Posts

Shawaa Lixaa: Bosonni Jibaat Shawaa Lixaatti argamu hektaara 1,000 ol gubate.

Image
Bosonni Jibaat Kibxata darbe eegalee ibiddaan gubachaa akka jiru jiraattotni fi angawootni mootummaa himan. Bosonni rukkataan godina Shawaa Lixaa keessatti argamu bosonni Jibaat aanaalee sadi Jibaat, Daannoo fi Liiban Jaawwii keessatti balaan ibiddaa irratti qaqqabe. Itti gaafatamaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo, Bosonaafi Jijjiirama Qilleensaa aanaa Liiban Jaawwii kan ta’an Obbo Balaachoo Fiixaa, balaa ibiddaa Kibxata eegaleen bosonni hektaara 1,000 ol manca’uu himan. Jiraataan aanaa Liiban Jaawwii BBCn haasofsiise Obbo Taammana Asfaaw Kibxata ganama “qaama mootummaafi qaama daggala keessa jiru gidduutti dhukaasni ture” jedhan. “Dhukaasni banamee xiqqoo turee ibiddi qabate” jedhan. Sana boodas ibiddichi gama kallattii afurin bal’achaa deemuu himan. Jiraataan kun balaan ibiddaa kun osoo hin qaqqabin dura yeroo garaagaraatti bosona keessaa aarri aaraa akka ture himan. Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaatti daayirektarri Misoo...

Eertiraan loltoota ishee daangaa Itoophiyaa keessaa baasuuf waliigalte.

Image
Eertiraan loltoota ishee daangaa Itoophiyaa keessa jiran baasuuf waliigaluu ishee MM Abiy Ahimad beeksisan. Kamisa gara Eertiraa kan imalan MM Abiy Ahimad, pireezidant Isaayyaas Afawarqii waliin mari’achuu fi mootummaan Eertiraa loltoota isaa daangaa Itoophiyaa keessaa baasuuf waliigaluu himan. Battaluma loltoonni Eertiraa gadi dhiisanii bahaniin Raayyaan ittisa biyyaa bakka bu’ee daangaa tiksuu eegala jedhan MM Abiy ibsa ganama kana baasaniin. Loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti sarbama mirgoota namoomaa ‘yakka waraanaa ykn yakka dhala namaarratti raawwatamu’ ta’uu danda’u raawwataniiru jedhamuun qeeqamaa jiru. Kana hordofuunis loltoonni Eertiraa naannicha keessaa akka bahan Ameerikaa fi UN dabalatee biyyoonni kaanis dhiibbaa uumaa turan. Biyyoonni lamaan yeroo dheeraaf loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti lolaa jiraachuu waakkataa erga turaniin booda Kibxata darbe MM Abiy Ahimad loltoonni Eertiraa daangaa ce’uu ifatti dubbatan. Lolto...

Abiy Ahimad: ‘Yakki loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti raawwatan fudhatama hin qabu’

Image
Humni waraanaa Eertiraa daangaa Itoophiyaa seenee yakka hojjete kamiyyuu hin fudhannu jedhan MM Abiy Ahimad. Lola Tigraay mootummaan ‘tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu’ jedhee waamu irratti loltoonni Eertiraa hirmaachuufi sarbama mirga namoomaa gara garaa raawwachuu isaanii Ameerikaa dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa himachaa turan. MM Abiy Ahimad dhimma loltoota Eertiraa irratti yaada yoo kennan kun yeroo duraatiifi. Gaaffii mana maree bakka bu’oota uummataarraa dhiyaateef deebii yoo kennan, uummati fi mootummaan Eertiraa oolmaa nuuf oole hin dagannu jedhan. Waraanni Itoophiyaa daangaarra ture gara jiddugaleessa Tigraayitti socho’uun wal qabatee, loltoonni Eertiraa gara naannoo daangaa duraan loltoonni Itoophiyaa turaniitti socho’uu himan. Kanaaf akka sababaatti gama Eertiraa irraa kan dhiyaate ‘yaaddoo nageenya biyyaalessaa’ qabna kan jedhu ta’uu himanii, loltoonni Itoophiyaa bakka daangaatti wayita deebi’an lol...

Paartiin Oromiyaa bulchu hidhattoota naannoo Amaaraa ‘yakka waraanaan’ himate.

Image
Walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa godina addaa Saba Oromoo keessatti lubbuu namoota nagaa galaafate ka’umsi isaa finxaaleessummaa fi shira siyaasaati jedhe Paartiin Badhadhinaa Oromiyaa . Paartichi ibsa Wiixata galgala baaseen walitti bu’iinsa Jimaata darberraa eegale kanaan miidhaa ulfaataan lubbuu fi qabeenya lammiilee nagayaa irra gaheera jedhe. Walitii bu’iinsi kun paartii fiinxaleessaa fi hogganoota mootummaa naannoo Amaaraa tokko tokkoon qindaa’ee kan jedhu ibsichi, badii dhaqqabe keessaa hidhattoonni naannoo Amaaraa qooda olaanaa qabaachuus himeera. Itti dabaluunis hidhattoonni mootummaa naannoo Amaaraa lammilee nagaa irratti “yakka waraanaa raawwataniiru” jedhe. Gama biraan Biroon Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa walitti bu’iinsi Naannoo Amaaraa godina Addaa Saba Oromoo keessa deemaa jiru ”sirriidha jennee hin amannuu” jedhe. Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa obbo Jibriil Moh...

Itoophiyaanfi Turkii: Hariiroo cimsachuun isaanii siyaasa Gaanfa Afrikaa keessatti maal akeeka?

Image
Itoophiyaan dhiheenya kana walitti dhufeenyi biyya Turkii waliin qabdu cimsaa dhufuun ishee waan akeeku qaba jedhu xiinxaltoonni. Keessumaa rakkoo amma biyyattii keessa jiruufi waan Gaanfa Afrikaatti ta’a jiru kaasu. Ofii galmi Itoophiyaa maali jedhanii himu? Imalli qondaaltonni Itoophiyaa walakkeessa baatii Guraandhalaa gara Turkii taasisan dippilomaatii gameessa biyyattiitin ”ergama milkaa’e” jedhameera. Jila Itoophiyaa gara Turkiitti imale kan hoogganan Ministirri Muummee I/aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnin gita isaanii Turkii Mevlut Cavusoglu waliin mari’ataniiru. Akka miidiyaan biyyattii  Anadolu Agency gabaasetti dhimmi waldhibdee daangaa Itoophiyaafi Sudaan akkasumas haala nageenyaa irratti hariiroo cimsachuun dhimmoota irratti mari’atamedha. Biyyoonni lamaan erga hariiroo dippilomasii eegalanii waggaa 125 yoo ta’u isallee walin kabajaniiru. Akka xinxaltoonni jedhanitti adeemsi Itoophiyaa biyya...

ODEESSA WAA'EE LOLA WALOO FI NAANNOO ISHEETTI DEEMAA JIRUU

Image
'Qotee bulaadhaani kan wal lolamaa jiru'-Bulchaan Aanaa Jiillee Dhummuugaa Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattota ofirraa ittisan Godina Addaa Saba Oromoo Bulchaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Lola naannoo Amaaraa godinaalee Shawaa Kaabaa fi Godina Addaa Saba Oromoo keessa adeemaa jirun lubbuun namootaa darbuu, namootni madaa’uu fi manneen gubachuutu himamaa jira. Godina Addaa Saba Oromootti bulchaan aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Jamaal Hasan Dilbata BBCn bilbilaan yoo dubbisuun gandoota aanichaa shan keessatti lolli adeemaa jiraachuu himan. “Hawaasni keenya uummata qotee bulaati. Akka amma miidiyaadhaan lallabamu kanaa miti. ABO Shanee, warra gurmaa’e, meeshaa waraanaa ulfaataa wanti jedhamu hin jiru. Qotebulaadhaani kan wal lolamaa jiru” jedhan. “Manni qoteebulaa gubataa jira. Qotebulaan du’aa jira. Inni du’aa jiru kun immoo Shaneedha jedhameeti gabaasni kan irratti hojjetamaa jiru” jechuunis himan Obbo Jamaal Hassan. ...

Naannoo Amaaraa magaalaa Axaayyeefi naannawaasheetti haleellaa raawwatameen lubbuun namaa darbe.

Image
MADDA SUURAA,FEESBUUKII MUSI Ibsa waa'ee suuraa, Sababa rakkoo nageenyaa Axaayyeef jecha imaltoonni Dabrasiinaatti ugguraman Naanoo Amhaaraa godina Shawaa Kaabaa , aanaa Efiraataafi Gidim magaalaa Axaayyeetti kaleessa [ Jimaata ] galgala haleellaa halkan saatii sadiirraa jalqabee hidhattootaan raawwatameen lubbuun namoota nagaa darbuu namoonni bakka sana jiraataniifi aanga'oonni BBCf mirkaneessaniiru . Itti-gaafatamaa Waajira Nageenya Ummataafi Bulchaa Itti-aanaa aanaa Efraataafi Gidim kan ta'an Obbo Salamoon Altaayyee hanga ammaatti namoonni afur ajjeefamuu kan argan yoo ta'u, jiraattonnis kanuma mirkaneessan. Dhukaasni magaalattii keessatti dhaga'amaa jirus hanga Sanbata waareetti waan hin dhaabbatiin jiruuf haleellaa qaqqabe kanaan miidhaa hangamiitu akka qaqqabe sirriitti adda baafachuun akka hin danda'amne aanga'aan kun dubbataniiru. Dhukaasni kun naannawaa magaalaa Axaayyee gandoota 01, 02 fi 03, akkas...