Posts

Ibsa Gaddaa ABO Boqachuu Jaal Leellisoo

Image
Du’aan Addunyaa Irraa Godaanuu Qabsaawaa Oromoo Miseensa Buleessa ABO Haaj Leellisoo Kaawoo Warjii Irratti Ibsa Gaddaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Addi Bilisummaa Oromoo qabsaawaa buleessa, hayyuu qaroo Oromoo, haftee qabsaawota ganamaa, manguddoo argaa-dhageettii Jaal Haaj Leellisoo Kaawoo Warjii du’aan addunyaarraa godaanuu gaafa dhageennu gaddi keenya akkaan ol’aanaa dha. Jaal Haaji Leellisoo Kaawoo Warjii Haaj Leellisoon bara 1916 A.L.I abbaa isaanii Obboo Kaawoo Warjii fi haadha isaanii Aadde Bakuu Jiloo Boruu irraa kibba-baha Oromiyaa, Godina Arsii Bahaa, Ona Xiyyoo, Ganda Goraa Kiyyoo (Wanjii Goraa)tti dhalatan. Jaal Leellisoon umrii ijoolummaa isaanii akkuma ijoollee baadiyaa kamiittuu loon tiksaa maatii isaanii gargaaraa guddatan. Gaafa umriin isaanii barnootaaf gahu, mana barnootaa amantaa Islaamaa seenuun Qur’aana qara’anii barnoota amantiin nama hayyummaa gonfatan; hayyuu amantiiti. Maatii sabboonaa irraa kan dhalatan Haaj Leellisoon cunqursaa fi roorroo alagaa...

WARAANA BILISUMMAA OROMOO (WBO)

Image
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan yeroo baay’ee mootummaa Itoophiyaatiin Shanee (yookiin ABO-Shanee) jedhamee waamamu garee hidhate kan saba-boonummaa (ethno-nationalist) yoo ta’u, irra caalaa naannoo Oromiyaa keessatti socho’a. Kunooti ibsa gabaabaa waa’ee eenyummaa isaanii, hundeeffama, fi haala qabatamaa jalqaba bara 2026 irratti qaban: 1. Hundeeffamaa fi Adda Bahuu (2018) WBO’n jalqaba irratti kooluu waraanaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ture; kunis paartii siyaasaa bara 1970-oota keessa mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu uummata Oromoo (saba baay’inaan Itoophiyaa keessatti guddaa ta’e) kabachiisuuf hundeeffamedha. Adda Bahuu: Bara 2018, mootummaan federaalaa Itoophiyaa (kan Muummicha Ministeeraa Abiyyi Ahimadiin hogganamu) hoggansa ABO wajjin waliigaltee nagaa mallatteessuun, baqattummaa irraa deebi’anii qabsoo siyaasaa nagaa akka godhan waliigalan. Garaagarummaa Uumame: Hoggansi ABO meeshaa hiikkachuufi akka paartii siyaasaatti galmaa’uuf yoo waliigalu, gareen kooluu waraana...

Marii Ajajaa Olaanaa ABO-WBO Jaal Marroofi Itti Aanaa Ajajaa ABO-WBO Jaal Gammachuu

Ajajaan olaanaa ABO-WBO Marroo Dirribaafi Itti aanaan ajajaa ABO-WBO Gammachuu Abbooyyee mootummaan rakkoo uummanni keessa jiruufi waldhabdeen siyaasaa jiru karaa nagaan akka hiikamuuf fedhiifi akeeka akka hin qabne ibsan. Marii araaraa marsaa 2ffaa Tanzaaniyaa Daar ees salaam irratti geggeeffame irratti nuti wareegamnee deebii Oromoon barbaadu ni argama jennee  rakkoofi tarkaanfii guddaa ofirratti fudhachuun dirree qabsootii baanee qilleensa mootummaan  to'atu keessa darbinee Tanzaaniyaa Daar ees Salam deemne jedhan. Gareen mootummaa immoo rakkoo siyaasaaf marii siyaasaa taasisuu dhiisuun faayidaan nu sossobuuf yaalii taasisaa turan jechuun af gaaffii kaleessaa Arraata biyyoolessa Oromiyaa irratti taasisaniin ibsanii jiru. Dhimma araaraaf qaamoleen gidduu keenya turan waggoota lamaa oliif nu gidduu deddeemaa turan kan jedhan ajajoonni kunneen, osoo mariin araaraa hin eegaliin dura Jeneevaatti mariin taasifamaa erga turee booda nu bira ga'ame jedhan. Nutis rakkoo uummanni kees...

Oromo Liberation Front Statement

Image

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Tarkaanfii Suukaneessaa Waraanni Paartii Biltsiginnaa Itti Gaafatamummaan Itti Hin Dhagahamne Oromiyaa Keessatti Ummata Nagaa Irratti Fudhatu Yakka Ilma Namummaa Irratti Kan Raawwatamee dha. Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Waraanni paartii Biltsiginnaa Itiyoophiyaa keessatti dhiiga ummatootaa dhangalaasuun lubbuu dheereffatuu amaleeffate ammas tarkaanfii suukanneessaa ummata nagaa irratti fudhateera. Akka kanaan asuma Finfinneetti dhihoo kan taate giddu-gala Oromiyaa Godinoota Kibba-lixa Shaggarii fi Salaalee akkasumas Kibba Oromiyaa Godina Gujiitti dhukaasa irraa jalaan xiyyara nama-maleessa (Dirone), dabalatee boombii summii fe’atee fi meeshaa gurguddaa ummata nagaa irratti dhukaasuun lubbuu ummataa hedduu galaafatanii jiru. Kaan madoo fi fayya-dhabeeyyii taasisaniiru; manneen ummataas gubaniiru. Tarkaanfii suukanneessaa ummata nagaa irratti fudhataniinis, Amajjii 21, 2024 Giddu-gala Oromiyaa Godina Salaalee Yaayyaa Haroo ganda Qindoo Agamsootti dhukaasa ummata nagaa irratti banani...

WBOn Duratti!

Lolli Itti fufe! #Lixa Shaggar (Dirree Hincinni, Miyo, Tullu Boolloo, Tole, Sadan Soddoo, Taji, Abeebee, Darraa, Gabra Guraacha, Warra Jaarsoo, Hambisoo; Ada'aa Bargaa, Shukutee, Jalduu, Boosat); Gujii (Galaan, Dugda Dawaa, Bulee Horaa, Sabbaa Boruu);  #Wallagga (Mandii, Dambidoolloo, Gimbii, Sasiggaa, Anfilloo, Gawoo Qeebbee, Kombolcha, Daduu, Gabatee, Waatiyoo ): #Baale (Gobba, Barbaree, Diinshoo );  #Arsii (Heeban, Martii, Sirkaa, Asakoo); #Bunnoo Baddallee (Makko, Dabio): #Boorana (Moyyaale, ); #Harargee (Ciroo, ); #Walloo (Kamisee, ) keessati tarkaanfilen fudhatamanii injifannooleen gurguddoo galmeeffamaniijiru. Gama ijaarsaan Oromoon biyya ambaa keessa jiru qabsoo isaa gargaaruuf gulantaa gulantaan wal ijaaree sosso'uun hojii nama boonsu ta'ee jira. Haga ammaati sadarkaa idil-addunyaatti, Godinoota Awurooppaa, Kanaadaa, USA, Awustraaliyaa, Eeshiyaa fi Giddu Gala Baha, fi Afrikaa ijaaramanii jiru. Godinoota kana jalattis Gamtaaleen 19 ijaaramanii jiru. Gamtaalee 19 jal...

Af Gaaffii Obbo Taayyee Danda'aa

Obbo Taayyee Danda’aa Deetaa Ministeera Nagaa Itoophiyaa yoo ta’an, dhimmoota siyaasaa Naannoo Oromiyaa fi biyyaa irratti ilaalchaa fi ejjennoo isaanii karaa miidiyaa hawaasummaatiin qooduun beekamu. Isaan Paartii biyya bulchaa jiru, Badhaadhina keessattis miseensa koree hoji raawwachiistuu yoo tahan, haala naannoon Oromiyaa fi biyyi keessa jirtu irratti dhaabuma isaanii kana qeequ. Waadaa jijjjiirama siyaasaa waggaa shan duraa irratti seename, haala naannoo Oromiyaa keessa jiru, marii mootummaa fi WBO, miidhaa maatii fi firootasaarra gahe, ergaawwan ministira Muummeetti qaamaan haala qabatamaa Oromiyaa himaniifi kanneen biroo irratti BBC Afaan Oromoo waliin turtii bal’aa taasisan. Maddi rakkoo amma Oromiyaatti mudate mooraan siyaasaa Oromoo diigamuudha Bara 2018 yeroo jijjiiramni siyaasaa biyyattii keessatti dhufee Oromoon aangoo biyyattii isa olaanaatti dhufe, yeroo abdiin badhaadhinaa fi dimokiraasii itti ifee mul’ate ture jedhu Obbo Taayyeen. “Gammachuu guddaatu ture. Kan namni abd...

ODEESSAALEE SADAASA 10,2023

Akka jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti waraanni maafi’aa bilxiginnaa torbee darbe keessa bobbaafaman kun jiraattota  aanaa Anfilloo fi Yemaaloogii Walal 2 gubanii ajjeesuun tokko madaa’ee hafe. Aanaa Anfilloo ganda Fandachaa bakka Daabee jedhamee beekamutti tiksitootni barcuma Abiy Ahimad jiraataa ganduma Fandachaa nama maqaan isaa Daani’el Dassaalee Garasuu  fi jiraataa aanaa Yemaaloogii Walal ganda Daallee Saasii kan ta’e nama maqaan isaa Amaanee Kibiratuu jedhamu ganduma Daallee Saasii keessatti gubanii kan ajjeesan yoo ta’u,  ganda Fandachaa bakka Daabee jedhamutti namni isaan guban Paawuloos Tafarii kan jedhamu gubatee hafuun yeroo ammaa hospitaala Dambii Doollootti yaalamaa jiraachuu jiraattotni kun dubbatan. Kun kanaan osoo jiruu aanaa Gidaamii ganda Laaloo Garee keessatti ammoo namoota lama  luba Waldaa Kiristaanaa Ortodoksii tokkoo fi dargaggoon tokko waraana faashistii kanaan ajjeefamaniiru. Lubni Waldaa Kiristaanaa Ortodoksii kun maqaan...

Odeessa Waraanaa

Miseensi raayyaa ittisa  impaayerattii tokko Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii kibba baha Oromiyaatti harka kennate. Sadaasa 9,2023 miseensi waraana bilxiginnaa tokko baha Shaggar  aanaa Boosat keessatti sirna abaaramaa bilxiginnaa uummata Oromoo dararaa jiru ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibba baha Oromiyaa Cibraa Hambaa Aanoleetti dabalamee jira. Miseensi waraana bilxiginnaa kun waan Oromoo ta'e qofaaf sirnicha keessatti  maqaa hidhata WBO waliin qabda jedhamuun shakkamaa turuu ibsuun, yeroo baay'ee namootni hedduun mooraa sirnichaa keessatti hidhaa fi sarbamiinsi mirga namoomaa akkaan waan irratti hammaateef sirnicha ganuun gara dirree qabsoo sabichaatti makamaa jiru jedhe. Anis rakkoo irra deddeebiin ana irra ga'ee fi ilaalchi murni bilxiginnaa uummata Oromoof qabu, uummaticha  cabsee waa'ee Oromummaa dagachiisuun Itoophiyummaa harkaa fi harma nu murte nu faarsisuu ta'uu hubachuun mooraa bilxiginnaa akka ganes dubbateera. Miseensi raayyaa  ...

Gara Jabummaa Sirna PP/OPDO

Image
Abbaan Barattuu Feeneet Alamaayyoo abjuun keenya milkaa’ina ijoollee keenyaa waltajjii guddaa namoota milkaa'o ta'anii irratti arguu ture malee, reeffa daa'imman keenyaa diinqa keessatti arguu hin turre jedhan.  Maatiin obbolaawwan lamaan Magaalaa Naqamteetti dhukaasa humnoota mootummaatiin ajjeefamanii, wanti nurratti ta'e ormarra akka hin geenyeef, yakki ajjechaa lammiilee nagaa irratti raawwatamu numa irratti dhaabbachuu qaba jedhaniiru.  Feeneet Alamayyoo barattuu ganna 16 ta'uufi obboleessishee Iyyoob Alamaayyoo dargaggeessa ganna 27 ta'uu, akkasumas ijoolleen isaanii kun barnoota isaaniitti hedduu jajjaboo akka ta'an yaadachiisu abbaan isaanii Obbo Alamaayyoo Taaffasaa.  Guyyaa gaafa ajjeefamanis mana jireenyaa isaanii keessatti, rasaasa alarraa dhukaafameen ture jedhu. Sadaasni 6, barri 2022 Naqamteetti uffata gaddaa uffistee darbite jedhu jiraattonni. Addatti ammoo guyyattiin maatii Obbo Alamaayyoo Taaffasaatti yaadannoo hin irraanfatamne...

Weerara Faannoo fi Humna Addaa Amaaraa

Haleellaa Dilbata Adoolessa 10 bara 2022 bulchiinsa Godinaa addaa saba Oromo, aanaa Jiillee Dhummugaa fi Godina Kaaba Shawaa akkasumas daangaa aanaalee Efiraataa fi Gidimitti uumamee tureen namoonni du’uu jiraattonni himan. Qondaalli aanaa Jiillee Dhummugaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan, “sababa kanaan sanaan lolli jalqabame jedhamuu baatus gama lamaaniin namni du’eera” jedhan. Aanga’oonni naannichaa dubbii ka’umsa lola kanaa waakkatanis hidhattoonni naannoo Amaaraa Wallo keessa maadheeffatanii turan loon ummata saamanii qalatu jedhan jiraattonni. Qaama dhimmi ilaallatutti iyyannus deebii dhabne jedhu. Haaluma kanaan dilbata naannoo sa’aatii 10ttii wayita hidhattoonni kunneen loon nama dhuunfaa saaman lolichi jalqabe jedhu . “Gama asiin namni 17 du’eera, kan madaa’es baay’eedha. Qonnaan bulaatu gama lamaaniinu dhumaa jira,” jedhu. Jiraataan Aanaa Jiillee Dhummugaa maqaansaa akka hin eeramne gaafate tokko, lolli Dilbata eegalee itti fufuu hima. “Erga dheengaddaa waan ci...

SHINNIIGGAA

Image
Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuuf wareegama baasuu eegale. Wareegama baasuu erga jalqabee waggaa dhibbaa ol taheera. Bilisummaa isaaf jecha ummatni Oromoo har’a illee wareegama qaalii baasaa jira. Boris, ifitaanis haga bilisummaan mirkanaawuutti wareegama baasuun kan hin oolle taha. Gootoota ilmaan Oromoo kan bilisummaa saba isaaniif jecha gatii lubbuu baasan yaadachuunis dirqama ilma Oromoo mara irraa eegamu. Kanaafiis Addi Bilisummaa Oromoo Ebla 15 Guyyaa Goototaa Oromoo jechuun murteessee erga kabajamuu jalqabee kunoo waggaa 42 taheera. Guyyaan kun akka itti murteeffamee gad fagennaan wal hubachiisuun barbaachisaa dha. Sababa isaa hubachuun yaadannoo goonuf nu gargaara. Gootowwan ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha baatii adda addaa keessa, guyyaa adda adda keessatti kufan galmee seenaa irra jiru. Har’a illee gootowwaan keenya guyyuu diina kuffisaa kufaa jiru. Wareegama baasuun keenya osoo hin dhumatin m...

JAAL MARROO (KUMSAA DIRRIBAA)

Image
Waliigalteen waraanaa TPLF fi dhaabbilee hidhannoon qabsootti jiran kaan waliin taasifne erga TPLF duubatti deebi’ees akkuma itti fufetti jira jedhan hogganaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO -Shanee jedhee waamu Kumsaa Dirribaa [Marroo]. Gareewwan paarlaamaan Itoophiyaa tarree shororkeessitootatti galche kunneen ifatti hariiroo tolchuun Finfinneetti qajeelaa turuu isaanii ibsaa turan. Hidhattoonni kunneenis gama Lixaafi Kibba Oromiyaa sosso’an waggoota sadan darban bakkawwan tokko tokko keessatti mootummaa waliin wal waraanuutti akka jiran maddeen ni mul’isu. Godinaalee akka Wallaggaafi Shawaa Lixaa keessatti aanga’oota mootummaa dabalatee lammiilee nagaa yeroo garaagaraatti ajjeefamaa turaniiru. Ajjeechaa kanaaf ammoo mootummaan irra deddeebiin qaama hidhate kana kan himatu yoo ta’u, oppereeshinii gaggeessuun yeroo gababaa keessatti akka dhabamsiisullee waadaa galaa tureera. Guraandhala bara 2020 BBC waliin gaaffiifi deebii kan taasisan Itti-aanaa Itaamaazhuu...

Fitawurarii Jiidhaa Tufaa

Jiidhaa Tufaa Ayyaantuudha. Ayyaantuu Jiidhaa Tufaa kan dhalatan abbaa isaanii Obbo Tufaa Barii fi haadhaa isaanii Aadde Simbirroo yoommuu ta'u; kan dhalatanis bara '' mashashaa '' jedhamuudha. Iddoon itti dhalatan immoo Godina Shawaa Dhihaa Aanaa Jalduu iddoo addaa Siibaa Garjii jedhamee waamamuttiidha.  Ayyaantuu Jiidhaa Tufaa osoo maqaa kabajaa kanaa fi Ayyaantummaa osoo hin argatin dura obbo ' Jiidhaa Tufaa ' jedhamanii waamamaa turan. Ayyaantuu Jiidhaa Tufaa yeroo ijoollummaa isaanitti jiruu baadiyyumaatin waan humni isaanii danda'een maatii isaanii gargaaraa guddatan. Maatii isaanii fi hawaasa naannichaa biratti naamusaa fi naatoo guddaa qaban ture.  Yeroo dargaggoomanii gaa'elaaf gahan durbee Warqinash jedhamtu waliin bultii hundeeffatanii waliin jiraachuu eegalan. Osuma Aadde Warqinash waliin jiraachaa jiranii weerara biyyarraa qolachuuf loltummaan Afe Nigus Xilaadhaf qacaramanii akka maqaa yeroo sanaatti kutaa biyya sidaamootti yeroo b...

WBO fi TDF Imala Gara Finfinnee Akka Dhaaban Gaafataman.

'WBO fi TDF imala gara Finfinnee godhan akka dhaaban barbaanna'-Biliinken Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkeen kan daawwannaa hojiif Keeniyaa jiran WBO fi TPLF imala gara Finfinnee godhan dhaabuun mariin dhukaasa dhaabuu akka eegalu gaafatan. Keeniyaa daawwachaa kan jiran Ministirri Haaja-alaa Ameerikaa Antonii Biliinken marii Pireezidant Uhuuruu Keeniyaattaa waliin taasisaniin booda Naayiroobiitti miidiyaaleef ibsa kennaniin waraanni Itoophiyaa babal'achaa jiraachuu isaatiin daran yaadda'uu himanii, humnooti WBO fi TPLF imala gara Finfinnee godhan akka dhaaban gaafataniiru. Ameerikaan Lammileen ishee hatattamaan Itoophiyaa keessaa akka bahan irra deebiin waamicha kan dhiyeessite yoo ta'u, kunis sababa waraanni hammaachaa jiruufi jedhan Anthony Blinken. ''Akkuma torbaniif gochaa turre, lammileen Ameerikaa Itoophiyaa keessa jiran hundi carraa jiru maratti fayyadamuun biyyattii gadi dhiisanii akka bahan hubachiifna. Waraanni hammaachaa fi kutaalee biyya...

HALEELLAA GAMOO LAKKUU AMEERIKAA FULBAANA 11/2009

Image
Haleellaa 9/11: Daqiiqaawwan 149 addunyaa jijjiiran akkamiin yaadatama. MADDA SUURAA, REUTERS Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa 9/11 kan dhiibaansaa hanga har'aatti mul'ataa jiru Waggoota 20 har'aa Fulbaana 11 barii bakka namoonni hundi jireenyasaanii idileetiif itti bahanitti garuu addunyaan itti geedaramte. Guyyaa sanatti xiyyaaroonni butaman afur gammoowwan lama kan akka mallattoo dinagdee, siyaasaafi aangoo waraanaa UStti ilaalaman jigsan. Haleellaan 9/11 kan namoota 2,996 galaafate kun US keessatti haleellaa isa cimaafi kan dhiibbaansaa hanga har'aattilleen mul'atudha. Haleellaa sanaan booda ture weerara Afgaanistaaniifi Iraaq, dabalatee US waraana ''shororkeessaa'' irratti gaggeeffamu jedhamuun kan eegalte. Sadarkaa dhuunfaatti ammoo, dhaloonni guutuun hanga ammaatti wayita taateen sun mudachuu wayita dhagahaniitti eessa akka turan ni yaadatu. Goolamniifi shororkeessummaan daqiiqaawwan 149 attamiin guyyaa sana ganama wal duraa duubaan itti muda...