhiyyeeffachaa turee ibseera. Hagayyaa 1, 2012 irraa eegalee miseensonni koree hojii raawwachiiftuu muraasni fi itti aanaan dura taa'aa paartichaa xaalayaa barreessaniin dura taa'aan paartichaa aangorraa dhorkamuu boordicha beeksisaniiru. Dabalataan miseensonni kunneen irra deddeebiin hoggansa paartichaarratti iyyannoo dhiyeessaa turaniiru. Gama biroon dura taa'aan dhaabbatichaa walga'ii mana maree Fulbaana 2, 2013 taa'een itti aanaa dura taa'aa fi miseensota koree hojii raawwachiiftuu fi koree giddugaleessaa muraasa hanga yaa'ii waliigalaa itti aanutti itti gaafaamummaa isaanirraa kaasuu xalayaa barreessaniin boordicha beeksisaniiru. Boordichi

#TIGRAY #ETHIOPIA

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ejansiin gargaarsa daa'immaniirratti hojjetu UNICEF ibsa Kibxata baaseen Tigraay keessatti ''daa'imman miiliyoona 2.3 ta'an deeggarsa namoomaa argachuu hin dandeenye'' jedhe. Ejansichi sababa deeggarsa qaqqabsiisuun hin danda'amne yoo ibsu erga Sadaasa 4 naannichi hanga ammaa jeeqama keessa ta'uu eera. ''Deeggarsi isaaniif malu waan barfateef akkaan yaaddofnee jirra. Dhiyeessiin akka nyaataa, kanneen hanqina nyaata madaalawaaf saaxilamaniif ammoo 'therapeutic food' (nyaata madaalawaa wal'aansaaf tolu), qorichi, boba'aa fi kanneen barbaachisoon biroon dhumuun rakkoo kana ittuu hammeessa'' jedhe. Deeggarsa namoomaa dhiyeessuurratti mootummaa Itoophiyaa waliin waliigalteerra gahamuus ammallee danqaa malee deeggarsa kennuuf haalli akka hin jirre ibseera. MM Abiy Ahimad lolli Tigraay goolabamuu erga labsanii booda dhaabbilee deeeggarsaa idil-addunyaa deeggarsa namoomaa barbaachisu naann

Lola Tigiraay: UN haala baqattoonni Ertiraa Tigraay keessaa itti qabamaniin yaadda'u hime.

Hogganaan Eejjansii baqattoota UN, gabaasawwan baqattoota Ertiraa kan Tigraay keessaa irratti ajjeefamuu, butamuufi humnaan dirqisiifamuun gara Ertiraatti deebiifamu dhagahaniin ''baayyee yaaddoofneera'' jechuun himan. Hogganichi Filiippoo Giraandii akka jedhaniitti, gochiwwan akkasii kun raawwatamuun yoo mirkanaa'e, seera idil-addunyaa guddaa cabsuu ta'a. Mr Giraandiin UN buufatawwan baqattootaa Tigraay keessaa afur qaqabuuf akka hin dhorkamne barbaada jedhan. Akkasumas baqattoota buufataalee sanaa humnaan akka biyyatti deebi'an taasifamuun guutummaatti fudhatama hin qabu jedha dhaabbatichi. Erga Sadaasa 4, 2020 kaasee waraanni Itoophiyaa naannicha keessatti humnootii Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) waliin lolaa jira. Motummaan Itoophiyaa ammoo Tigraay to'achuufi lolli dhaabachusaa beeksiisuun isaa ni yaadatama. Haata'u malee aanga'oonni TPLF amma illeen adddawwan baayyeedhaan lolaa jiraachu himan. Jimaata kaleessaas, motummaan Itoophiya