Posts

Showing posts from March, 2021

Shawaa Lixaa: Bosonni Jibaat Shawaa Lixaatti argamu hektaara 1,000 ol gubate.

Image
Bosonni Jibaat Kibxata darbe eegalee ibiddaan gubachaa akka jiru jiraattotni fi angawootni mootummaa himan. Bosonni rukkataan godina Shawaa Lixaa keessatti argamu bosonni Jibaat aanaalee sadi Jibaat, Daannoo fi Liiban Jaawwii keessatti balaan ibiddaa irratti qaqqabe. Itti gaafatamaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo, Bosonaafi Jijjiirama Qilleensaa aanaa Liiban Jaawwii kan ta’an Obbo Balaachoo Fiixaa, balaa ibiddaa Kibxata eegaleen bosonni hektaara 1,000 ol manca’uu himan. Jiraataan aanaa Liiban Jaawwii BBCn haasofsiise Obbo Taammana Asfaaw Kibxata ganama “qaama mootummaafi qaama daggala keessa jiru gidduutti dhukaasni ture” jedhan. “Dhukaasni banamee xiqqoo turee ibiddi qabate” jedhan. Sana boodas ibiddichi gama kallattii afurin bal’achaa deemuu himan. Jiraataan kun balaan ibiddaa kun osoo hin qaqqabin dura yeroo garaagaraatti bosona keessaa aarri aaraa akka ture himan. Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaatti daayirektarri Misoomaa fi Itti Fayyadama Bosonaa kan ta’an O

Eertiraan loltoota ishee daangaa Itoophiyaa keessaa baasuuf waliigalte.

Image
Eertiraan loltoota ishee daangaa Itoophiyaa keessa jiran baasuuf waliigaluu ishee MM Abiy Ahimad beeksisan. Kamisa gara Eertiraa kan imalan MM Abiy Ahimad, pireezidant Isaayyaas Afawarqii waliin mari’achuu fi mootummaan Eertiraa loltoota isaa daangaa Itoophiyaa keessaa baasuuf waliigaluu himan. Battaluma loltoonni Eertiraa gadi dhiisanii bahaniin Raayyaan ittisa biyyaa bakka bu’ee daangaa tiksuu eegala jedhan MM Abiy ibsa ganama kana baasaniin. Loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti sarbama mirgoota namoomaa ‘yakka waraanaa ykn yakka dhala namaarratti raawwatamu’ ta’uu danda’u raawwataniiru jedhamuun qeeqamaa jiru. Kana hordofuunis loltoonni Eertiraa naannicha keessaa akka bahan Ameerikaa fi UN dabalatee biyyoonni kaanis dhiibbaa uumaa turan. Biyyoonni lamaan yeroo dheeraaf loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti lolaa jiraachuu waakkataa erga turaniin booda Kibxata darbe MM Abiy Ahimad loltoonni Eertiraa daangaa ce’uu ifatti dubbatan. Loltoonni Itoophiyaa sababa TPLF’n haadhamanii

Abiy Ahimad: ‘Yakki loltoonni Eertiraa Tigraay keessatti raawwatan fudhatama hin qabu’

Image
Humni waraanaa Eertiraa daangaa Itoophiyaa seenee yakka hojjete kamiyyuu hin fudhannu jedhan MM Abiy Ahimad. Lola Tigraay mootummaan ‘tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu’ jedhee waamu irratti loltoonni Eertiraa hirmaachuufi sarbama mirga namoomaa gara garaa raawwachuu isaanii Ameerikaa dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa himachaa turan. MM Abiy Ahimad dhimma loltoota Eertiraa irratti yaada yoo kennan kun yeroo duraatiifi. Gaaffii mana maree bakka bu’oota uummataarraa dhiyaateef deebii yoo kennan, uummati fi mootummaan Eertiraa oolmaa nuuf oole hin dagannu jedhan. Waraanni Itoophiyaa daangaarra ture gara jiddugaleessa Tigraayitti socho’uun wal qabatee, loltoonni Eertiraa gara naannoo daangaa duraan loltoonni Itoophiyaa turaniitti socho’uu himan. Kanaaf akka sababaatti gama Eertiraa irraa kan dhiyaate ‘yaaddoo nageenya biyyaalessaa’ qabna kan jedhu ta’uu himanii, loltoonni Itoophiyaa bakka daangaatti wayita deebi’an loltoonni Eertiraa daangaa Itoophiyaa keessaa ni bahu je

Paartiin Oromiyaa bulchu hidhattoota naannoo Amaaraa ‘yakka waraanaan’ himate.

Image
Walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa godina addaa Saba Oromoo keessatti lubbuu namoota nagaa galaafate ka’umsi isaa finxaaleessummaa fi shira siyaasaati jedhe Paartiin Badhadhinaa Oromiyaa . Paartichi ibsa Wiixata galgala baaseen walitti bu’iinsa Jimaata darberraa eegale kanaan miidhaa ulfaataan lubbuu fi qabeenya lammiilee nagayaa irra gaheera jedhe. Walitii bu’iinsi kun paartii fiinxaleessaa fi hogganoota mootummaa naannoo Amaaraa tokko tokkoon qindaa’ee kan jedhu ibsichi, badii dhaqqabe keessaa hidhattoonni naannoo Amaaraa qooda olaanaa qabaachuus himeera. Itti dabaluunis hidhattoonni mootummaa naannoo Amaaraa lammilee nagaa irratti “yakka waraanaa raawwataniiru” jedhe. Gama biraan Biroon Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa walitti bu’iinsi Naannoo Amaaraa godina Addaa Saba Oromoo keessa deemaa jiru ”sirriidha jennee hin amannuu” jedhe. Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa obbo Jibriil Mohaammad rakkoo kana ilaalchisee BBC’f yaada kennaniin maddi

Itoophiyaanfi Turkii: Hariiroo cimsachuun isaanii siyaasa Gaanfa Afrikaa keessatti maal akeeka?

Image
Itoophiyaan dhiheenya kana walitti dhufeenyi biyya Turkii waliin qabdu cimsaa dhufuun ishee waan akeeku qaba jedhu xiinxaltoonni. Keessumaa rakkoo amma biyyattii keessa jiruufi waan Gaanfa Afrikaatti ta’a jiru kaasu. Ofii galmi Itoophiyaa maali jedhanii himu? Imalli qondaaltonni Itoophiyaa walakkeessa baatii Guraandhalaa gara Turkii taasisan dippilomaatii gameessa biyyattiitin ”ergama milkaa’e” jedhameera. Jila Itoophiyaa gara Turkiitti imale kan hoogganan Ministirri Muummee I/aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnin gita isaanii Turkii Mevlut Cavusoglu waliin mari’ataniiru. Akka miidiyaan biyyattii  Anadolu Agency gabaasetti dhimmi waldhibdee daangaa Itoophiyaafi Sudaan akkasumas haala nageenyaa irratti hariiroo cimsachuun dhimmoota irratti mari’atamedha. Biyyoonni lamaan erga hariiroo dippilomasii eegalanii waggaa 125 yoo ta’u isallee walin kabajaniiru. Akka xinxaltoonni jedhanitti adeemsi Itoophiyaa biyya Turkii gama diinagdeefi waraanaan Afrikaa wal

ODEESSA WAA'EE LOLA WALOO FI NAANNOO ISHEETTI DEEMAA JIRUU

Image
'Qotee bulaadhaani kan wal lolamaa jiru'-Bulchaan Aanaa Jiillee Dhummuugaa Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattota ofirraa ittisan Godina Addaa Saba Oromoo Bulchaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa Lola naannoo Amaaraa godinaalee Shawaa Kaabaa fi Godina Addaa Saba Oromoo keessa adeemaa jirun lubbuun namootaa darbuu, namootni madaa’uu fi manneen gubachuutu himamaa jira. Godina Addaa Saba Oromootti bulchaan aanaa Jiillee Dhummuugaa Obbo Jamaal Hasan Dilbata BBCn bilbilaan yoo dubbisuun gandoota aanichaa shan keessatti lolli adeemaa jiraachuu himan. “Hawaasni keenya uummata qotee bulaati. Akka amma miidiyaadhaan lallabamu kanaa miti. ABO Shanee, warra gurmaa’e, meeshaa waraanaa ulfaataa wanti jedhamu hin jiru. Qotebulaadhaani kan wal lolamaa jiru” jedhan. “Manni qoteebulaa gubataa jira. Qotebulaan du’aa jira. Inni du’aa jiru kun immoo Shaneedha jedhameeti gabaasni kan irratti hojjetamaa jiru” jechuunis himan Obbo Jamaal Hassan. Gama biraatin Biiroon Komunikeeshi

Naannoo Amaaraa magaalaa Axaayyeefi naannawaasheetti haleellaa raawwatameen lubbuun namaa darbe.

Image
MADDA SUURAA,FEESBUUKII MUSI Ibsa waa'ee suuraa, Sababa rakkoo nageenyaa Axaayyeef jecha imaltoonni Dabrasiinaatti ugguraman Naanoo Amhaaraa godina Shawaa Kaabaa , aanaa Efiraataafi Gidim magaalaa Axaayyeetti kaleessa [ Jimaata ] galgala haleellaa halkan saatii sadiirraa jalqabee hidhattootaan raawwatameen lubbuun namoota nagaa darbuu namoonni bakka sana jiraataniifi aanga'oonni BBCf mirkaneessaniiru . Itti-gaafatamaa Waajira Nageenya Ummataafi Bulchaa Itti-aanaa aanaa Efraataafi Gidim kan ta'an Obbo Salamoon Altaayyee hanga ammaatti namoonni afur ajjeefamuu kan argan yoo ta'u, jiraattonnis kanuma mirkaneessan. Dhukaasni magaalattii keessatti dhaga'amaa jirus hanga Sanbata waareetti waan hin dhaabbatiin jiruuf haleellaa qaqqabe kanaan miidhaa hangamiitu akka qaqqabe sirriitti adda baafachuun akka hin danda'amne aanga'aan kun dubbataniiru. Dhukaasni kun naannawaa magaalaa Axaayyee gandoota 01, 02 fi 03, akkas

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hooggantuunKomishinii Mirga Namoomaa Misheel Bachaleet gaaffiiItoophiyaan dhiyeessite fudhachuun Komishinii MirgaNamoomaa Itoophiyaa waliin ta’uun ”yakka” naannoo Tigraaykeessatti raawwatame qorachuuf waliigalan.

Image
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hooggantuun Komishinii Mirga Namoomaa Misheel Bachaleet gaaffii Itoophiyaan dhiyeessite fudhachuun Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin ta’uun ”yakka” naannoo Tigraay keessatti raawwatame qorachuuf waliigalan. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Olaanaa Mirgoota Namoomaa (OHCHR) ibsa jalqbaa ji’a Bitootessaatti baaseen Qaamoleen naannoo Tigraayitti wal waraanan sarbama mirgoota namoomaa gurguddoo akka ”yakka waraanaafi yakka dhala namaarratti raawwatamanitti” lakkaa’amuu malan raawwataniiru jedhee ture. Waajira Komishinii Olaanaa Mirga Namoomaatti dubbii himaa kan ta’e Jonaataan Foowileer, ”Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa kan mootummaan hoogganamurraa dhimma naannoo Tigraay qorachuuf gaaffii dhiyaateef Baachaleet deebii gaarii deebisan ( responded Positively) jechuun dubbachuu Rooyitarsi gabaaseera. Itti dabalauunis yeroo ammaatti Waajirri Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Kamishinii

Filmaata BiyyoolessaaItophiyaarratti Ibsa ABOFilmaata BiyyoolessaaItophiyaarratti Ibsa ABO

Image
Filmaata Biyyoolessaa Itophiyaarratti Ibsa ABO (Bitootessa 8, 2021) Akkuma yaadatamu ABO qabsoo hidhannoo waggoota dheeraaf mootummoota Itophiyaa waliin gochaa ture hagayya 2018 keessa dhaabee gaaffii Oromoo gulantaa haarawaatti jijjiire. Kunis gaaffii Oromoo gulantaa haarawaatti jijjiiruudhan qabsoo karaa Nagaa fi Maree siyaasaa tiin mirga dimokraasii fi hiree murteeffannaa kabachiisuuf yaadameetu ture. Akkuma Kanaan Hoogganni ABOs Baatii Fulbaana 2018 keessaa magaalaa Finfinnee, Itophiyaatti deebi’uun ni beekama. Yeroo sanatti sabni keenya Cehumsa Ebla (April) 2018 irraa eegalee waggaa lamaaf jedhamee itti seename Filmaatni walabaa fi haqaa seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaaf geggeeffama jedhee yaadamee ture. Garuu abdiin kuni dimismisee dhumarratti dukkanaawuuf yeroo dheeraa itti hin fudhanne. Paartii biyya bitaa ture akkuma injifannoo rakasha mormitoota siyaasaa biyyatti galcheera jedhee argateen utuu yeroo itti hin kenniin ABO irratti olola hama