Posts

Showing posts from January, 2021

Namoonni Uffata Keelloo Dhaddacharraa Dhorkamuun Falmii Kaase.

Image
Oromo Yellow Movement Beellama mana murtii namoota 24 galmee Obbo Jawaar Mohaammad jalatti himataman hordofuuf maatii fi namoonni biroo uffata keelloo uffatan mooraa mana murtii akka hin seenne poolisiidhaan dhorkaman. Qeerroo Dire Dhawaa Mana murtii olaanaa federaalaa damee Lidataatti dhadhachi farra shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaan himatamtoonni 24 galmee Obbo Jawaar Mohaammad jalatti himataman, yakka raawwachuu fi dhiisuu irratti jecha isaanii fudhachuuf ture har’atti beellama kan qabate. Haata’u malee sababa namoonni dhaddacha irratti hirmaachuu dhaqan uffannaa halluu keelloo uffataniif poolisiin mooraa mana murtichaa akka hin seenne dhorkeera. Qeerroo Wallaggaa Namooti uffata halluu keelloo uffatanii dhaddacharratti hirmaachuu dhaqan gariin poolisiin itti marsee wayita fuudhee deemu viidiyoowwan marsaalee hawaasaarratti gadi dhiifaman ni agarsiisu. Namoonni dhaddacharratti hirmaachuu dhaqan kunneen uffata hidhamtoonni siyaasaa uffatan kan fakkaatu uffachu

OLF SAYS ELECTORAL BOARD’S FAILURE TO ADDRESS ITS REPEATED COMPLAINTS ON GOV’T CRACKDOWN RESTRICTING ITS ABILITY TO PARTICIPATE IN ELECTIONS

Image
Jaal Dawd Ibsa OLF Chair Man National Electoral Board of Ethiopia (NEBE), the Oromo Liberation Front (OLF), said the government’s continued blockade of its headquarters in Addis Abeba using police forces and the closure of several of its branch offices in various places is having undue pressure on the organization’s capacity to organize and participate in the coming elections. The OLF also criticized the neutrality of the Electoral Board for failing to respond to its repeated complaints on the matter for five months. Signed by its Chairperson, Dawud Ibssa, OLF’s letter recalled the Ethiopian Electoral, Political Parties Registration and Election’s Code of Conduct Proclamation that stipulates a National Political Party registered with the Electoral Board has the right to open branch offices throughout the country and to move peacefully and freely; and the Electoral Board Establishment Proclamation which stated that the National Electoral Board has a responsibility to register, mon

Bineensi Itoophiyaa Qofatti Argaman Jeedala Diimtuu Gaarreen Baalee Maalirra Jiru?

Image
Jeedala Diimtuu Jeedalli diimtuun sanyii bineeldota marartoo Itoophiyaa qofaa keessatti argamtu yoo taatu, sanyii bineensota baduuf qarree gahanitti ramadamti. Harki caalaan bineensa kanaa Oromiyaa keessaa paarkii gaarreen Baalee keessatti argama. BBCn Sagantaa Kunuunsa Jeedala Diimtuu Itoophiyaarraa akka odeeffateetti, lakkoofsi bineensa marartoo kanaa 500 hin caalu. Hir’ina lakkoofsa bineeldoota kanneetiif sababi ijoon saroonni manaa paarkiiwwan seenanii dhibee saree maraattuu (rabies) jedhamu itti dabarsuun dhibichaan du’usaaniiti jedhame. Yeroo ammaattis jeedalli dhibee saree irraa hafan paarkii gaarreen Baalee iddoo Koteeraa fi Saannatee jedhamutti ilmoo guddifataa jiru. Sanyiin bineensa marartoo kun guutummaatti addunyaarraa akka hinbadne baraaruuf hojii hojjatamaa jiraachuu fi madda galii turizimii gochuurratti hanqina jiraachu dubbatama. Dhibeen saree maraatuu sanyii jeedala diimtuuf yaaddoo ta’u kan himan hogganaan Sagantaa Eegumsa Jeedalaa damee Oromiyaa Obbo Idiris

ETHIOSAT

Image
Saatalaayitii haaraa jedhanii kan beeksisan ”Ethiosat” ykn NSS 57°E kan dur ture ta’us mootummaan kireeffatee midiyaa isa deeggaraniif gatii salphaan kireessuu himame. Sababni Saatalaayitii kireeffachuuf mootummaa dirqisiise immoo miidiyaalee kanneen akka OMN, ONN, GADA BILISUMMAA Fi Mereja Tv cufsiisuf horii guddaa waan gaafatuuf, akkasumas ”diplomasiidhan” jarri waan hin cufneef…tooftaa kana malatan. Faayidaa EthioSat ➣Mootummaan midiyaalee ethiosat irra jiran akka fedhii isaatti too’ata. ➣ Bifa qulqullina qabuun HD(High Difinition) ta’een tamsaasa. Miidhaa EthioSat ➣ Midiyaalee kanneen argachuuf fuula sahanii gara bahaatti naannesuun dirqama, kunis baasii ogeessaa gaafata. ➣ Midiyaaleen EthioSat irra jiran dhugaaf osoo hin taane mootummaa deeggaruuf dirqamu ➣ Seerri walabummaa ”Press” akka cabuuf karra saaqa. Ummanni Maal Gochuu Danda’a? Ummanni fuula sahanii isaanii naannessuu dhiisuu danda’u. Fuulli sahanii hin naannofne jechuun midiyaaleen EthioSat irra jiran daaw

GUMAA

Image
Aadaa Oromoo :  Gumaan, sirna namni lubbuu baase namaa fi Waaqa ittiin araarfatu. Abbaa Gadaa fi Haadha Siiqqee Hariiroo waliin jireenya namootaa keessatti namni tokko itti yaadees haa ta’u tasa lubbuu nama kan biraa balleessuu dandaha. Firri yookan maatiin namni jalaa miidhame sanaammoo haaloo bahuuf gartuu kan biraa irraan miidhaa akka hin geessifnee fi badiin lubbuu dabalataa akka hin geenyeef Oromoon aadaa Gumaa qaba. Gumaan maali ? Maloota araaraa sirna Gadaa keessatti rakkoo namoota yookan gosa gidduutti dhalatu ittiin furuuf hammataman keessaa mala waldhibdee hiikuu isa tokkodha Gumaan. Giddu gala aadaa Oromootti qorataa seenaa kan tahan Obbo Alamaayyoo Hayilee Gumaan lubbuu namaa badeef gatii kanfalamee araarri ittiin bu’udha jedhan. “Gumaa jechuun gabaabumatti gatii Lubbuu jechuudha. Gumaan araara lubbuu namaa bade sanaaf namaa fi Waaqa wajjin godhamu jechuudha.” “Cubbuu oofirraa dhiquu jechuudha. Cubbuun akka maatii isaanitirra hin geenye, namni isaaniitis bifa Kan

HOOGGANOONNI TPLF MANA MURTII LIDATAATTI DHIHAATAN.

Torbee darbe Tigraay keessatti qabamanii gara Finfinnee hogganoota geeffaman keessaa: Obbo Sibahaat Naggaa fi Aadde Keeriyaa Ibraahim dabalatee Jimaata mana murtiitti dhiyaataniiru. Tajaajilli Oduu Itoophiyaa akka gabaasetti hogganoota dabalatee namooti mana murtiitti dhiyaatan rakkoo Tigraayitti dhalateen wal-qabatee hogganoota TPLF yakkaan shakkaman 20 dha. Namoonni kunneen mana murtii sadarkaa tokkoffaa ramaddii dhaddachaa araadaatti kan dhiyaatan yoo tahu, kanneen keessaa hoggantoonni TPLF duraanii keessaa Obbo Sibahaat Naggaa, Obbo Abbaay Walduu, Aadde Keeriyaa Ibraahim, Dr Abrahaam Takasta, fi Aadde Qidduusaan Naggaa akka argaman ibsameera. Shakkamtoota har'a mana murtiitti dhiyaatan waraana kaaba biyyattiitti buufatee jiru haleeluufi yakkoota biroon kan barbaadaman tahuu poolisiin qorataa mana murtiif dhiyeessuun himameera. Poolisiin dhimma kana qorachaa jiru shakkamtoota 20 mana murtiitti dhiyaatan irratti beellama guyyaa 14 gaafatee eeyyama argateera. Tajaajilli Oduu

Abbaay Tsahaayyeefi Ambaasadar Siyyum Masfin ajjeefaman jedhame.

Hogganaa Korporeeshinii Sukkaaraa duraanii Itoophiyaa kan turan Obbo Abbaay Tsahaayyeefi Ambaasadar Siyyum Masfin dabalatee hoggantootni TPLF afur ajjeefamuu Humna Ittisaa Itoophiyaa wabeeffachuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan. Haa ta'u malee kana dura hoogganaa Waraana Bilisummaa Oromoo Jaal Marroo ''ajjeefne'' jedhanii gabaasa sobaa deddeebin dubbachuun isaanii tarkaanfin fudhatame jedhame hangam akka dhugaa ta'e beekun waan hin danda'amneef mamii guddaa uume. Waan hundaafuu yoo dhuguma du'e ta'e boolla isaa sukkaarri haa guutu!

Hidha Haaromsaa፡ Masriin dhimma hidha haaromsaarratti sanada dhiyaate fudhachuu didde.

Mariin dhimma hidha haaromsaa adda citee ture Dilbata kaleessaa itti deebi'amee mari'atameera, marii kanarratti wiixinee waliigaltee sanadaa, ogeeyyii dura taa'aa Gamtaa Afriikaan bakka buufamaniin dhiyaate, Masriin diduushee Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Itoophiyaa himeera. Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan jaarsummaa Gamtaa Afriikaatiin marii dhimma hidha haaromsaarratti gaggeessaa turan naannoo ji'a tokkoof adda citee ture. Mariin kun Dilbata kaleessaa (Amajjii 03,2021) wayita eegalu, ogeeyyiin Gamtaan Afriikaa bakka buuse wiixinee sanada waliigaltee biyyoota sadeeniif dhiyeessanii turan. Wiixinee sanadaa kana Itoophiyaa fi Sudaan haala gaariidhaan fudhatan jedha ibsi Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Itoophiyaa. Marii deebi'ee itti fufuun gaggeeffame kana Ministeera Qindoominaa fi Hariiroo Idil-addunyaa Afriikaa Kibbaa fi Dura taa'aa Koree Hojii Raawwachiistuu Gamtaa Afriikaatu dursan. Marii kanarratti ministiroonni dhimma alaa fi dhimma bi